Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:14 - Waadaa Haarawa

14 Kennaa kiyya'llee argachu'uuf gara bakka gayuu qabu ka durana kiyyaan jiruu ni fiiga, kennaan kun'llee Waaqinni karaa Yesus Kristositiin gara olii waamee, jireenna naaf kennu.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

14 Gatii Rabbi karaa Kiristoos Yesuusiitiin ol na waame san argatu'uuf, gara galma sanii ariifadha.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

14 Gatii Rabbi karaa Kiristoos Yesuusiitiin ol na waame san argatu'uuf, gara galma sanii ariifadha.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:14
20 Cross References  

Yesus haasaya isaa itti fufu'uun akkana ni jedhe, «Kitaabban seeraatii fi nabiyyootaa haga Yohaannisii cuupha'aa titti dubbatama'aa turanii jiran, achii asitti'llee ka dubbatama'aa jiru dubbii gammachuu Mootummaa Waaqaati, tokko tokkoon namaa'llee gara Mootummaa sanii titti aseenu'uuf tataaffii cimaa ni taasisa.


Waaqinni eega filatee fi kennaa isaa ka bilisaa eega kenneen duubatti, waan raawwateen yaada isaa hin jijjiiru.


Wol dorgommii fiigichaatiin akkuma marrinuu fiiganii fi isaan keessaa'llee tokko qoftti badhaasa akka fudhatu, ni beekittanii mitii ree? Kanaaf isin'llee badhaasa fudhachu'uuf fiigaa.


Kun'llee salpha'aa fi ka yeroo ka ta'e rakkinni keenna, ka haga hin qabnne haalaan ol aanaa ka ta'e ulfinna bara baraaf, nu'uuf ni argamisiisa.


Nu'u Waaqaaf Hafuuraan ka Waaqeffannuu fi seera duubanaan muldhatuun uduu hin ta'in, Yesus Kristosiin qofaan ka dhaadannu waan taaneef, dhugamaanuu gadoominnee jirra.


Mata gad qabata tasaatiin malayikkoota waaqeffachu'uun ka dhaadatu naminni kumi'llee, gatii malee akka isin hin hanbbfnneef ufi eeggadhaa. Naminni akkanaa kun waayee muldhata arguutiin ufi dhaada'aa, tasaa fi yaada fooniitiin ufi ni dhaada.


Yeroo maraa isin gorssa'aatii fi isin jajabeessa'aa mootummaa isaatii fi ulfinna isaa'llee akka qoodamttaniif ka waamamittan, akkaataa waan Waaqinni ittiin gammaduutii akka jiraattaniif yaboo akka isiniin jenne ni beekittan.


Inni waayee hujii mishaa nu'u raawwanneetiif uduu hin ta'in, fedhii mataa isaatii fi kennaa isaa ka bilisaatiin nu ni fayyise, Qulqulluumma'aaf'llee nu ni waame, kennaa isaa ka bilisaa kana'llee barootaan duranatti karaa Yesus Kristositiin, nuuf ni kenne.


Kanaaf qoodamtoota waamicha samii ka taatan yaa amanttoota qulqulloofttan nana! ergamittichi amantii keennaatii fi itti gaafatamaa qeesotaa Yesusiin yaadadhaa.


Eegaa barsiisa jalqaba ka waayee Kristositiif kenname dhiifinnee, gara barsiisa muda maleessa ta'ee titti haa dabrrinuu, hujii du'e irraa dhiifamaan deebi'u'uu fi hunddee Waaqatti amanu'uu deebinee haa hunddeessnu,


Kanaaf onnee keessan kakaasa'aatii huji'iif qophaayaa, hagatti jiraadhaa, Yesus Kristos yeroo itti mulidhatutti kennaa isaa ka bilisaa ka argattaniif, abddii guutuu qabaadhaa.


Yeroo muraasaaf rakkinna eega fudhattaniin duubatti Kristosiin gara ulfinna bara baraa titti ka isin waame, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaa maraa, mataan isaatuu rakkinna fudhattan mara jalaa isin ni fayyisa, isin irkisa, isin jajjabeessa, isin hunddeessa'lle'e.


Ulfinnaa fi mishummaa isaatiin ka nu waame, isa beekuu keennaan humnniti isaa ka Waaqumma'aatiin jireennaa fi Waaqa Waaqeffachu'uuf waan nu barbaachisu maraa, nuuf kennee jira.


Ani injifadhee moo'ee, Abbaa kiyya woliin teessoo isaa irra akkuma taa'e, akkuma kana injifatee ka moo'e, anaan woliin teessoo kiyya irra akka taa'u ni taasisaan.


Follow us:

Advertisements


Advertisements