Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:1 - Waadaa Haarawa

1 Kristosiin jajabaachuu yoo qabaattan, jaalala isaatiin ka jajabaattan yoo taatan, Hafuura Qulqulluu woliin'llee tokkummaa yoo qabaattan, ufii keessanii'llee wolii mishumma'aa fi garaa laafnna yoo wolitti muldhifttan,

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

1 Karaa Kiristoosiitiin gorsa, jaalalaan jabaachu'uun, Ayyaana Woyyu'uun tokkummaa wolii qabaachu'uun, gara-laafinnaa fi araaraan gammachuu kiyya fiixaan naa baasaa'a.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

1 Karaa Kiristoosiitiin gorsa, jaalalaan jabaachu'uun, Ayyaana Woyyu'uun tokkummaa wolii qabaachu'uun, gara laafinnaa fi araaraan gammachuu kiyya fiixaan naa baasaa'a.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:1
42 Cross References  

Yeroo sanitti Yerusaalemitti Simoon ka jedhamu nama tokkotu jira ture, inni'llee jireenna isaa Waaqaaf ka kenne nama qulqullaayome ture, fayyinna abddii Israa'eelii'llee ni eeggata ture, Hafuurri Qulqulluun'llee isa irra ni jira ture.


«Haadhaa fi abbaa akka ijoollee hin qabnnee titti adda keessantti isin hin dhiisu, deebi'ee gara keessan ni dhufa.


«Nagaya isiniif ni dhiisa, nagaya kiyya'llee isinii ni kenna, nageenni ani isinii kennu nagaya akka biyyi lafaa isinii kennuutii miti, onneen keessan hin sarddamin, akkuma kanaan'llee hin sodaatin.»


Amma ani gara kee dhufuu kiyya, biyya lafaa irra yeroo jirutti gammachuun kiyya ka dubbadhu kan isa biratti, muda maleessa akka ta'uuf.


Guyyama guyyaan'llee Mana Waaqeffanna'aa titti, tokkummaan wol ni gayan ruran, mana isaanii titti'llee buddeena woliin nyaataa, gammachu'uu fi onnee misha'aan ni sooratan ture,


Amanttoonni marrinuu yaada tokkoo fi onnee tokko'llee ni qaban ture, naminni kum'llee «Kun kiyya» kun kiyya waan jedhu womaayyuu hin qabu ture, jidduu isaanii titti wonitti marrinuu ka wolii ture,


Ka nuuf kenname karaa Hafuura Qulqullu'uutiin jaalalli Waaqaa onnee teenna keessatti waan guuteef, abddiin isaa hin saalfachiisu.


Akkuma kana attamitti kadhachuu akka nurraa malu waan hin beekinneef, Hafuurri Qulqulluun dadhabbii keennaan nu ni gargaara, woyata dubbi'iin ibisamu'uuf hin dandanda'aminneen'llee, nuuf ni kadhata.


Yihudicha'llee yoo taane namoota Giriiki'ii yoo taane, garboota'llee yoo ta'e, namoota bilisaa'llee yoo ta'e, qaama tokko ta'uuf Hafuura Qulqullu'uun cuuphamnnee jirra, marri keennaa Hafuuruma tokko kanaan irraa dhuginnee jirra.


Yaa obboleeyyan! Ana guyyama guyyaan du'atu ana qunnama, kana'llee ka isinitti himu karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin abddiin isin irratti qabu, dhugaa waan ta'eef.


Mana Waaqeffannaa Waaqaa ta'uu keessan fi Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraachuu isaa, hin beekittan moo?


Keennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii, jaalallitti Waaqaa, tokkummaan Hafuura Qulqullu'uu isin mara woliin haa ta'u.


Garuu ka nu yeroo maraa Kristosiin injifattoota taasisee nu eemaru'uu fi akka shittoo dibataa ka foolii mishaa qabuu titti, beekkomissa waayee Kristositiif qabnnu bakka maraa akka geessinu, ka nu taasisu Waaqa nu taasisuuf galanni haa ta'u!


Ijoollee Waaqaa ta'uu keennaan'llee Waaqaan, «Abbaa» jedha'aa ka isa waamuun, Hafuura Ilma isaa gara onnee keennaa ni erge.


Firiin Hafuura Qulqullu'uu garuu jaalala, gammachuu, nagaya, obissa, mishummaa, amanammummaa,


Yeroo waamamittanitti abddii tokkoof akka waan waamamittanitti, qaama tokkoo fi Hafuurri tokko ni jira.


Jaalala Yesus Kristositiin mara keessanuu hagam akka isin yaadu, Waaqinni ragaa kiyya.


Nu'u Waaqaaf Hafuuraan ka Waaqeffannuu fi seera duubanaan muldhatuun uduu hin ta'in, Yesus Kristosiin qofaan ka dhaadannu waan taaneef, dhugamaanuu gadoominnee jirra.


Ka woldhaanuun'llee onneen isaanii jajabaatteetii fi jaalalaan wolitti hidhamanii, hubannaa mudaa dhabeessa mara buufachu'uun dhossaa Waaqaa ka ta'e, Kristosiin akka beekaniif.


Egaa filatamittoota Waaqaatii fi Qulqulluuwwan, ka jaalatamittan'llee akka ta'uu keessan titti gara laafnna, arjjooma, mataa gad qabata, gara nyaatto'oo fi obissa'llee uffadhaa.


Bifuma kanaan Waaqinni wonittoota hin jijjiiraminnee fi wonittoota itti hin kijibamnne wonittoota lamaan jechuun abddii isaatii fi kakuu isaa nuuf kennee jira, karaa wonittoota kanniin lamaaniitiin'llee abddii fuundurana keennaan jiru jabeessinee qabachuu akka dandeennu waan itti dhiyaannu argachu'uuf, inni gara isaa worri dheessine jajabeenna ol aanaa ni arganna.


Waaqinni Abbaan akkaatama bu'uura durssee beekeetiin isin worra filatamittaniif, Yesus Kristosiif ajajamu'uu fi dhiiga isaatiin fiicamttanii, qulqullaayu'uuf, Hafuura Qulqullu'uun'llee ka Qulqulloofttaniif, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa baayi'atu.


Ajaja Waaqaa ka raawwatan marrinuu Waaqaan ni jiraatan, Waaqinni'llee nu keessa jiraachuu isaa ka beekinu, Hafuura inni nuuf kenneen.


Waaqa ka arge eennu'llee hin jiru. Nu'u ufii keennaa uduu wol jaalannee Waaqinni nu keessa ni jiraata, jaalalli isaa'llee nu keessatti muda maleessa ni ta'a.


Kanaaf Waaqinni jaalala nu'uuf qabu ni beekinna, ni amanna'lle'e. Waaqinni jaalala. Jaalalaan ka jiraatu Waaqaan ni jiraata, Waaqinni'llee isa keessa ni jiraata.


Follow us:

Advertisements


Advertisements