Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:8 - Waadaa Haarawa

8 mataa gad qabataan ufi gad ni qabe, haga du'aa titti'llee, san'llee fannoo irratti fannifamee, haga du'uu titti, ajajamaa ni ta'e.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

8 Fakkeennaan akka namaa ta'ee, uf salphisee, haga fannifamee, du'uutittillee hin ajajame.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

8 Fakkeennaan akka namaa ta'ee uf salphise; haga fannifamee du'uutittillee hin ajajame.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:8
26 Cross References  

Achitti isaanuma duranatti bifitti isaa ni jijjiirame, fuulli isaa'llee akka adu'uu titti ni ife, uffanni isaa'llee adii ta'ee akka ifaa titti ni calaqise.


Isaan irraa muraasa achi fagaatee deemeeti, lafa irratti kallacha isaatiin gonbbifamee, akkana jechu'uun ni kadhate, «Yaa Abbaa! Ka siif danda'amu yoo taate, duloon sarddamaa kun ana irraa garasi haa dabrru! Garuu fedhii kee haa ta'u malee, fedhii kiyya hin ta'in.»


Deebi'ee'llee Yesus yeroo Lammaffaa'llee fagaatee deemeeti, «Yaa Abbaa! Duloo sarddamaa kan uduu hin dhugin ana irra dabrru ka hin dandeenne yoo taate, fedhii kee haa ta'u!» jechu'uun, ni kadhate.


Yeroo kadhatutti'llee biftti isaa ni jijjiirame, uffanni isaa'llee adii ta'ee calaqise,


«Lubbuu kiyya fedhii kiyyaan ni kenna malee, ana irraa ka fudhatuun eennu'llee hin jiru, lubbuu kiyya Kennu'uu fi deebisee'llee fudhachu'uuf aangoo ni qaba, ajaja kana'llee ka fudhadhe Abbaa kiyya irraayyi.»


garuu akka ani Waaqa Abbaa jaaladhu biyyi lafaa akka beekuu danda'u, waan Waaqinni Abbaan ana ajaje maraa ni raawwadha, ka'aa asii haa deeminnuu, jedhe.


Ani ajaja Abbaa kiyyaa akka raawwadhee fi jaalala isaatiin akka jiraadhu, isin'llee ajaja kiyya uduu raawwattanii, jaalala kiyyaan ni jiraattan.


Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Nyaanni kiyya fedhii ka ana ergee taasisu'uu fi hujii isaa'llee raawwachu'u.


Inni ni salphate, murtiin qajeelaan'llee hin kenamnneef. Lubbuun isaa'llee arddii irraa dhabamisiifamee jiraatii, waayee dhalootaatiif eennutu dubbachu'uuf dandda'a?»


Waayee ajajamuu dhabuu Addaamiitiin baayi'eewwan cubbamoota akkuma ta'an, akkuma kana waayee ajajamuu Kristositiin'llee baayi'eewwan, ni qulqullaawoma.


Isin kennaa bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii ni beekittan, inni yoma dureessa ta'e'llee hiyyeessa ta'uu isaatiin, isin dureeyyii akka taataniif waayee keessaniif jedhee hiyyeessa ni ta'e.


«Ka muka irratti fannifamee du'u marrinuu, ka abaarame» jedhamee waan barreeffameef, Kristos waayee kennaaf akka nama abaarame ta'ee, abaarssa seerri itti aanssu jalaa, nu baasee jira.


Kristos hammeennumaa mara irraa nu fayyisu'uu fi hujii mishaa hojjachu'uuf hisattootaa fi ummata qulqulluu isaaf adda baye akka taanu, nu qulqulleessu'uuf waayee keennaaf mataa isaa dabarssee ni kenne.


Ka fiiginnu'llee hundeessaa amantii keennaatii fi raawwataa ka ta'e Yesusiin laalu'uun, inni'llee sababaa gammachuu fuundura isaa dhaabatee jiruutiin salphinna fannoo irratti du'u'uu womattuu uduu hin lakkaayin, rakkinna fanno'ootii fi du'a'llee ni obisse, mirga teessoo Waaqaatiin'llee ni taa'e.


Isin cubbuu woliin woldhaanu'uun amma'llee haga dhiiga jissu'uu titti hin mormmine.


Cubbuu irraa fooyaminnee qulqullumma'aan akka jiraannuuf, inni mataan isaatuu foon isaatiin cubbuu keenna fannoo irratti ni baadhate, madaa isaatiin isin fayyitanii jirttan.


Kristos'llee mataan isaatuu gara Waaqaa titti akka nu dhiyeessuuf inni qulqullaawomaa ta'ee uduu jiru, qulqullaawoma ka hin qabnne nu'u sababa cubbuu keennaatiin, haala irra deebii hin qabnneen yeroo tokko rakkinna fudhachu'uun du'ee jira, inni fooniin ni du'e, hafuuraan garuu jiraataa ni ta'e.


Follow us:

Advertisements


Advertisements