Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:9 - Waadaa Haarawa

9 Waayee kanaan Waaqinni gara bakka waan maraa ol jiruu, bakka ulfinnaa ol isa ni qabeen, maqaa maqaa mara caalu'llee ni kenneef.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

9 Sababa kanaaf Rabbi hagaa ol, ol ol isa aanse; maqaa maqaa maraa caalu kenneef.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

9 Sababa kanaaf Rabbi hagaa ol, ol ol isa aanse; maqaa maqaa maraa caalu kenneef.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:9
46 Cross References  

Abbaan kiyya waan maraa naaf kennee jira, Waaqa Abbaa malee Ilma ka beeku eennu'llee hin jiru. Akkuma kana Ilma malee Waaqa Abbaa ka beeku hin jiru, eennu'llee Ilmi yoo isaa ibiseef malee Waaqa Abbaa beeku'uuf hin danda'u.


Yesus'llee gara isaanii dhiyaateeti akkana isaaniin jedhe, «Aangoon marrinuu sami'ii fi arddi'itti'llee naaf kennamee jira,


«Wonitti marrinuu Abbaa kiyya irraa naaf kennamee jira, Ilmi eennuun akka ta'e Waaqa Abbaa malee eennu'llee ka beeku hin jiru, akkuma kanaan Waaqinni Abbaan eennuun ta'uu isaa Ilma malee yookiin Ilmi isaa ibisu'uuf nama eeyyamuuf malee, ka bira'aa eennu'llee ka beeku hin jiru.»


Waaqinni Abbaan aangoo mara akka isaa kennee fi Waaqa biraa bayee akka dhufe, gara Waaqaa'llee akka deemu Yesus ni beeka ture.


Ani ammaa achitti biyya lafaa irra hin jiraadhu, isaan garuu biyya lafaa irra ni jiran. Ani gara kee dhufuu kiyya, yaa Abbaa Qulqulluu, kunniin worra naa kennite akkuma keenna tokko akka ta'an ana maqaa anaa kenniteen isaan eegi.


Ani isaan woliin yeroo turetti maqaa naa kenniteen isaan eegee jira, ani isaan ni eege, kanaaf dubbii Kitaaba Qulqullu'uu akka raawwatamu'uuf, kan ilma badi'ii malee gonkumaa isaan keessaa eennu'llee hin banne.


Yaa Abbaa! biyyi lafaa uduu hin uumaminiin duranatti, ulfinna si woliin ni qaba tureen, amma'llee ufi biratti ana kabaji.»


Waaqinni ummata Israa'eeliitiif gara Waaqaa titti deebi'uu fi dhiifama cubbu'uu akka kennuuf, Yesusiin durssa'aa fi Fayyisaa taasisee, mirga isaatiin ulfinnaan akka taa'u isa taasisee jira,


Yeroon yoo gayu karoorri Waaqinni hujii irra oolichu, uumamittoonni sami'ii fi arddii irra jiran marri, bakka tokkotti wolitti qabamanii aangoo Kristosii tokkoo jala akka ta'aniif.


Inni'llee qaama isaa ka taate mataa woldaya amanti'iiti, waan maraanuu durssaa akka ta'u du'aa ka'uun'llee ka duranaatii fi ka jalqabaati.


Akkuma kana maqaan Gooftaa keenna Yesusii Kristosii isiniin akka kabajamuu fi isin'llee Waaqa keennaa fi akkaataa bu'ura kennaa bilisaa ka Gooftaa Yesus Kristositiin, isaan akka kabajamittaniif ni kadhanna.


Maqaan isaaf kenname maqaa maleyikkoota maraatii olii waan ta'eef, Ilmi Waaqaa maleyikkoota irra haalaan ka caalee jiru.


Qulqullaawoma ni jaalatte, daba'llee ni jibbite, Sababaa kanaan'llee Waaqinni Gooftaan kee si ni filate, waahelloota kee caala'atti'llee, dhadhaa gammachuu si kennuun si ni dibe jedha.


Ka fiiginnu'llee hundeessaa amantii keennaatii fi raawwataa ka ta'e Yesusiin laalu'uun, inni'llee sababaa gammachuu fuundura isaa dhaabatee jiruutiin salphinna fannoo irratti du'u'uu womattuu uduu hin lakkaayin, rakkinna fanno'ootii fi du'a'llee ni obisse, mirga teessoo Waaqaatiin'llee ni taa'e.


Amma garuu maleyikkoota irra muraasaaf gad bu'ee ka ture, sababa rakkinna du'aa fudhachu'uutiin gonfata ulfinnaatii fi galataa ka mataa irra kaayate Yesusiin ni argina, inni'llee kennaa Waaqaa ka bilisaatiin waayee mara keennaatiif du'ee jira.


Inni gara sami'ii deemee mirga Waaqa Abba'aa ni jira, maleeyikkootaa fi huminnootiin ol aanttonni'llee, bitamaniifii jiran.


«Isatti ka gammadu Ilmi kiyya ka ani jaaladhu kana!» qooniqqi jedhu, Ulfinna ol aanaa irraa yeroo dhufetti, Waaqa Abbaa irraa ulfinnaa fi ol aanttummaa fudhatee jira.


Isaan Kristosiin tajaajilu'uuf yoo bayan, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irraa gargaarssa woyiitu hin fudhanne.


ka nu jaalatuu fi dhiiga isaatiin cubbuu keenna irraa bilisa ka nu baase, Yesus Kristosiin irraa kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.


Maleyikkaan torbaffaa'llee xurumbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, sami'itti'llee, «Mootummaan biyya lafaa ka Masihicha Waaqa Gooftaa keennaa taatee jirtti, inni baraa haga baraa titti ni mootoma» ka jedhan qooniqqi ol aanttonni ni dhagayaman.


Uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti, «Nugusa nugusotaa, Gooftaa gooftotaa» maqaan jedhu, barreeffamee jira.


Ani injifadhee moo'ee, Abbaa kiyya woliin teessoo isaa irra akkuma taa'e, akkuma kana injifatee ka moo'e, anaan woliin teessoo kiyya irra akka taa'u ni taasisaan.


Qoonqqa ol aana'aan'llee, Hoolaan qalame, huminna, qabeenna, ogummaa, jabeenna, ol aanttummaa, ulfinnaa fi galata fudhachuun, ka maluun ni jedhan.


Follow us:

Advertisements


Advertisements