Sefaaniyaa 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooYihudaa Irratti Firdiin Akka Dhufu Himuu Isaa 1 Kun dubbii Waaqayyoo isa bara Yosiyaas ilmi Amoon mootii Yihudaa ture gara Sefaaniyaa ilma Kuushii, ilma Gedaaliiyaa, ilma Amaariiyaa, ilma Hisqiyaas dhufee dha*. 2 Waaqayyo,<<Ani wanta hundumaa lafa irraa haxaa'ee nan balleessa; 3 nama, horiis haxaa'ee nan balleessa; allaattii qilleensa keessa balali'u, qurxummii galaanaas haxaa'ee nan balleessa; yommuu ani nama lafa irraa balleessu, warri hamoonni akka tuullaa kosii in ta'u; kana ana Waaqayyotu dubbate*. 4 <<Ani Yihudaa irratti, Yerusaalem keessa warra jiraatan hundumaa irrattis, harka koo ol nan fudhadha; hambaa warra Ba'aaliif hojjetanii, warra waaqayyolii tolfamoodhaaf sagadanis luboota isaanii wajjin achi keessaa raawwadhee nan balleessa*; 5 warra bantii manaa irratti macca waaqa keessaatiif qoomma'anii sagadan, warra maqaa Miilkom Waaqayyo tolfamaatiin kakachaa, ana Waaqayyoofis qoomma'anii sagadan*, 6 warra ana Waaqayyo duukaa bu'uu dhiisanii gara galan, warra ana hin barbaaddanne, ana hin kadhannes raawwadhee nan balleessa>> jedhe. 7 Guyyaan Waaqayyoo dhi'aateeraatii Waaqayyo gooftaa duratti calluma jedhaa! Waaqayyo wanta aarsaa ta'u qopheesseera, warra waames qulqulleesseera*. 8 Waaqayyo,<<Guyyaa aarsaa sanatti ani Waaqayyo gurguddootaa fi ilmaan mootichaa akkasumas warra uffata ormaa uffatan hundumaa nan adaba. 9 Warra buusaa balbalichaa irra utaalan hundumaa, warra nama irratti ka'uudhaan, nama gowwoomsuudhaanis galma waaqayyolii isaanii guutan hundumaa guyyaa sanatti nan adaba>> jedha. 10 Waaqayyo,<<Guyyaa sanatti, karra qurxummii duraa, iyyatu, kutaa mandarichaa isa lammaffaa keessaa, wawwaannaatu, gaara irraa immoo sagalee wanta diigamee kukkufu guddaatu dhaga'ama. 11 Isin warri dachaa mandarichaa keessa jirtan, naggaadonni keessan hundinuu raawwatanii waan balleeffamaniif, warri meetiidhaan nagadan hundinuus waan barbadeeffamaniif wawwaadhaa! 12 Guyyaa sanatti ani Yerusaalemin fonqolchee ibsaadhaan nan ilaala, namoota ishee warra akka daadhii waynii isa siicoo irratti hafee ta'an, warra of irraa bu'anii, <<Waaqayyo wanta gaarii yookiis hamaa hin hojjetu>> jedhanii yaadan nan adaba*. 13 Badhaadhummaan isaanii in saamama, manneetiin isaaniis in ona; mana in ijaarratu, garuu keessa hin jiraatan; muka waynii in dhaabbatu, garuu daadhii waynii isaa hin dhugan>> jedha*. Guyyaan Waaqayyoo Inni Guddaan Akka Dhufu Himuu Isaa 14 Guyyaan Waaqayyoo inni guddaan dhi'aateera, dhi'aateera, dafees in dhufa; guyyaa Waaqayyoo sanatti loltoonni jajjaboon iyyuu sodaatanii iyya jabaa in iyyu*. 15 Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa ti, guyyaa dhiphinaatiif guyyaa gidiraa ti; guyyaa rakkinaatii fi guyyaa badiisaa ti; guyyaa dimimmisaatii fi guyyaa dukkanaa ti; guyyaa duumessaatii fi guyyaa dukkana limixii ti*; 16 guyyaan sun guyyaa fiinoo fi iyyi lolaa mandaroota kellaa dhagaa qabanii fi masaraa ol ka'oo irratti dhaga'amuu dha. 17 Waaqayyo,<<Ani namoota irratti rakkina nan fida, isaan ana Waaqayyoon waan yakkaniif, akka namoota jaamotaatti in deddeebi'u; dhiigni isaanii akka awwaaraatti gad in nam'a, reeffi isaaniis akka kosiitti in gatama>> jedha. 18 Guyyaa dheekkamsa Waaqayyoo sanatti meetiin isaanii yookiis warqeen isaanii isaan oolchuu hin danda'u; warra lafa irra jiraatan hundumaatti dingata lafa irraa balleeffamuu waan fiduuf, biyyi lafaa guutummaatti ibidda dheekkamsa isaatiin in dhuma*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia