Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:11 - Waadaa Haarawa

11 Jireenna keessan ka bifa kanaatiin Yesus Kristosiin irraa ka argamu firii qulqullaayinnaatiin ka guuttame ta'ee, ulfinnaa Waaqaatii fi galata, worra argamisiifttan ni taatan.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:11
34 Cross References  

Akkuma kana namoonni hujii keessan mishaa laalanii, Abbaa keessan ka sami'ii akka galateeffataniin, ifin keessan'llee namoota duratti haa ifu.»


anatu isin filate malee isin ana hin filanne, deemttanii firii baayi'ee akka daraarttaniif, firiin keessan'llee jiraataa akka ta'uuf, isin ni muude. Kanaaf waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa, Waaqinni Abbaan isiniif ni kenna.


Firii ana irra jiru damee hin daraarre maraa, abbaan kiyya muree ni gataan, damee firii daraaru garuu baayi'essee akka daraaruuf, kittaanee ni qulqulleessaan.


Firii baayi'ee yoo daraarttan kanaan Abbaan kiyya ni ulffaata, isin'llee barattoota kiyya ta'uu keessan ni muldhifttan.


Kanaaf qarshii wolitti qabame ka gargaarssaa kana gara Yerusaalemii fudhadhee, eega kenneen duubatti karaa keessaniin dabrree, gara Isphaaniyaa ni deema.


Amma garuu garbrummaa cubbu'uu jalaa bilisa baatanii jirttan, tajaajilttoota Waaqaa ta'uu keessaniin qulqullaayomaa ni argattan, muummeen Qulqullummaa'llee jireenna bara baraati.


Eegaa yoo nyaattan ta'ee yoo dhugiddan yookiin woma kamiiyyuu yoo raawwattan, waan maraayyuu ulfinna Waaqaatiif raawwadhaa.


Facaasa'aaf sanyii, nyaataaf buddeena Waaqinni kennu, sanyii facaafttan atootessee isiniif ni kenna, firii arjjoomnni keessan isinii ni baayi'ata.


Kun'llee ka ta'e Kristosiin abddii taasfachu'uun jalqaboota ka ta'e, ulfinna Waaqaa ka galataatiin akka muldhifnnuuf.


Hafuurri kun galata ulfinna isaatiif akka ta'u Waaqinni ka isaa worra ta'an mara haga fayyisutti, argachu'uuf ka jirru qabiyyee keennaaf qabddi'i.


Nu'u Waaqinni durssee ka isaan qopheesse hujiiwwan mishaa akka hojjannuuf karaa Yesus Kristositiin irra deebinee ka uumaminne, uumamttoota Waaqaati.


Ka mishummaa maraa, firiin qulqullaayomutii fi firiin dhuga'aa ka argamu ifa irraayyii.


Kana'llee yoo jedhu kennaa keessan argachu'uuf dhormmu'uun uduu hin ta'in, firiin arjjooma keessan akka isinii baayi'atuuf, hawwu'uun.


Akkuma kana Goofta'aaf karaa barbaachisaa ta'een jiraachu'uun, dhugamaan isa akka gammachiifttan hujii mishaa kamiinuu hojjachu'uun, firii akka daraarttanii fi Waaqa'llee beeku'uun guddata'aa akka deemittaniif ni kadhanna.


Isin yeroo wongeela itti dhageettanii fi dhugaa ta'uu kennaa Waaqaa ka bilisaa'llee guyyaa itti hubattanii jala qabee, wongeelli kun isin jidduu akkuma ta'e biyya lafaa mara keessatti, daraaru'uu fi guddachuu irra ni jira.


Akkuma kana maqaan Gooftaa keenna Yesusii Kristosii isiniin akka kabajamuu fi isin'llee Waaqa keennaa fi akkaataa bu'ura kennaa bilisaa ka Gooftaa Yesus Kristositiin, isaan akka kabajamittaniif ni kadhanna.


Namoonni keenna'llee ammoo firii malee akka hin hafinnee fi rakkinna jireenna salphisuu akka danda'aniif, hujii mishaa hojjachuu haa baratan.


Adabbiin marrinuu yero'otti ka nama gaddisiisu malee ka nama gammachiisu hin fakkaatu, maa'ii garuu namoota shaakalaniif, nageenni ka itti guute firii qulqullaawomaa isaaniif ni argamisiisa.


Yookiin, «Hamaa raawwattoota» jedhanii yoma isin hamatan'llee, Waaqinni nu laalu'uuf guyya itti dhufutti, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne hujii keessan mishaa laalanii Waaqa akka galateeffataniif, isaan jidduu yoo jiraattanitti amala mishaa qabaadhaa.


Gara Gooftaa Yesusii ka dhiyaattan'llee, akka dhagaayyii jiraattotaa mana hafuuraa taatanii ijaaramu'uuf, bifa kanaan karaa Yesus Kristositiin ciinccaa ka gammachiisu ciinccaa Waaqaa dhiyeessu'uuf, qeesota Qulqulluuwwan ni taatan.


Isin garuu dukkana keessaa gara ifa maalalchiisuu titt ka isin waame, hujii maalalchiisaa Waaqaa akka labissitaniif dhaloota filatame, qeesota nugusaa, Waaqinni mataa isaatiif ka isin taasise, ummata Qulqullu'u.


Waayee maqaa Kristositiif yoo arrabisamittan Hafuurri ulfinnaa jechuun, Hafuurri Waaqaa isin irratti waan ta'uuf, gammadaa.


Follow us:

Advertisements


Advertisements