Haagee 1:6 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo6 Baay'ee facaaftu, muraasa galfattu; in nyaattu, garuu beela hin baatan; in dhugdu, garuu hin quuftan; in uffattu, garuu isinitti hin ho'u; namni qacaramee hojjetus mindaa argatu korojoo tarsa'aa keessa in kaa'ata>> jedha*. Viz kapitolaHiikkaa Ammayyaa Haaraa Loqoda Dhiʼaa6 Isin sanyii baayʼee facaafattanii waan xinnoo haammattaniirtu. Isin ni nyaattu; garuu hin quuftan. Ni dhugdu; garuu dheebuu hin baatan. Wayyaa ni uffattu; garuu isinitti hin hoʼu. Namni mindaa fudhatu akkuma nama mindaa isaa korojoo tarsaʼaa keessa kaaʼatuu ti.” Viz kapitolaክታበ ቁልቁሉ፣ ሂካ አመያ ሃራ6 እስን ሰኚ ባይኤ ፈጫፈተኒ ዋን ጥኖ ሃመተኒርቱ። እስን ንኛቱ፤ ገሩ ህንቁፍተን። ንዹግዱ፤ ገሩ ዼቡ ህንባተን። ወያ ንኡፈቱ፤ ገሩ እስንት ህንሆኡ። ነምን ምንዳ ፉዸቱ አኩመ ነመ ምንዳሳ ኮሮጆ ተርሰኣ ኬሰ ካአቱት።” Viz kapitola |