Gara Worra Filiphisiiyusii 3:5 - Waadaa Haarawa5 Ani dhaladhee guyyaa saddeetaffaa titti gadoomee jira, dhaloota kiyyaan'llee gara gosa worra Biiniyaamiitii ka ta'e Israa'eelicha, kana irraa'llee ka ka'een, Ibraawicha Qulqullu'u. Waayee Seera Yihudotaa eegu'uutiin'llee yoo ta'e, Fariisaayicha ture. See the chapterWAADAA LAMMATAA5 Ani ka guyyaa saddeetaffa'aatitti gadoome dhaloota Israa'elii keessaa gosa Biiniyaamii ka ta'e, Ibiroota keessaallee Ibiricha. Waan seeraa yoo na gaafattan ani nama gosa Faarisii ture. See the chapterKitaaba Woyyuu5 Ani ka guyyaa saddeetesso'ootitti gadoome; dhaloota Israa'elii keessaa ka gosa Biiniyaamii, Ibiroota keessaallee Ibiricha. Waan seeraa yoo na gaafattan ani nama gosa Faarisii ture. See the chapter |
«Ani Kiliiqiya'atti ka argamttu magaalaa Xerseesii titti Yihudicha dhaladhe, ka guddatee garuu magaalaa Yerusaalemii kanatti. Barsiisaan kiyya'llee Gamaalyaatiin ture, Aadaa abbootii kiyyaa'llee xumuree ka baradhee fi akkuma adha isin raawwattan kana, Waaqa'llee hinaaffaa hafuuraatiin ka tajaajilu ture.
Phaawulos namoota achi jiran keessaa wolakkaan isaanii Saduuqoota, wolakkaan ammoo Fariisoota ta'uu isaanii ni beekee, «Yaa obboleeyyan tiyya!, Ani Fariisoota irraa ka dhaladhe, Farsicha, kunoo amma murtii duratti ka dhiyaadhe abddii naa kennameetii fi waayee worroota du'aa ka'aniitiin» jechu'uun qooniqqa isaa ol fudhatee, yaa'ii jiddu'utti ni dubbate.
Yeroo muraasaan duubatti lakkofssi amanttootaa baayi'ataa yoo deemu, afaan worra Giriiki'ii Yihudonni dubbatan namoota biyya Yihuda'aa ka ta'an ka ta'an irratti, guungumuu jala ni qaban, ka guungumaaniif'llee gargaarssa guyyaa guyyaan ni qoodama tureen, dubbarttoota abbootiin worraa isaanii irraa du'anitti shilla jedhan waan turaniif.