Gara Worra Filiphisiiyusii 3:19 - Waadaa Haarawa19 Isaaniif Waaqinni isaanii garaa isaaniiti, wonitti saalfachiisaa ta'e isaaniif ulfinna isaaniiti, yaadinni isaanii'llee ka xiyyeeffatu waan arddiilessa irratti, kanaaf muummeen isaanii badi'i. See the chapterWAADAA LAMMATAA19 Dhumti isaanii badi'i. Waandhi isaanii garaa isaaniiti, ulfinni isaanii shiingaa isaaniiti; yaanni isaanillee woma lafaatti. See the chapterKitaaba Woyyuu19 Waandhi isaanii garaa isaaniiti, ulfinni isaanii shingaa isaaniiti; yaanni isaanillee woma lafaati; dhumti isaanii badi'i. See the chapter |
Garuu bara duraanii titti ummaticha jidduu nabiyyoonni dharaa akkuma turan, isin jidduu'llee nabiyyoonni dharaa ni jiraatan, isaan balleessaa ka itti aanssu barsiifnni dharaa dhossa'aan akka tamisa'u ni taasisan, Gooftaa isaa fayyise'llee waakkatanii badii ariiffachiisaa mataa isaanii irratti ni fidan.
Ka isaanitti murteeffamu ta'uu yeroo baayi'een duranatti ka isaanitti barreeffame, namoonni tokko tokko gara keessan huluuqanii aseenanii jiran, isaan'llee kennaa Waaqaa ka bilisaa gad dhiifamammuma'aan ka jijjiiran, Waaqa worra hin waaqeffanne, inni qoftti bulichaa keennaa fi Gooftaa keenna ka ta'e, Yesus Kristosiin'llee ni waakkatan.
garuu bineenssichi ni qabame, isa woliin'llee isa duranatti baasa baayi'ee ni taasisa ka ture nabiyyichi dharaa'llee ni qabame, inni malikanni bineenssichaa isaan irra ni jira worra turanii fi suuraa bineensichaatiif'llee ni sagadan ka turan, maalalee raawwata'aa isaan ni dogoggorssa ture, kunniin marrinuu gara ibidda garba ciisa'aa dinni'iin gubatuu titti, lubbuma isaanii woliin ni gataman.