4 waayee keessaniif yeroo kadhadhu marattuu, kadhannaan kiyya gammachu'uun ka guuttame.
Yeroo mara'llee halkanii fi guyyaa uduu addaan hin kutin bakka awwaallaniitii fi gaarota mara irra naanaya'aa ni iyya ture, qaama isaa'llee dhaga'aan kukkutee ni mummuree ni madeessa ture.
Gara Waaqaa titti ka deebi'u sababa cubbamaa tokkootiin, sami'itti maleyikkoota Waaqaa biratti akkuma kana gammachuu ni ta'a, isiniin jedha.»
Gara Waaqaa titti deebi'uu ka isaan malu sababaa cubbamaa tokkootiin, sami'itti akkuma kana gammachuu ni ta'a, isiniin ni jedha.»
Yeroo maraa kadhannaa kiyyaan akka isin yaadadhu, wongeela waayee Ilma isaa dubbatu'llee barsiisu'uun, Waaqinni onnee tiyya guutu'uun tajaajilu, ragaa kiyya.
kanaaf yaadaan, jaalalaan, hafuuraan, kaayyoon wolii gala'aa, gammachuun kiyya guutu akka ta'u taasisaa.
Ammaan durana yeroo baayi'ee akka isinitti himee fi amma'llee imimmaan kiyya jissa'aa akkuma isinitti himu mara baayi'eewwan adeemissa isaaniitiin, diinota fannoo Kristosii ta'anii jiran.
Ka isin jaaladhuu fi ka isin yaadu, gonfaan gammachuu kiyyaatii fi hujii kiyyaa ka taatan, obboleeyyan kiyya! Goofta'aan jabaadha'aatii jiraadhaa.
fooniin isin irraa yoma fagaadhe'llee hafuuraan isin woliin ni amala misha'aan jiraachuu keessan fi jira, amantii cimaa Kristosiin irratti qabiddan argu'uun'llee, ni gammada.
Nu'u yeroo maraa isin kadhannaa keennaan isin yaadata'aa, Waaqaaf galata ni dhiyeessina.
Yaa obboleessa kiyya! Waayee keetiin onneen amanttootaa waan haareffameef, gammachuu ol aana'aa fi jajabeenna'llee naaf kennee jira.
Ijoollee tee keessaa tokko tokko akkaataa Waaqinni Abbaan nu ajajeetiin dhugamaanuu jabaatanii dhaabatanii argachuu kiyyaan, haalaan gammadee jira.