Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:21 - Waadaa Haarawa

21 Kanaaf anaa jireenna jechuun Kristosiin jiraachu'uu, du'a jechuun'llee, faayyidaan waan ittiin argamu.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

21 Naaf jiruun Kirstoos, duutillee bu'aa kiyya.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

21 Naaf jiruun Kirstoos, duutillee bu'aa kiyya.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:21
16 Cross References  

Isin garuu Waaqinni Yesus Kristosiin woliin tokkummaa akka qabaattan isin ni taasise, kanaaf Waaqinni Yesus Kristosiin ogummaa keenna, qulqullaawoma keenna, qulqullummaa keennaa fi wobii keenna akka ta'u ni taasiseen.


Phaawulos'llee yoo ta'ee, Apholos'llee yoo ta'e, Phexirosiin'llee yoo ta'e, biyya lafaa'llee yoo ta'e, jireenna'llee yoo ta'e, du'a'llee yoo ta'e, ka jiru'llee yoo ta'e, ka ufidurana dhufu'llee yoo ta'e, marrinuu keessan.


Kun akka dukkaanaa ka yeroo ka ta'e foon keenna ka lafaa yoo diigamu, harka namaatiin uduu hin ta'in Waaqaan ka ijaarame mana jireennaa ka bara baraa sami'itti akka qabnnu, ni beekinna.


Qaama keenna ka biyya lafaatiin haga yeroo jiruu titti Gooftaa irraa ka fagaanne ta'uu keenna yoma beekinne'llee, yeroo mara isaan ni abiddanna.


Asitti akka bakka jireenna keenna ka ta'e foon keenna irraa fooyaminnee Gooftaa woliin ta'uuf ni hawwinaa, kanaaf isin abddii taasfachuun ni jiraanna.


Ani Kristosiin woliin akkuma waan fannifamee titti waan laakkayuuf ammaa achitti Kristos ana keessa ni jiraata malee lubbuu kiyyaaf ka jiraadhuu miti, amma'llee qaama kiyya ka fooniitiin ka jiraadhu ka ana jaalatee fi waayee kiyyaaf'llee mataa isaa dabarssee ka kenne, Ilma Waaqaa titti amanu'uun jireenna argamuun.


Fannoo Gooftaa keenna Yesus Kristosii malee waan bira'aatiin dhaadachuun ana irraa haa fagaatu, fannoo kanaan'llee biyyi lafaa ana irraa fooyamee jira, ani'llee biyya lafaa irraa fooyamee jira.


Dhugamaanuu akka hin saalifachiifnneef abddi'iin ni eeggadha, garuu akkuma yeroo mara raawwdhuu fi adha lubbu'uun yoo jiraadhe yookiin yoo du'e, Kristos qaama kiyyatti ni kabajama jedhee, uggiinssaan ni dubbadha.


Haa ta'u malee qaama foonayaa kiyya kanaan itti fufee waan jiraadhu uduu ta'ee hujii firii kennu hojjachuu jechu'u, ta'u'llee garuu itti fufee jiraachu'uu fi du'uu, kamiin akka filadhu hin beeku.


Yaadota kaniin lamaan jiddu'utti qabamee jira, gara tokkoon Kristosiin woliin ta'uun ka maraa caalu waan ta'eef, jireenna kana irraa fooyamee Kristosiin woliin ta'uu ni barbaada, kun'llee Kristosiin woliin jiraachuun ka haalaan woyyu waan ta'eef.


Kuunniin garuu faayidama mataa isaanii qofa ari'an malee, waayee hujii Yesus Kristositiif dhiphama hin qaban.


Lubbuun keessan Kristosii yeroo muldhatutti, isin'llee isaan woliin ulfinnaan ni muldhattan.


Sami'ii qoonqqa akkana jedhu ni dhagaye, «Kana barreessi, ammaa achitti ka Gooftaa Yesusii ka ta'anii worri du'an, isaa ka eebbifaman!» Hafuurri Qulqulluun'llee, «Ee» «Dadhabbii isaanii irraa akka boqataniif, hujiin isaanii isaan ni horddofa» jedha.


Follow us:

Advertisements


Advertisements