Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:15 - Waadaa Haarawa

15 Haa ta'u malee tokko tokkoon isaanii dubbii gammachuu Kristosii ka lallaban hinaaffa'aan, kuunniin'llee hafuura mormmiitiin, kuunniin garuu Kristosiin ka lallaban onnee fayya'aatiin.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

15 Gari gariin hinaaffa'aa fi qoxxe'een falmu'uun kuuwwan ammoo fedhii mishaa waan qabaniif waan Kiristoosii himan.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

15 Gari gariin hinaaffa'aa fi qoxxe'een falmu'uun; kuuwwan ammo fedhii mishaa waan qabaniif waan Kiristoosii himan.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:15
22 Cross References  

Hujii isaanii mara ka raawwatan akka namoonni isaanii arganiif jedhaniit, qudhaamman isaanii ni babaldhisan, handaara uffata isaanii ka kadhanna'aa ni dheeresan,


Waaqinni ummata Israa'eeliitiif dubbii isaa erguun isaa ka beekkame, Gooftaa maraa karaa Yesus Kristositiin, nagaya lallaba'aa, ka dhufeef'llee isaaniif.


Haa ta'u malee Qophrosii fi Qareena'aa ka dhufan amanttoonni tokko tokko gara Anxokiyaa yeroo deemanitti, Giriikota dabalatee waayee oduu mishaa Gooftaa Yesusii, ni lallaban.


guyyama guyya'aan'llee Mana Waaqeffanna'aatii fi mana maratti'llee waayee Masihichaa waayee Yesusii, barsiisu'uu fi gammachuu isaa'llee dubbachuu, addaan hin kunne turan.


Filiiphos'llee kutaa kitaaba Qulqulluu kanaa irraa jalaqabee, waayee Yesusii Oduu Gammachuu misha'aa, itti ni hime.


Filiphos'llee gara magaalaa Samaariyaa deemee, namoota waayee Masihichaa ni barsiise.


Bakkumatti'llee Saa'ol Damaasqo'otti, «Yesus Ilma Waaqaati» jedha'aa, bakka woligayii isaanii titti barsiisuu jala ni qabe.


Faayiiddaa ufii worra barbaadan, dhuga'aaf worra hin ajajaminne, worra jeeqamaa fi marri dabaa adeemisisan irratti garuu, dheekkamissi Waaqaatii fi balaan isaanitti ni dhufa.


Nu'u garuu, Kristosii waayee keennaaf fannifamuu isaa ni barsiifnna, kun'llee Yihudotaaf gufanna'a, namoota Giriikiitiif ammoo gowumma'a.


Waan qabu maraa hiyyeesotaaf yoo qoode, foon kiyya'llee uduu hin hafin ibiddaan akka gubatu dabarssee uduu kennee, jaalala yoo hin qabaatin, womaayyuu ana hin fayyadu.


Anii fi Siilaas, Ximotewos'llee Ilmi Waaqaa Yesus Kristosiin ka isiniif lallabnne yeroo maraa, «Ee» jecha jedhu qofaan malee, «Ee yookiin miti jecha jedhu» ka asii fi achii jedhuun hin turre.


Namoonni akkana jiran kunniin ergamittoota Kristosii fakkaachu'uuf mataa isaanii ka jijjiiranii fi ergamittoota dharaatii fi hojjatoota nama goowwoomisan.


Ani garas yeroo dhufutti yookiin akka ta'uu qabddan uduu hin ta'in, ani'llee akka isin barbaadan uduu hin ta'in, wol argina ta'a jedhee ni sodaadha, akkuma kana isin biratti wol dhabiinssi, hinaaffaan, dallansuun, mataa ufii jaalachuun, maqaa namaa balleessuu, hamtti, ufi tuulumma'aa fi jeeqamnni ni jiraata ta'a jedhee ni sodaadha.


Nu'u ka barsiifnnu Yesus Kristos Gooftaa ta'uu isaatii fi nu'u mataan keennaa waayee Yesusiitiif tajaajilttoota keessan ta'uu keenna malee, waayee mataa keennaa hin lallabnnu.


Garuu jidduu keennaan huluuqanii dhossa'aan worri aseenan obboleeyyan dharttoonni tokko tokko akka gadooman barbaadanii turan, namoonni kunniin basaasaaf jidduu keenna huluuqanii ka aseenan, Yesus Kristosiin bilisummaa qabnnu fudhanii, gara garbumma'aa titti nu deebisu'uuf yaadaniiti.


Gara laafnnaan guutamttanii namoonni kuunniin isin irra akka fooyaya qaban taasisa'aatii lakkaayaa malee, mataa keessan jaalalaan yookiin «Ana malee eennutu jira» ufi dhaadu'uutiin jedhuun, womaayyuu hin raawwatinaa.


Dhossaan amantii keennaa shakkii malee ol aana'aa, inni'llee Waaqinni, «Nama ta'ee ni muldhate, dhugaa ta'uun isaa'llee hafuuraan ni beekkame, maleyikkootatti ni muldhate, ummatoota maraaf ni lallabame, namoonni biyya lafaa irra jiran marrinuu itti ni amanan, ulfinnaan gara sami'ii ol ni deebi'e» ka jedhu.


Follow us:

Advertisements


Advertisements