Uumama 1:21 - ክታበ ቁልቁሉ፣ ሂካ አመያ ሃራ21 ከናፉ ዋቅን ኡመመወን ገላና ጉርጉዳ፣ ሉቡ ቀቤዪ ሙኙቀን ከኔን ገላነ ኬሰ ጅራተን ሁንዳፊ ስምብሮተ ቆቾ ቀበን ሁንደ አኩመ ጎሰሳኒት ኡሜ። ዋቅንስ ወን ኩን አከ ጋሪ ተኤ አርጌ። Viz kapitolaMacaafa Qulqulluu Afaan Oromoo21 Waaqayyo yommus bineensota gurguddaa warra akka jawwee-galaanaa, uumama lubbuu qaban bishaan keessa munyuuqan hundumaa akka qomoo qomoo isaaniitti, warra baal'ee qabanis akka qomoo qomoo isaaniitti in uume; kunis gaarii akka ta'e Waaqayyo in arge*. Viz kapitolaHiikkaa Ammayyaa Haaraa Loqoda Dhiʼaa21 Kanaafuu Waaqni uumamawwan galaanaa gurguddaa, lubbu qabeeyyii munyuuqan kanneen galaana keessa jiraatan hundaa fi simbirroota qoochoo qaban hunda akkuma gosa isaaniitti uume. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge. Viz kapitola |