Yooʼeel 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooHawaannisi Biyya Akka Balleesse Himuu Isaa 1 Dubbiin Waaqayyoo inni gara Yo'el ilma Phetu'el dhufe kanatti fufee kan jiruu dha. 2 Isin maanguddoota nana kana dhaga'aa! Sabni biyya kana keessa jiraattan hundinuus mee dhaggeeffadhaa! Wanti akkasii kun bara isin jiraattan keessatti, bara abboonni keessan jiraatan keessattis takkaa ta'ee beekaa ree>> 3 Waa'ee kanaa ijoollee keessanitti himaa! Ijoolleen keessanis ijoollee isaaniitti haa himan! Ijoolleen isaaniis dhaloota dhufutti haa himan! 4 Isa gurmuu hawaannisaa isa duraa irraa hafe, gurmuu hawaannisaa isa lammaffaatu nyaate; isa gurmuu hawaannisaa isa lammaffaa irraa hafe, ilmaan hawaannisaatu nyaate; isa ilmaan hawaannisaa irraa hafe immoo geerii hawaanisaatu nyaate*. 5 Isin warri machooftuun dammaqaatii boo'aa! Daadhiin waynii isin irraa waan citeef, isin warri daadhii waynii dhugdan hundinuu, cuunfaa wayniitiif boo'aa! 6 Sabni jabaanii fi lakkoobsi isaa dhuma hin qabne biyya koo irratti dhufeera; ilkaan isaa akka ilkaan leencaa ti, qarrifaan isaas akka qarrifaa leenca dhalaa ti*; 7 inni dhaabaa waynii koo in onse, muka harbuu koos gad in cire; qola isaanii irraa quncisee gate, dameen isaaniis addaatee hafe; 8 akka misirroo uffata gaddaa uffatee, dhirsa qaree isheetiif gaddituutti, gaddaa! 9 Kennaan nyaataa fi dhugaatii mana Waaqayyoo irraa in cite, kanaaf luboonni warri Waaqayyo gooftaadhaaf hojjetan gaddanii in boo'u*. 10 Maasiin in one, midhaan waan badeef lafti in gadde; mukti waynii inni haaraan in goge, dhadhaan ejersaas hin jiru. 11 Isin warri qottuun abdii kutadhaa! Warri waynii dhaabdanii guddiftanis gaddaa! Wanti laficha irraa galfamu waan badeef, qamadiidhaaf, garbuudhaafis gaddaa*! 12 Mukti waynii in goga, mukti harbuus in coollaga; mukti rumaanii, mukti meexxii, mukti hudhaa fi mukkeetiin maasii keessaa hundinuu in gogu; gammachuun ilmaan namootaas in bada. Gara Yaada Garaa Geddarannaatti Waamamuu Isaanii 13 Yaa lubootaa! Uffata gaddaa uffadhaa, boo'aas! Kennaan midhaanii fi kennaan dhugaatii, mana Waaqayyo keessanii irraa waan ittifameef, isin warri iddoo aarsaatii hojjettan, hojjetonni Waaqayyo kootii mana qulqullummaatti ol galaa! Uffata gaddaa uffadhaatii halkan guutuu gaddaa bulaa! 14 Soomii qulqulluu labsaa! Wal ga'ii qulqullaa'aas waamaa! Jaarsoliidhaaf warra biyyicha keessa jiraatan hundumaa, mana Waaqayyo gooftaa keessaniitti walitti qabaa! Gara Waaqayyoottis iyyaa*! 15 Wayyoo! Guyyaan Waaqayyoo dhi'aateera! Maal guyyaan sodaachisaan akkasii! Inni isa hundumaa danda'u biraa akka balleessiitti in dhufa*. 16 Utuma nuyi ilaalluu nyaati akkuma dhibe, akkasuma gammachuunii fi ililleen mana Waaqayyo keenyaatii dhibeera mitii ree*>> 17 Sanyiin kaboota jalatti tortoree, midhaan waan badeef, gombisaan in one, gumbiin in caccabe. 18 Saawwan waan dheedan waan dhabaniif, in mar'atu! Bushaayeen in joonja'u; hoolonni karri baay'eenis in dhiphatu*. 19 Yaa Waaqayyo! Ibiddi iddoo dheedumsa horii waan fixeef, arrabni ibiddaas muka bakkee keessaa waan gubeef, ani gara keetti nan iyya; 20 burqaan bishaanii waan gogeef, ibiddis iddoo dheedumsa horii waan fixeef, bineensonni caakkaa illee gara keetti in iyyu*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia