Gara Worra Filiphisiiyusii 1:13 - Waadaa Haarawa13 Ani'llee ka hidhame waayee Kristositiin ta'uu namoonni wordiyyoota mana nugusaatii fi kuunniin'llee namoonni achi jiran marrinuu ni beekan. See the chapterWAADAA LAMMATAA13 Kanaafuu hidhamuun kiyya waan Kiristoosiitiif akka ta'e Waardiyoota mana mootitti'iitii fi kaawwan maraa birattillee ifa ta'eera. See the chapterKitaaba Woyyuu13 Kanaafuu hidhamuun kiyya waan Kiristoosiitiif akka ta'e Waardiyoota mana mooti'iitii fi kaawwan maraa birattillee ifa ta'eera. See the chapter |
Guyyaa sadiin duubatti Phaawulos Roomaa worra jiraatan namoota Yihudotaa ol aanttota ni waamsise, yeroo wolitti qabamantti'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Yaa obboleeyyan tiyya, ummata Israa'eelii irrattii fi seera abbootii isaanii irratti wonitti raawwadhe balleessaan woyiituu hin jiru, haa ta'u malee Yerusaalemtti hidhamee worra Rooma'aatiif dabarffamee ni kenname.
Amma yeroo mana hidha'aa jiruttii fi hidhamuu kiyyaan duranatti'llee, dhugaa wongeelaatiif ittifachuu fi isa'llee jabeessu'uuf, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa naaf kenne keessatti, isin marrinuu qoodamtoota waan taataniif isin yeroo maraa onnee tiyya keessa ni jirttan. Kanaaf waayee keessaniif miirri natti dhagayamu sirri'i.