Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:2 - Waadaa Haarawa

2 kanaaf yaadaan, jaalalaan, hafuuraan, kaayyoon wolii gala'aa, gammachuun kiyya guutu akka ta'u taasisaa.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

2 Yaada tokkoon wolii galaa'a; jaalala tokko, qalbii tokkoo fi yaada tokko qabaadhaa'a.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

2 Yaada tokkoon wolii galaa'a; jaalala tokko, qalbii tokkoo fi yaada tokko qabaadhaa'a.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:2
28 Cross References  

Idaayyittii naminni qabu idaayya'a, jaaltichi ka fuudhuu garuu ka fuudhu bira dhaabatee ni dhageeffataan, qooniqqa isaa'llee dhagayu'uun ni gammada, kanaaf gammachuun kiyya'llee kana, inni'llee amma muda maleessa ta'ee jira.


Kunniin marrinuu yeroo maraa kadhanna'aaf bakka tokkotti wol ni gayan turan, isaan woliin'llee dubarttoonni tokko tokkoo fi haati Yesusii Maariyam, akkuma kana obboleeyyan Yesusii'llee ni turan.


Ayyaanni Pheenxeqosxe'ee yeroo gayetti barattoonni isaa marrinuu bakka tokkotti tokkuma'aan woligayanii ni turan,


Guyyama guyyaan'llee Mana Waaqeffanna'aa titti, tokkummaan wol ni gayan ruran, mana isaanii titti'llee buddeena woliin nyaataa, gammachu'uu fi onnee misha'aan ni sooratan ture,


Baasonni baayi'e'ee fi wonittoonni baasaa ummata jiddu'utti harka ergamittootaa titti ni raawwataman ture, marrinuu onnee tokkoon ta'anii xurree keessa dedeebi'iinssa Solomoonii titti, wol ni gayan turan.


Ufii keessan yaada tokkoon wolii gala'aa jiraadhaa, mataa keessan ol qabuu irra ufi tuulummaa dhabamissiisa'aatii hiyyeessotaan woliin tokkumma'aan jiraadhaa, ufii keessan beekittota ufiin hin jedhinaa.


Yaa obboleeyyan! «Garar bayiinssi jidduu keessan hin jiraatin, marri keessanuu woliigalttanii yaada tokkoo fi kaayyoo tokkoon, jabaadhaatii jiraadhaa!» jedhee, maqaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin isin ni kadhadha.


Waan hafeen yaa obboleeyyan! Nagayaan ta'aa! Akkaataa jireenna keessan sirreeffadhaa, gorssa kiyya horddofaa, ufii keessan woliigalaa, nagayaan jiraadhaa, Waaqinni jaalala fi nagayaa isin woliin ni ta'a.


Akkasitti ka isiniif barreesse gara keessan yoo dhufutti, namoota gammachiisuu qaban, akka ana hin gaddisiifnneef jedheeti, gammachuun kiyya gammachuu keessan maraa ta'uu isaa ni amana.


Ka jajabaanne'llee dhufaatii isaa qofaan uduu hin ta'in, isin ka isa jajabeestaniin ta'uu keessa dhagayuu keenna dabalu'uun'lle'e, yaadayuun waayee keennaaf qabddan, gaddaa fi sarddama'llee yeroo nutti himetti, caala'atti ni gammanne.


waayee keessaniif yeroo kadhadhu marattuu, kadhannaan kiyya gammachu'uun ka guuttame.


Kun'llee ka ta'u dubbii jireenni ittiin argamu uduu addaan hin kutin jabeessitanii qabachu'uun, bifa kanaan fiigichi kiyya ta'ee hujiin kiyya'llee tasa ta'ee waan hin hafinneef yeroo Kristos deebi'ee dhufutti, waan ittiin dhaadadhu ni qabaadha jechu'u.


Waayee haala keessaniitiif onnee guutu'uun ka yaadu Ximotewosiin malee, nama bira'aa ani hin qabu.


Ewodiyaa fi Sinxiiki'llee ufii isaaniitii Goofta'aan wolii galanii, akka jiraataniif isaan ni kadhadha.


fooniin isin irraa yoma fagaadhe'llee hafuuraan isin woliin ni amala misha'aan jiraachuu keessan fi jira, amantii cimaa Kristosiin irratti qabiddan argu'uun'llee, ni gammada.


Goofta'aan ka jaalatamttan yaa obboleeyyan! Nu'u garuu waayee keessaniin Waaqa yeroo maraa galateeffachu'utu nurraa mala, ka galateeffanuuf'llee isin Hafuura Qulqullu'uun qulqullaawomuu fi dhuga'atti'llee amanu'uun akka fayyitaniif, Waaqinni jalqaba waan isin filateef.


Imimmaan kee ni yaadadha, kanaaf haalaan akka gammadu si argu'uuf ni hawwa.


Eegaa yaa obboleessa kiyya! Waan mishaa kana akka naaf raawwattu maqaa Goofta'aatiin si ni kadhadha, yabo'oo onnee tiyya Kristosiin naaf haarawoomiessi.


Ijoollee tee keessaa tokko tokko akkaataa Waaqinni Abbaan nu ajajeetiin dhugamaanuu jabaatanii dhaabatanii argachuu kiyyaan, haalaan gammadee jira.


Ijoolleen tiyya dhuga'aan dedeebi'aa jiraachuu isaanii dhagayuu irra ka caalu, wonitti ana gammachiisu hin jiru.


Follow us:

Advertisements


Advertisements