16 Jennaani Memukaniini waan hayyichafi jaallaboota isaatini jed'e, Hayyiti Vashtiini hayyicha ch'allati iwollaalle, ammo worra gugurda ch'ufafi nama lafa atini fiddu tana keesa jiru ch'ufati wollaalte!