Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:14 - Waadaa Haarawa

14 Hujima kamiinuu yoo hojjattanitti hin guunguminaa yookiin wol hin mormminaa.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

14 Dhaloota daba'aa fi hamaa wodhakka'atti mudaa malee gara-laaffeeyyii ijoollee Rabbii akka taatan uduu hin gungumne, hamaa uduu hin yaanne maraa godhaa'a.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

14 Dhaloota daba'aa fi hamaa wodhakka'atti mudaa malee gara laafeyyii ijoollee Rabbii akka taatan uduu hin gungumne, uduu hamaa hin yaanne maraa godhaa'a.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:14
36 Cross References  

Qarshii fudhataniiti abbaa bakka biqilttuu woyinni'ii irratti akkana jechu'uun, ni guunguman,


Shittoon kun dinaara dhibba sadihii olitti gurguramee, qarshiin hiyyeesotaaf kennamuun ni danda'ama ture!» woliin jedhan, dubarttii'llee ni ashaniin.


Yesusii fi barattoonni isaa sadiin gara barattoota hafanii deebi'anii yeroo dhufanitti, namoonni baayi'een naannaya isaanii titti woligayanii ni argan, barsiisonni seeraa'llee barattoota isaa woliin wol ni mormman ture.


Fariisootaa fi worra isaanii ka ta'an barsiisonni seeraa, «Worri qaraacotaatii fi worri cubbamootaan woliin nyaattanii fi dhugiddan waayee maali'iitiif?» jedhanii, barattoota Yesusii irratti ni guunguman.


Phaawulosii fi Barnaabaas waayee kanaa namootaan woliin didaa fi wol mormmii ni raawwatan, kanaan duubatti Phaawulosii fi Barnaabaas Anxokiyaa worra jiran obboleeyyan bira'aa muraasa woliin ta'anii, gara Yerusaalemii akka deemanii fi dhimmicha ergamittootaa fi jarsoti'itti akka dhiyeessaniif ni murttaaye.


Waayee kanaan Phaawulosii fi Barnaabaasiin jiddu'utti wol mormmiin ol aanaan ka'eeti gargar ni fooyaman, kanaaf Barnaabaas Maarqoosiin fudhatee dooni'iin gara Qophrosii ni deeme.


mormmiin baayi'een eega raawwatameen duubatti'llee Phexiros ka'ee akkana isaaniin ni jedhe, «Yaa obboleeyyan! Ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee karaa kiyyaan dubbii Wongeelaa dhagayanii gonkumaa asiin durana Waaqinni ana Waaqinni isin jiddu'uu akka ana filate ni beekittan.


Yeroo muraasaan duubatti lakkofssi amanttootaa baayi'ataa yoo deemu, afaan worra Giriiki'ii Yihudonni dubbatan namoota biyya Yihuda'aa ka ta'an ka ta'an irratti, guungumuu jala ni qaban, ka guungumaaniif'llee gargaarssa guyyaa guyyaan ni qoodama tureen, dubbarttoota abbootiin worraa isaanii irraa du'anitti shilla jedhan waan turaniif.


Ka danddeettan yoo taate nama mara woliinuu nagayaan jiraachu'uuf, gara keessaniin'llee waan isin barbaachisu maraa raawwadhaa.


Isin jiddu'utti amantii isaatiin nama dadhabaa ta'e ufitti fudhadha'aanii malee, yaada isaa irratti mormmii hin kaasinaa.


Yaa obboleeyyan! barsiisa fudhattaniif Mormmitoota ta'uun jidduu keessantti, garagar qoodamu'uu fi rakkinna namoota fidan irraa ufi eeggadhaa, isaan irraa'llee fagaadhaa!


Isaan keessaa tokko tokkoon isaanii akka guungumanii fi maleeyikkaa ajjeesuun akka badan, isin'llee hin guunguminaa.


Ani garas yeroo dhufutti yookiin akka ta'uu qabddan uduu hin ta'in, ani'llee akka isin barbaadan uduu hin ta'in, wol argina ta'a jedhee ni sodaadha, akkuma kana isin biratti wol dhabiinssi, hinaaffaan, dallansuun, mataa ufii jaalachuun, maqaa namaa balleessuu, hamtti, ufi tuulumma'aa fi jeeqamnni ni jiraata ta'a jedhee ni sodaadha.


Garuu ufii keessan yoo wol ciniinttanii fi yoo wol nyaattan, ufii keessan akka woliin hin badinneef ufi eeggadhaa.


Tokkoon ka bira'aa hamma'aaf kakaasu'uun ufii keennaa wolitti hinaafa'aa, tasaan akka hin dhaadanne.


Gara laafnnaan guutamttanii namoonni kuunniin isin irra akka fooyaya qaban taasisa'aatii lakkaayaa malee, mataa keessan jaalalaan yookiin «Ana malee eennutu jira» ufi dhaadu'uutiin jedhuun, womaayyuu hin raawwatinaa.


Waayee hujii isaaniitiin'llee isaaniif ulfinnaa ol aana'aa fi jaalala qabaadhaa, isin'llee ufii keessan nagayaan woliin jiraadhaa.


Naminni kamiiyyuu bakka hama'a'aatiif hamaa akka hin deebifnne ufi eeggadhaa, kana irra isin yeroo maraa ufii keessaniif ta'ee akkuma kanaan'llee namoota kaanniin maraafuu, waan mishaa raawwachu'uuf dammaqaa.


Qulqullaawoma malee eennu'llee Gooftaa argu'uuf waan hin dandeenneef nama mara woliinuu nagayaan jiraadhaa, Qulullumma'aan'llee jiraachu'uuf hisadhaa,


Dallanisuun namaa Qulqullaawomaa Waaqaa hin argamissiisuutii.


Garuu hinaaffaan hadhaaya'aa fi mataa ufii jaalatiinssi onnee isaanii keessa yoo jiraate hin dhaaninaa, dhugaa irratti'llee hin sobinaa.


Yaa obboleeyyan! Isin irratti'llee akka hin murtteeffamnneef ufii keessan wolitti hin wocinaa, kunoo murtteessan yeroon itti dhufu gayee jira.


Waan hamaa irraa haa fagaatu, waan mishaa haa raawwatu, nagaya haa barbaadu, haa horddofuun'lle'e.


Guungummii malee ufii keessan keessumumma'aan wol simadhaa.


Namoonni kunniin yeroo maraa ka guungumanii fi womaanuu ka hin gammanne, fedhii mataa isaanii hamaa ka horddofan, afaan isaanii jecha ufi tuulumma'aatiin ka guuttame, faayiddaa mataa isaanii barbaadu'uuf nama ni shelatan.


Follow us:

Advertisements


Advertisements