Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:29 - Waadaa Haarawa

29 Egaa nama Gooftatti amane akka ta'uu isaatiin gammachu'uun ufitti fudhadha'aanii, namoota akka isaa jiran maraa isaan kabajaa.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

29 Eegasuu maqaa Goofta'aatiin gammachuu guutu'uun simadhaa'a; worra akka isaalle'e kabajjaa'a.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

29 Eegasuu maqaa Goofta'aatiin gammachuu guutu'uun simadhaa'a; worra akka isaallee kabajjaa'a.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:29
21 Cross References  

Namoonni ka isin ufitti hin fudhanne yoo ta'e garuu, magaalaa san dhiifttanii yoo deemittan, awwaara miila keessan dhadhawadha'aatii deemaa, kun'llee ragaa isaanitti ni ta'a.»


Dhugaa isiniin jedha, ka ani ergu ka ufitti fudhatu, ana ufitti ni fudhata, ana'llee ka ufitti fudhatu ka ana erge ni fudhata.


Guyyama guyyaan'llee Mana Waaqeffanna'aa titti, tokkummaan wol ni gayan ruran, mana isaanii titti'llee buddeena woliin nyaataa, gammachu'uu fi onnee misha'aan ni sooratan ture,


Namoonni'llee kennaa baay'ee nuuf ni fidan, kabaja isaanii'llee nuuf ni ibisan, dooniin deemuuf yeroo kaanetti'llee, waan nu barbaachisu maraa doonii irratti nuuf ni fe'an.


Kanaaf magaalaa sanitti gammachuun ol aanaan ni ta'e.


Barsiisonni yoo hin ergamin hoo attamitti dubbii isaa barsiisu'uuf danda'an ree? Kun'llee, «Lallabddoonni oduu Gammachu'uu dhufuun isaanii, attam nama gammachiisaa!» jedhamee akkuma barreeffame.


Isiin anaa fi kaanniin'llee namoota baayi'ee ta gargaaritte waan taateef, amanittoota keessummoota ufitti fudhachuun akka bifa isin irra jiruu titti, maqaa Goofta'aatiin waan isaan barbaachisu maraanuu, akka isii gargaarttaniif yaboo ni jedha.


Ximotewos gara keessan yeroo dhufutti sodaa malee si woliin akka ta'uuf gargaara'aanii, inni'llee akkuma kiyya hujii Goofta'aa ni hojjata.


Isaan hafuura kiyyaa fi hafuura keessan'llee hara baafachiisanii jiran, kanaaf namoota akkana jiran kanniin beeka'anii.


Naminni galateeffamu'uuf ka gayu Gooftaan yoo isa galateeffate malee, mataa isaatii mataa isaa yoo galateeffatee miti.


Onnee teessaniin ufitti nu fudhadhaa, nu'u eennuun'llee gadi hin qabnne, eennuun'llee hin miine, eenuun'llee itti fayyadama keennaaf hin taasfnneen.


Kanaaf isin isa laalu'uun akka gammaddanii fi gaddi kiyya'llee akka salphatuuf, isa gara keessan ergu'uuniif caala'atti ni barbaade.


Anaan woliin ka hidhame Arisxaarkos'llee nagaya isiniif ni dhiyeessa, yeroo tokko «Gara keessan yeroo dhufutti akka ufitti fudhattaniin» jedhee, isin yaadachiisee ka ture, ilma abbeeraa Baarnaabaasii Maarqoos'llee, nagaya isinii dhiyeessa.


Yaa obboleeyyan! Isin jiddu'uutti huji'iin worra dhadhaban, maqaa Gooftaa Yesusiitiin itti gaafatamoota keessan fi gorrsitoota keessan ka ta'an, akka isaan kabajaniif, isin ni kadhadha.


Woldaya amanti'ii haalaan worra bulchan, gonkumaa lallabu'uu fi barsiisu'uun jaarsotii dadhaban kabaja'atu isaaniif mala,


Durissitootaa teessaniif ajajamaa, aangoo isaanii jala'llee ta'aa, isaan'llee itti gaafatama gaafatamaniin waan qabaniif waayee lubbuu teessaniitiif ni jabaatan, isin yoo ajajamittaniif isaan'llee hujii isaanii gammachu'uun ni raawwatan, kana ta'uu yoo dhabaate garuu hujii isaanii gaddaan ni hojjatan, kun'llee ka isin fayyadu hin ta'u.


Kanaaf gara keessan yeroo dhufu inni nu arrabissa'aatii fi nu salphisa'aa, hujii inni raawwate hamaa mara marattuu ni dubbadha, kun uduu isaa hin gayin hafee, inni mataan isaatuu obboleeyyan ufitti hin fudhatu. Kuunniin'llee akka isaan ufitti hin fudhanneef ni dhoogga. Woldaya amanti'iitii'llee isaan ni baasa.


Follow us:

Advertisements


Advertisements