Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:29 - Waadaa Haarawa

29 Carraan Kristosiin tajaajiluuf ka isiniif kenname isa qofatti akka amantaniif uduu hin ta'in, waayee isaatiin'llee rakkinna akka fudhattaniif'le'e.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

29 Kun waan Kiristoosiitiif, isinii waan kennameeruuf. Waan isaatiif akkasuma isatti amanuu callaa uduu hin taane, waan isaatiif akkasuma rakkinnillee isin irra gaya.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

29 Kun waan Kiristoosiitiif, isinii waan kennameeruuf. Waan isaatiif akkasuma isatti amanuu callaa uduu hin taane waan isaatiif akkasuma rakkinnillee isin irra gaya.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:29
14 Cross References  

Yesus'llee akkana ni jedheen, «Ilma Yoona'aa yaa Simoon! Ati ka eebbifamitte! Kana ka si ibsse Abbaa kiyya ka samii jiru malee, namaa miti.


ka isatti amanu marinuu Seerri karaa Muse'eetiin kennameef, cubbuu bilisa irraa isa baasuu hin danda'aminne mara irraayyuu, bilisa ni baya.


Biyyoota sanniin mara keessattuu amanttoonni amantii isaaniitiin akka jajabaatan jajabeessuu fi gorssaan, «Gara Mootummaa Waaqaa titti galu'uuf rakkinna baayi'ee fudhachuu qabnna» jedha'aa isaan ni barsiisan.


Achii'llee yeroo gayanitti worra amanttootaa bakka tokkotti wolitti qabanii, waan Waaqinni isaan woliin ta'ee raawwate maraa fi ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee akka amananiif, attami taasisee balballi akka isaaniif bane isaanitti ni himan.


Ergamittoonni garuu waayee maqaa Yesusiitiif salphinna fudhachuuf ka malan ta'uu isaaniitiin, gammada'aa bakka yaa'ii isaaniitii bayanii ni deeman,


Kana qofaan uduu hin ta'in rakkinni obissa akkuma nuuf argamisiisu waan beekinuuf, rakkinna keennaan'llee ufi ni dhaanna.


Isin ka fayyitan karaa amanti'iitii fi kennaa isaa ka bilisaatiin, kun'llee kennaa Waaqaati malee hujii keessaniin ka argamee miti.


Yeroo cuuphamttanitti Kristosiin woliin awwaalamittanii isa woliin'llee du'aa kaatanii jirttan, ka du'aa kaatan'llee Kristosiin du'aa ka kaaseen huminna Waaqaa titti amanuu keessaniin.


Yaa obboleeyyan! Qorammaanni gara garaa isin irra yoo gayutti, akka waan wonittoota gammachiisaa ta'an argattanii taasisa'aatii laakkayaa.


kana irra ulfinni Kristosii yeroo itti mulidhatutti haalaan akka gammaddan, haguma qoodamtoota rakkinna isaa taataniitiin, gammadaa.


Follow us:

Advertisements


Advertisements