Naahoom 1:14 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo14 Yaa Nanawwe, Waaqayyo, <<Mana waaqayyolii keetii keessaa bifa qirixamaa fi waaqayyolii baqfamanii hojjetaman diigee nan balleessa; ati jibbisiisaa waan taateef, akka ati awwaalamtu nan godha; si'achi immoo sanyiin maqaa kee waamsisu siif hin dhalatin!>> jedhe; Waaqayyo waa'ee keetiif jedhee murtoo kana dabarseera. Viz kapitolaHiikkaa Ammayyaa Haaraa Loqoda Dhiʼaa14 Yaa Nanawwee, Waaqayyo akkana jedhee waaʼee kee ajaja kennee jira: “Ati sanyii maqaan kee ittiin waamamu hin qabaattu. Ani fakkiiwwan soofamanii fi waaqota tolfamoo baqfamanii tolfaman kanneen galmawwan waaqota keetii keessa jiran nan barbadeessa. Waan ati akka malee balfamaa taateef ani awwaala siif nan qopheessa.” Viz kapitolaክታበ ቁልቁሉ፣ ሂካ አመያ ሃራ14 ያ ነነዌ፣ ዋቀዮ አከነ ጄዼ ዋኤኬ አጀጀ ኬኔ ጅረ፦ “አት ሰኚ መቃንኬ እቲን ዋመሙ ህንቀባቱ። አን ፈኪወን ሶፈመኒፊ ዋቆተ ቶልፈሞ በቅፈመኒ ቶልፈመን ከኔን ገልመወን ዋቆተኬቲ ኬሰ ጅረን ነንበርበዴሰ። ዋን አት አከ መሌ በልፈማ ታቴፍ አን አዋለ ሲፍ ነንቆጴሰ።” Viz kapitola |