Online Bible

- Reklamy -

Yooʼeel 1 - Hiikkaa Ammayyaa Haaraa Loqoda Dhiʼaa

1 Dubbii Waaqayyoo kan gara Yooʼeel ilma Phetuuʼeel dhufe.


Weerara Hawwaannisaa

2 Yaa maanguddoota, waan kana dhagaʼaa; warri biyyattii keessa jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa. Wanni akkanaa takkumaa bara keessan keessa yookaan bara abbootii keessanii keessa taʼee beekaa?

3 Isin waan kana ijoollee keessanitti himaa; ijoolleen keessanis ijoollee ofii isaaniitti haa himan; ijoolleen isaanii immoo dhaloota itti aanutti haa dabarsan.

4 Waan tuunni hawwaannisaa dhiise, hawwaannisni guddaan fixe; waan hawwaannisni guddaan dhiise, hawwaannisni xixinnaan nyaatee fixe; waan hawwaannisni xixinnaan dhiise immoo hawwaannisni biraa dhufee nyaate.

5 Yaa machooftota, kaʼaatii booʼaa! Isin warri daadhii wayinii dhugdan hundinuu wawwaadhaa; sababii daadhii wayinii haaraatiif wawwaadhaa; inni afaan keessan irraa butameeraatii.

6 Sabni jabaan akka malee baayʼeen tokko biyya koo weerareera; inni ilkaan leencaa, qarriffaa leenca dhalaa qaba.

7 Inni muka wayinii koo onsee harbuu koos barbadeesseera. Inni qola isaanii irraa quncisee lafatti gatee dameelee isaanii duwwaa hambise.

8 Isin akkuma durba wayyaa gaddaa uffattee dhirsa ijoollummaa isheetiif gaddituutti booʼaa.

9 Kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun mana Waaqayyoo irraa citaniiru. Luboonni fuula Waaqayyoo dura tajaajilan booʼaa jiru.

10 Lafti qotiisaa oneera; laftis gogeera; midhaan barbadaaʼeera; daadhiin wayinii haaraan dhumeera; zayitiinis dhabameera.

11 Yaa qonnaan bultoota, isin raafamaa; warri wayinii dhaabbattan booʼaa; sababii midhaan lafa qotiisaa keessanii barbadaaʼeef qamadii fi garbuudhaaf booʼaa.

12 Wayiniin gogeera; harbuunis coollageera; roomaaniin, meexxii fi hudhaan, mukkeen lafa qotiisaa hundinuu goganiiru. Dhugumaan gammachuun ilmaan namaa irraa badeera.


Waamicha Qalbii Jijjiirrachuu

13 Yaa luboota, wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa; isin warri iddoo aarsaa dura tajaajiltan wawwaadhaa. Isin warri fuula Waaqa koo dura tajaajiltan kottaatii wayyaa gaddaa uffadhaa bulaa; kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun mana Waaqaa irraa hambifamaniiruutii.

14 Sooma qulqulluu labsaa; waldaa qulqulluu waamaa. Maanguddootaa fi warra biyyattii keessa jiraatan hunda gara mana Waaqayyoo Waaqa keessaniitti waamaatii Waaqayyootti booʼaa.

15 Badne kaa! Guyyaan sun dhiʼaateera. Guyyaan Waaqayyoo gaʼeeraatii; inni akkuma badiisaatti Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa dhufa.

16 Ijuma keenya duratti nyaanni cite; ilillee fi gammachuunis mana Waaqa keenyaa irraa hin cinnee?

17 Sanyiin lafa keessatti tortoree hafe. Mankuusni diigameera; gombisaan caccabeera; midhaan gogee hafeeraatii.

18 Loon akkam marʼatu! Karri loonii sababii waan dheedu dhabeef asii fi achi joora; bushaayeenis dhiphataniiru.

19 Yaa Waaqayyo ani sin waammadha; ibiddi lafa dheedaa barbadeessee arrabni ibiddaa immoo mukkeen diidaa hunda gubee fixeeraatii.

20 Bineensonni bosonaa sitti gaggabu; lagni bishaanii gogeera; ibiddis dirree dheedaa gubee balleesseera.

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa

Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc.

Eeyyamaan itti fayyadamu.

Mirgi hundi addunyaa guutuu irratti kan eegamee dha.

Holy Bible, New Oromo Contemporary Version™, Western

Copyright © 2022 by Biblica, Inc.

Used with permission. All rights reserved worldwide. 

Biblica, Inc.
Následuj nás:



Reklamy