Weedduu 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo1 Kun weedduu Solomoon isa weedduu hundumaa irra caaluu dha*. Isheen durbaa, 2 <<Jaalalli kee daadhii waynii irra waan caaluuf, afaan koo keessa na dhungadhu*! 3 Fooliin urgooftuu dibataa kee namatti tola, maqaan kee dha'amuunis akka urgooftuu dhangala'ee ti, kanaafuu durboonni si jaallatu*; 4 na fudhadhuu sokki! Dafnee in fiigna! Gara diinqa keetti na geessi yaa mootii! Nuyi durboonni sitti in gammanna, in ililchinas; jaalala kees daadhii waynii caalaa in jajanna; durboonni hundinuu dhuguma si jaallatu*. 5 <<Ani gurraattii yoon ta'e iyyuu miidhagduu dha; yaa intaloota Yerusaalem, yaa warra akka godoo Qedaar, yaa warra akka golgaa Solomoonis! 6 Ani gurraattii waanan ta'eef, aduun waan na gurraachesseefis ija anatti hin baasinaa! Obboloonni koo anatti dheekkamanii, iddoo dhaabaa waynii isaanii na eegsifatan; iddoo dhaabaa waynii kootii garuu ani hin eegganne. 7 Yaa isa garaan koo jaallatuu! Bushaayee kee eessa tikfatta>> Waareettis eessa boqochiifta>> Ani maaliifan karra bushaayee firoota kee bira asii fi achi joora?>> jette. Dargaggeessichi, 8 <<Yaa ishee durboota hundumaa irra miidhagduu! Ati ofii keetii hin beektu yoo ta'e, bushaayee faana dha'ii adeemi! Ilmoolee kees godoo warra tiksootaa bira dheechifadhu! 9 Yaa hiriyee ko, ati akka farda ishee konkolaataa Fara'oon harkiftuu ti; 10 maddiin kee amartii gurraattiidhaan, mormi kees dirata warqeetiin in miidhagfame; 11 dirata warqee siif in tolchina, guroo meetiis itti in rarraafna>> jedhe. Isheen durbaa, 12 <<Yeroo mootiin maaddiitti taa'u, urgooftuun naardos ana irraa isatti in urgaa'a*; 13 jaalalleen koo akka qodaa qumbii ti, inni harma koo gidduu in boqota; 14 jaalalleen koo anaaf akka daraaraa urgaa'uu ti, akka iddoo dhaabaa waynii mandara En-Gedii keessaa tis>> jette. Dargaggeessichi, 15 <<Yaa hiriyee koo, kunoo ati miidhagduu dha, ati baay'ee miidhagduu dha! Iji kees akka ija gugee kuullee dha>> jedhe. Isheen durbaa, 16 <<Yaa michuu ko, atis baay'ee miidhagaa dha! Ati dhuguma nama in mararta, margi lalisaanis iddoo ciisicha keenyaa ti. 17 Utubaan mana keenyaa muka gaattiraa ti, qinaaxxiin isaas muka ejersaa ti>> in jetti. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia