Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:11 - Waadaa Haarawa

11 Akkuma kana eega du'een duubatti ka'ee bara baraaf lubbu'uun jiraachu'uuf, abddii taasisuu kiyyaan.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

11 Gara worra du'aa ka'anii gayu'uuf uduu naa ta'ee, du'aanillee isa fakkaachuu hawwa.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

11 Gara worra du'aa ka'anii gayu'uuf uduu naa ta'ee, du'aanillee isa fakkaachuu hawwa.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:11
17 Cross References  

Kana yoo raawwatte isaan harka si deebisu'uuf waan hin dandeenneef, ka eebbifamitte ni taata. Yeroo du'aa ka'iinssa worra qulqullaayotaa titti'llee, Waaqinni siif ni kafala.»


Maaritaan'llee, «Guyyaa muumme'ee, yeroo du'aa ka'iinssaa titti du'aa akka ka'u, ni beeka» jetteen.


Phaawulos namoota achi jiran keessaa wolakkaan isaanii Saduuqoota, wolakkaan ammoo Fariisoota ta'uu isaanii ni beekee, «Yaa obboleeyyan tiyya!, Ani Fariisoota irraa ka dhaladhe, Farsicha, kunoo amma murtii duratti ka dhiyaadhe abddii naa kennameetii fi waayee worroota du'aa ka'aniitiin» jechu'uun qooniqqa isaa ol fudhatee, yaa'ii jiddu'utti ni dubbate.


Gara abddii kanaa gayuuf gosoonni keenna kudha lamaan, Waaqa halkanii fi guyyaa waaqeffataa ni eeggataniin ture, Yaa Nugusa! Ani'llee Yihudotaan ka ittiin himatameef, waayee abddii kanaatiif.


Eddoolaa san ji'a gannaa irratti dabarsu'uuf mijaayaa waan hin turniif namoonni baay'een, «Adeemssa isaanii itti fufanii ka dandda'amu yoo ta'e, gara balbala dhiyaa fi kibba dhiyaa jiran, gara Finiqee jedhamu, eddoolaa qerxees geennee ji'a gannaa achitti ni dabarsina» jedhanii, yaada ni dhiyeessan.


Kana'llee raawwachuun kiyya Yihudota firoota kiyya ka foonii ta'an hinaafsisu'uuf. Haaluma kanaan'llee isaan keessaa tokko tokkoo fayyisu'uuf ni danda'a ta'a jechu'uun.


Kun'llee ka ta'u tokkoo tokkoofuu tartiibaan, Kristos du'aa ka'uun fakkeenna jalqabaati, maa'ii yeroo Kristos dhufutti ka isaa worri ta'an du'aa ni ka'an.


Amanti'iin dadhaboota worra ta'an fayyisu'uuf jecha, akka dadhabddootaa dadhabaa ni ta'e, waan haga danda'ameetiin muraasa isaanii fayyisu'uuf, maraan woliinuu waan maraa ni ta'e.


Kanaaf kaanniin gara wol dorgommi'ii eega waameen duubatti, ani mataan kiyyaa wol dorgommi'iin ala ta'ee akka hin argaminneef, qaama kiyya toowata'aa akka naaf ajajamu ni taasisaan.


Bofinni Hewaanin dabaan akkuma isii dogoggorssiiseen yookiin yaadinni keessan'llee badee, Kristosiif ka qabddan yaadinni qajeelaan, qulqulluu fi amanammummaa ni dhiifittan jedhee sodaadha.


Waayee kanaan ammaa achitti obissaan eeguu dadhabuu kiyyaan waayee amantii keessan beeku'uuf barbaadee Ximotewosiin gara keessan ni ergeen, isa'llee sababaan ergeef qorataan yookiin karaa tokkoon isin qormaatee ni ta'a, hujiin keenna'llee tasa ta'ee hafee jira jechu'uun sodaadheeti.


Naminni kumi'llee bifa kamiinuu isin hin sobin, durssee wol waakkiin uduu hin dhufin, gara ibidda asaabaa titti ka galu nama jeeqamaa ka ta'e'llee uduu hin muldhatin, guyyaan sun hin dhufu.


Ammaa achitti gonfanni qulqullumma'aa qophaayee ana ni eeggata, gonfaa kana'llee Gooftaan murtii sirri'ii murtteessaa ta'e sun guyyaa sanitti naaf ni kenna, ka kennu'llee ana qofaaf uduu hin ta'in, muldhachuu isaa worra jaalatan maraaf.


Firoota isaanii ka dubarttoonni jalaa du'an, du'aa ka'anii isaan ni argatan, kuunniin'llee du'aa ka'iinssa caalu argachu'uuf yaadanii rakkinna gara garaa ni fudhatan, hidhama irraa'llee bilisa ta'u'uuf hin barbaanne.


Du'oonni hafan garuu haga woggaan kumaa raawwatamutti du'aa hin muldhanne, kun'llee du'aa ka'iinssa jalaqabaati,


Follow us:

Advertisements


Advertisements