Yihuudaa 1:3 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo3 Michoota ko! Waa'ee fayyina walii wajjin qabnuuf duruma iyyuu isiniif caafuudhaaf dhama'aa utuun jiruu, amma amantii isa al tokkicha yeroo hundumaaf akka ta'utti warra Waaqayyoof qulqullaa'anitti dabarfame sanaaf akka loltaniif, caafee isin gorsuun giddiitti barbaachisaa ta'uu isaa argeera*. Viz kapitolaHiikkaa Ammayyaa Haaraa Loqoda Dhiʼaa3 Yaa michoota, ani waaʼee fayyina nu walii wajjin qooddannu kanaa isiniif barreessuuf guddisee nan hawwan ture; garuu akka isin amantii yeroo tokko bara baraan qulqulloota Waaqaatti imaanaa kenname sanaaf jabaattanii loltaniif isiniif barreessee isin gorsuun barbaachisaa natti fakkaate. Viz kapitolaክታበ ቁልቁሉ፣ ሂካ አመያ ሃራ3 ያ ምቾተ፣ አን ዋኤ ፈይነ ኑ ወሊ ወጅን ቆደኑ ከና እስኒፍ በሬሱፍ ጉድሴ ነንሀወን ቱሬ፤ ገሩ አከ እስን አመንቲ ዬሮ ቶኮ በረ በራን ቁልቁሎተ ዋቃት እማና ኬነሜ ሰናፍ ጀባተኒ ሎልተኒፍ እስኒፍ በሬሴ እስን ጎርሱን በርባችሳ ነት ፈካቴ። Viz kapitola |