Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:7 - Waadaa Haarawa

7 Eegaa asiin durana fayyadoota jedhee wonittoota itti amana ture maraa waayee Kristositiif jedhee, akka waan tasa gatii hin qabnnee taasisee isaan ni laakkaya.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

7 Haata'uu ammoo waan bu'aa naaf qabaa maraa Kiristoosiif jedhee, akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayeera.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

7 Haa ta'uu ammo waan bu'aa naaf qabaa maraa Kiristoosiif jedhee akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayeera.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:7
20 Cross References  

Naminni qabeenna biyya lafaa mara yoo argate, lubbuu isaa garuu yoo balleesse, maal isa fayyada? yookiin naminni jijjiirraa lubbuu isaatiif maal kafaluu dandda'aa?


Inni'llee uffata isaa gateeti utaalee ka'ee, gara Yesusii ni dhaqe.


«Gara kiyya ka dhufu marrinuu abbaa isaatii fi haadha isaa, haadha worraa isaatii fi ijoollee isaa, obboleeyyan isaatii fi obboleettiiwwan isaa, lubbuma mataa isaatuu ana caalsisee ka jaalatu yoo ta'e, barataa kiyya ta'uuf hin danda'u.


Akkuma kana isin jiddu'uu waan qabu maraa anaaf jecha ka hin dhiisin naminni kumi'llee, barataa kiyya ta'uuf hin danda'u.»


«Gooftaan isaa'llee namicha sooru amantii dhidhise qarummaa isaatiin ni maalalffateen, kun'llee namoota Waaqaa irra namoonni biyya lafaa jireenna isaanii ka biyya lafaatiin, qaruuteewwan ta'uu isaanii ni muldhisa.»


Marrinuu nyaatanii eega quufaniin duubatti, qamadii fe'ame gara garba ciisaa titti gatu'uun, ulffaatinna dooni'ii irraa ni salphisan.


Ufi duranatti'llee gatii fudhachu'uuf jiru waan argeef, qabeenna biyya Gibxii irra waayee Masihichaatiif salphachuun, ka caaluu ta'uu ni yaade.


Follow us:

Advertisements


Advertisements