Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:9 - Waadaa Haarawa

9 Kana'llee sababaan raawwatuuf seera irratti ka hundaaye qulqullaawoma mataa kiyyaa dhiisee amanitii irratti ka hundaaye qulqullummaa Waaqaa Kristosiin amanu'uun, argachu'uu fi isa woliin'llee ta'u'uun.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

9 Akka kannaan ani ka Kiristoosii ta'ee argame. Maarre qajeellummaan tiyya ta seera eegu'uun argame uduu hin taane, Kiristoositti amanu'uun ta argamte, qajeellummaan tun Rabbiin irraa dhufti; amantii irratti hundoofti.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

9 Akka kanaan ani ka Kiristoosii ta'ee argame. Maarre qajeellummaan tiyya ta seera eegu'uun argamte uduu hin taane, ta Kiristoositti amanu'uun argamte; qajeellummaan tun Rabbiin irraa dhufti; amantii irratti hundoofti.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:9
56 Cross References  

Deemaa, ‹ani ka barbaadu dhiifama malee kitima'aa miti› jedhamee, ka barreeffame maal jechuu akka ta'e qoradha'aatii hubadhaa. Ani ka dhufeef qulqullaawota uduu hin ta'in, cubbamoota gara dhiifamaa titti waamu'uuf» isaaniin jedhe.


Naminni qulqullaayomaan amanti'iin jireenna ni argata jedhamee barreeffamee jira, qulqullummaan Waaqaa'llee huji'iin waan muldhateef jalqabaa hanga muumme'ee titti naminni ka qulqullaawomu amanti'iin.


Naminni onnee isaa titti yoo amane ni qulqullwoma, afaaniin isaatiin'llee ragaa yoo baye ni fayya.


Ana woliin hidhamanii worra turanii fi ergamittoota jiddu'utti'llee firoota kiyya Yihudota beekkamittoota turaniif, Anronikosii fi Yuniyaasiif nagaya naa dhiyeessaa, isaan Kristostti amanu'uun ana durssa.


Kun'llee ka ta'eef waayee du'aatiin cubbuun akkuma mootome maratti, akkuma kana karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin jireenni bara baraa akka argamuuf, kennaan Waaqaa ka bilisaa qulqullaawoma kennu'uun, ni mootoma.


Kanaaf Yesus Kristosiin ka jiraatan, amma cubbuun hin qabaatan.


Dadhabinna amala ilma namaa irraa ka ka'een, seerri raawwachu'uuf waan hin danda'in Waaqinni taasisee jira, ilma ufii'llee fakkeennummaa foon cubbama'aatiin sababaa cubbu'uutiin ergee, foon isaatiin cubbuu murti'iin ni dhabamisiise.


Isin garuu Waaqinni Yesus Kristosiin woliin tokkummaa akka qabaattan isin ni taasise, kanaaf Waaqinni Yesus Kristosiin ogummaa keenna, qulqullaawoma keenna, qulqullummaa keennaa fi wobii keenna akka ta'u ni taasiseen.


Kanaaf naminni kum'llee gara worra Kristositii yoo ta'e uumama haarawa, uumaminni moofaan dabrree jira, bakka isaa'llee uumaminni haarofnni bu'ee jira.


Nu'u Kristosiin qoodamtoota qulqullaayota Waaqaa akka taanuuf, Waaqinni ka cubbuu hin qabnne Kristosiin, cubbuu keenna akka baadhatu ni taasiseen.


Garuu naminni ka qulqullaawomu Yesus Kristostti amanu'uun malee seera raawwachu'uun akka hin ta'in ni beekinna, nu'llee seera raawwachu'uun uduu hin ta'in Kristostti amannu'uun akka qulqullaawomnnuuf Yesus Kristostti amannee jirra, naminni kum'llee seera waadaa duraanii raawwachu'uun hin qulqullaawomu hin argitan.


Waayee Seera duraniitiif hinaafu'uun'llee yoo ta'e, amantoota woldaya amaniti'ii ni ari'a ture. Seera eeguun waayee qulqullaawomnnaa'llee yoo ta'e, ashaa malee ni jiraadha ture.


Inni waayee hujii mishaa nu'u raawwanneetiif uduu hin ta'in, fedhii mataa isaatii fi kennaa isaa ka bilisaatiin nu ni fayyise, Qulqulluumma'aaf'llee nu ni waame, kennaa isaa ka bilisaa kana'llee barootaan duranatti karaa Yesus Kristositiin, nuuf ni kenne.


hujii nu'u hojjanne ka qullumma'aatiin uduu hin ta'in inni mataan isaa dhiifama isaatiin nu ni fayyise, ka nu fayyise'llee miicata dhalachuu haarawaatii fi haareffama karaa Hafuura Qulqullu'uutiin argameen.


Bifuma kanaan Waaqinni wonittoota hin jijjiiraminnee fi wonittoota itti hin kijibamnne wonittoota lamaan jechuun abddii isaatii fi kakuu isaa nuuf kennee jira, karaa wonittoota kanniin lamaaniitiin'llee abddii fuundurana keennaan jiru jabeessinee qabachuu akka dandeennu waan itti dhiyaannu argachu'uuf, inni gara isaa worri dheessine jajabeenna ol aanaa ni arganna.


Nu'u marri keennaa yeroo baayi'ee ni dogoggorra, haasaya isaatiin ka hin dogoggorre inni qaama isaa toowachu'uuf ka danda'u, nama muda maleessa.


Tajaajilaa Yesus Kristositii fi ergamitticha ka ta'e, Simoon Phexirosiin irraa, Waaqa keennaa fi qoricha kennaa Yesus Kristosiin irraa karaa qulqullaawoma argamuutiin, akkuma amantii nu'u arigannee ka jiru amantii kabajame worra argattaniif,


Cubbuu jechuun seera Waaqaa diiguu waan ta'eef ka cubbuu hojjatu marrinuu, seera Waaqaa ni diiga.


Follow us:

Advertisements


Advertisements