Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:5 - Waadaa Haarawa

5 Haala kanaan Yesus Kristos ka mulidhise hujiin mataa gad qabataa, jireenna keessan keessa'llee jiraachuu ni qaba.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

5 Yaanni Kiristoosiin keessa ture sun isin keessallee akkasuma haata'u.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

5 Yaanni Kiristoosiin keessa ture sun isin keessallee akkasuma haa ta'u.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:5
16 Cross References  

Qambara kiyya ufi irratti baadhadhaa, ana irraa'llee baradhaa, ani'llee gara laafessaa fi kaso'o, lubbuu teessaniif'llee boqannaa ni argattan.


Bakka nyaataa taa'ee ka nyaatuu fi ka dhaabatee tajaajilu kamittu wolii gudda'a? Gudda'a ka jedhamu ka nyaataaf taa'ee jiruu mitii? Ani garuu isin jiddu'uutti akka tajaajila'aati.


«Dabalee'llee Waaqinni Yesusii Nazireetii Hafuura Qulqullu'uun akka isa dibee fi humnna'llee akka kenneef ni beekittan, Waaqinni'llee isa woliin ni jira waan tureef, inni'llee waan mishaa raawwata'aa, worra daabiloosiin qabaman maraa fayyisa'aa, asii fi achi ni dedeebi'e.


‹Ka fudhatu irra naminni keennu ka eebbifame› ka jettu, dubbii Gooftaa Yesusii yaadachu'uun, harkuma keennaan hojjata'aa dadhabddoota gargaaruun akka nurraa malu, karaa baay'een isinitti mulidhisee jira.»


Ati waayee nyaata nyaatuun obboleessa keetitti gufuu yoo taate jaalalaan ka jiraatuu miti, kanaaf nama Kristos isaa du'eef waayee nyaata nyaatuun, akka badu hin taasisin.


Kristos mataa isaa hin gammachiifinne, gonkumaa, «Arrabnni namoonni si ittiin arrabissan ana irratti ni bu'e» ka jedhu, jechi kitaabban Qulqullu'uu isa irra ni gaye.


Waaqinni obissaa fi jajabeennaa ufii keessan, fakkeenna Yesus Kristosii horddofu'uun, tokkummaa woliin jiraachu'uu isiniif haa kennu.


Ani marrinuu akka fayyaniif faayiddaa kaaniiniitiif malee, faayiddaa mataa kiyyaa uduu hin barbaadin, waan naminni marrinuu raawwatu maraanuu akka gammachiisutti, isin'llee akkuma kana raawwadhaa.


Kristos akka nu jaalatee fi foolii mishaa Waaqa gammachiisuu ka qabu kenna'aa fi kitimaa taasisee lubbuu isaa waayee keennaaf dabarssee akkuma kenne, isin'llee jaalalaan jiraadhaa.


Tajaajiltoota Yesus Kristosii ka ta'an, Phaawulosii fi Ximotewosiin irraa, Magaalaa Filiphisiiyusii worra jiraataniif, Yesus Kristosiin qulqullaawota ka ta'an maraaf, akkuma kana worra itti gaafatamittootaatii fi gargaartota woldaya amanti'iitiif,


Ka waamamittaniif'llee kanumaaf, fakkeennummaa isaa akka horddofttaniif Kristos waayee keessaniif rakkinna fudhachu'uun, fakkeenna taatanii jirttan.


Kristos fooniin rakkinna ka fudhate waan ta'eef, isin'llee akka nama meeshaa woraanaa hidhatee titti yaada kanaan jabaadha'aatii qophaayaa, foon isaatiin rakkinna naminni fudhate, hojjachuu addaan kutee jira.


Waaqaan ni jiraadha naminni jedhu, Kristos akka jiraattetti jiraachuu qaba.


Follow us:

Advertisements


Advertisements