Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:15 - Waadaa Haarawa

15 Kun'llee yoo ta'e dhaloota daba'aa fi badaa kana jiddu'utti, heeyibi'ii fi ashaan ka isaanitti hin jirre qulqulluuwwan ijoollee Waaqaa ta'u'uun, biyya lafaa kanatti akka urjjiiwwan titti ni ifittan.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

15 Edduu isaaniititti dubbii jireennaa dhiyeessa'aa adunyaa tana keessatti akka ifaatitti mudhatan.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

15 Edduu isaaniititti dubbii jireennaa dhiyeessa'aa adunyaa tana keessatti akka ifaatitti mudhattan.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:15
42 Cross References  

«Kunoo! Akka hoolotaa yayyiiwwan jidduu isin ni erga, kanaaf akka bofaa qaruuteewwan, akka handari'ii gara-laafeyyii ta'aa.


Yesus'llee, «Isin ka hin amanne dhaloota dabaa nana! Haga yoomii titti isiniin woliin jiraadhaa? Haga yoomii titti'llee isinii obissaa? Mee mucaa gara kiyya fida'aanii!» isaaniin jedhe.


Kana yoo raawwattan, Abbaa keessan ka samii jiruuf ijoollee ni taatan. Inni hamootaa fi worra mishaawwaniif'llee aduu ni baasa, akkuma kana qulqullaayotaa fi worra hamaa hojjataniif'llee rooba ni roobisisa.


Kanaaf akkuma Abbaan keessan ka sami'ii mud-maleessa ta'e, isin'llee muda maleeyyii ta'aa.


Lamaanuu Waaqa duranatti qulqullaayota ni turan, ajajaa fi naamusa Goofta'aa'llee ashaa malee ni eeggan turan.


Isin garuu diinota keessan jaaladhaa! Waan mishaa'llee isaaniif raawwadhaa, harka keenna nutti fakkaata jettanii abddii uduu hin taasisin liqeessaa, kana yoo taasfttan gatiin keessan guddaa ni ta'a, ijoollee Waaqa Jiraata'aa'llee ni taatan, inni worra galata dhabeeyyi'ii fi hamaaleyyi'iif'llee uduu hin hafin arjja'a.


Yohaannis akka ifa bobayuu fi ifuu ni ture, isin'llee yeroo muraasaaf ifa isaatiin gammadu'uu ni barbaaddan.


Ka biraa'llee dubbii baayi'e'een ragaa baya'aa, «Dhaloota hamaa kana irratti balaa dhufu jalaa, mataa keessan baasaa!» jechuun isaan ni gorsse.


Akkuma kana namoonni tokko tokko jidduu keessan ka'anii, barsiisa sobaa barsiisuun, amantoota baay'ee gara isaanii ni harkisan.


Dubbii Wongeelaatiif ajajamittoota ta'uun keessan namoota mara birattuu waan beekkameef gammade'llee, garuu waan misha'aaf ogeessota, waan hama'aaf garuu gara laafeyyii akka taataniif ni barbaada.


Deebi'ee dhufaatii Gooftaa keenna Yesus Kristositiin ashaa malee taatanii akka arggamttaniif, inni haga muumme'ee titti jabaattanii akka jiraattan isin ni taasisa.


Dabalee'llee Gooftaan akkana jedhee jira, «Isaan jiddu'uu fooyama'aatii bayaa, waan battii ta'e'llee hin tuqinaa, ani'llee isin ufitti ni fudhadha,


Bifa kanaan huubinni yookiin wolitti guuramuu fuulaatiin yookiin kana ka fakkaatu waan badaa bira'aa uduu isii irratti hin argamin, Qulqullittii, ta mudaa hin qabnnee fi bareedduu taasisee, gara mataa isaa ni dhiyeessaan.


Kun'llee waan fooyaye qorattanii akka beekittanii fi guyyaa Kristos deebi'ee dhufutti, Qulqullu'uu fi worra heeyibiin isinitti hin jirre taatanii, akka argamttaniif.


Waayee Seera duraniitiif hinaafu'uun'llee yoo ta'e, amantoota woldaya amaniti'ii ni ari'a ture. Seera eeguun waayee qulqullaawomnnaa'llee yoo ta'e, ashaa malee ni jiraadha ture.


Mataan isaatuu Waaqinni nagayaa waan maraanuu isin haa qulqullaawomssu, hafuurri keessan, lubbuun teessanii fi qaaminni keessan marrinuu, guyyaa Gooftaan keenna Yesus Kristos itti dhufuuf, ashaa malee eeggamee haa jiraatu.


Isaan'llee durssanii haa qormaataman, achiin duubatti worra ashaa hin qabnne ta'anii yoo argaman, hujii gargaarttumma'aatiin haa tajaajilan.


Kanaaf durssaan mana amaniti'ii tokko ka ashaa hin qabnne, hadha worraa takkattii qofa ka fuudhe, hagatti ka jiraatu, mataa ufii ka toowatu, seeraan ka hojjatu, keessummaa simataa ka ta'e, barsiisu'uuf dandeettii ka qabu,


Kanaaf haawotiin hiyyeessaa ka umrii isaaniitiin ufi durana hin deemin akka heeruman, ijoollee akka dayan, mana isaanii'llee akka ta'utti akka bulffatan ni gorssa, bifa kanaan diinni waan maqaa ittiin balleessuuf karaa ni dhaba.


Kuunniin akka sodaataniif namoota cubbuu hojjatan maraa, ifatti itti baanadhu.


Ashaa malee akka jiraataniif'llee barnnoota kanniin isaaniif kenni.


Jaarssi woldaya amanti'ii ka hin ashamnee fi abbaa worraa haadha worraa takkati'ii ka ta'e, gad dhiifamaa ta'u'uu fi ajajamuu dhabu'uun ka hin gilndifaminne ijoollee amantoota ta'an nama qabu ta'uun ni mala.


qarshii isaanii'llee akka isaan jalaa hin hanneef isaan gorssi, kana irra barsiifnni Faayyisaa keenna Waaqaa, waan maraanuu akka kabajamu, yeroo maraa amanamummaa dhuga'aa haa muldhisan.


Eegaa wonittoota kanniin barsiis, aangoo guutu'uun'llee gorssi, itti baanadhu'lle'e, eennu'llee si hin tuffatin.


Akkana ka jiru Qulqulluu ashaan itti hin jirre, qulqulluu cubbamoota irraa ka fooyame, samii irra ka ol jedhe, itti gaafatamaan qeesotaa nu barbaachisa.


Yookiin, «Hamaa raawwattoota» jedhanii yoma isin hamatan'llee, Waaqinni nu laalu'uuf guyya itti dhufutti, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne hujii keessan mishaa laalanii Waaqa akka galateeffataniif, isaan jidduu yoo jiraattanitti amala mishaa qabaadhaa.


Isin garuu dukkana keessaa gara ifa maalalchiisuu titt ka isin waame, hujii maalalchiisaa Waaqaa akka labissitaniif dhaloota filatame, qeesota nugusaa, Waaqinni mataa isaatiif ka isin taasise, ummata Qulqullu'u.


Kanaaf yaa waaheloota! Kun marrinuu guyyaa itti ta'u eeggachuu irra yoo jiraattan, Gooftaa heeyibii malee yookiin ashaa malee taatanii nagayaan akka isin argatuuf, dammaqinnaan jiraadhaa,


bakka hagam ol aanaa ta'e irraa kufuu kee'llee yaadadhu! Dhiifaman gara Waaqaa deebi'i! jalqaba ni raawwatta ka turtte hujii kee raawwadhu, kana maraa raawwchuu yoo dhabaatte garuu gara kee ni dhufa, dhiifamaan gara Waaqaa deebi'uu yoo dhabaatte, baatuu kee ka ibisa'aa bakkaa ni kaasan.


Eegaa, Yihudota uduu hin ta'in nu'u Yihudota worra jedhan sanniin miseenssa yaa'ii sheexanaa ka ta'an sobddoonni dhufanii miila kee jalatti akka kufan isaan ni taasisa, akka ani si jaaladhe'llee akka beekan isaan ni taasisa.


Follow us:

Advertisements


Advertisements