Aanlyn Bybel

- Advertensies -

Yoonaas 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Yoonaas Hojii Itti Waamame Dhiisee Iddoo Biraatti Ka'uu Isaa

1 Gaaf tokko dubbiin Waaqayyoo gara Yoonaas ilma Amiitaayi dhufee*,

2 <<Ka'i, gara Nanawwee mandara guddittii dhaqi! Hamminni namoota ishee guddatee na bira waan ga'eef, irratti labsi!>> jedhe.

3 Yoonaas garuu isa dhiisee, fuula Waaqayyoo duraa mandara Tarshiishitti baqachuudhaaf ka'e; mandara Yopheetti gad bu'ee markaba Tarshiish dhaqu argate; inni warra markabichaa wajjin adeemuudhaaf gatii isaa baafatee, fuula Waaqayyoo duraa gara Tarshiishitti sokkuudhaaf keessa in lixe*.


Waaqayyo Qilleensa Jabaa Itti Kaasee Yoonaasin Adabuu Isaa

4 Yommus Waaqayyo qilleensa jabaa galaanichatti kaase; bubbeen humna-qabeessis galaanichatti waan ka'eef markabichi caccabuu bira ga'e*.

5 Yeroo sanatti warri markaba oofan in sodaatan; namnis adduma addaan gara Waaqayyo isaatti iyye; akka itti salphatuuf mi'a markabicha irraa galaanatti gad daddarbatan; Yoonaas garuu kutaa markabichaa keessa lixee ciisee, rafees of gatee ture*.

6 Ajajjuun markabichaa immoo isatti dhi'aatee,<<Attamitti akkas of gattee rafta>> Ka'i, Waaqayyo kee waammadhu! Tarii Waaqayyo kun akka nuyi hin badneef nu yaadata ta'a!>> jedhe*.

7 Kana booddees warri markabaa adduma addaan,<<Wanti hamaan kun sababii eenyuutiif akka nu irra ga'e beekuudhaaf, kottaa muka buufannaa!>> waliin jedhan; kanaaf isaan muka buufannaan, mukti Yoonaas irra bu'e*.

8 Kana irratti isaan,<<Wanti hamaan kun sababii eenyuuf nu irra ga'e>> Hojiin kee maali>> Eessaa dhufte>> Biyyi kee eessa>> Sanyiin kee maali>> Nutti himi!>> ittiin jedhan.

9 Inni immoo,<<Ani Ibricha; Waaqayyoon isa gooftaa ta'ee waaqa irra jiraatu, isa galaanaa fi lafa uume nan waaqeffadha>> jedhee, isaaniif deebise*.

10 Inni waa'ee ofii isaa waan isaanitti himeef, jarri fuula Waaqayyoo duraa baqachaa akka inni jiru in hubatan; kanaaf isaan guddaa sodaatanii,<<Maali, ati attamitti akkas goote?>> ittiin jedhan.

11 Galaanichi ittuma dabalee hunkuramaa waan adeemeef isaan,<<Galaanichi nu irraa akka gab jedhuuf attam si goonu ree?>> jedhanii isa in gaafatan.

12 Kana irratti Yoonaas,<<Fuudhaatii galaanicha keessa na buusaa! Yoos galaanichi isin irraa gab in jedha; bubbeen humna-qabeessi isinitti ka'e kunis sababii kootiif ta'uu isaa anoo beekeera>> isaaniin jedhe.

13 Jarri immoo markabicha deebisanii gara lafaatti baasuudhaaf jabeessanii in mooqan; garuu hunkuramuun galaanichaa isaanitti dabalaa waan adeemeef, kana gochuu hin dandeenye.

14 Yommus isaan Waaqayyoon isa galaanaa fi lafa uume waammatanii,<<Hadaraa yaa Waaqayyo! Lubbuu namicha kanaa nu harkaa barbaaddee nu hin balleessin! Akka warra dhiiga nama balleessaa hin qabne dhangalaasaniittis nu hin lakkaa'in! Yaa Waaqayyo, kana akka sitti tolutti situ hojjete>> jedhan.

15 Yoonaasin immoo fuudhanii galaanicha keessa buusan; galaanichis hunkuramuu isaa isa sodaachisaa in dhaabe.

16 Jarri ittumaa guddisanii Waaqayyoon sodaatan; Waaqayyoof aarsaa in dhi'eessan, wareegas in wareegan.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Volg ons:



Advertensies