Roomaa 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooNagaa 1 Ani Phaawulos hojjetaan Yesus Kristos ergamaa ta'uudhaaf waamamee, wangeela Waaqayyoos lallabuudhaaf addaan kanan baafame kana caafuu koo ti*. 2 Wangeelli kun isa Waaqayyo duraan dursee karaa raajota isaatii caaffata qulqullaa'aa keessatti abdachiisee dha*. 3 Inni waa'ee ilma isaa isa akka fooniitti sanyii Daawit keessaa dhalatee dubbate*. 4 Akka qulqullummaa isaa isa hafuuraatti immoo, warra du'an keessaa ka'uudhaan Yesus Kristos gooftaan keenya ilma Waaqayyoo ta'uun isaa humnaan beeksifameera*. 5 Ulfina maqaa isaatiif saba lafa irraa hundumaa gara amantiitti, gara abboomamuuttis geessuudhaaf ayyaanni ergamoota ta'uu, isumaan nuuf kennameera*. 6 Isinis immoo warra kan Yesus Kristos ta'uudhaaf waamaman sana keessa jirtu. 7 Ammas isin warra Roomaa jiraattan, warra Waaqayyo jaallatee isaaf akka qulqullooftaniif isin waame hundumaan, ?Waaqayyo abbaan keenya, gooftaan keenya Yesus Kristosis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu!? jedheetan nagaa koo isiniif dhi'eessa*. Kadhata Galataa 8 Duraan dursee, amantiin keessan guutummaa biyya lafaatti waan beekameef sababii hunduma keessaniitiif jedhee, Yesus Kristosiin Waaqayyo koo nan galateeffadha*. 9 Ani wangeela ilma isaatii lallabuudhaan garaa koo guutuudhaan Waaqayyoof nan hojjedha; inni ani hojjedhuuf kunis yeroo hundumaa kadhata koo keessatti akkan isin yaadadhu in beeka*. 10 Waaqayyo, jaalala isaa yoo ta'e, dhufee isin arguuf akka ana dandeessisuuf nan kadhadha*. 11 Ani kennaa hafuuraa isiniin ga'uudhaan akka isin ittiin jabaattaniifan isin arguu yaada. 12 Caalaadhumatti iyyuu amantii waliitiin akka jajjabeeffamnu, kana jechuunis isin amantii kootiin, anis amantii keessaniin akka wal jajjabeessinuuf*. 13 Yaa obboloota ko, yeroo baay'ee dhufee isin arguudhaaf akeekuu koo akka beektan nan jaalladha; garuu yeroo hundumaa hamma ammaatti ittifameera. Saba Waaqayyoo warra hin ta'in, warra biraa keessatti akkuman hojjedhe, hojii ija qabu isin gidduuttis hojjechuufan ture*. 14 Ani saba hundumaafuu, warra Griikotaa fi, warra Griikota hin ta'iniifis, warra beektotaa fi warra wallaalotaafis kanan itti gaafatamu gatiitu ana irra jira*; 15 kanaaf ani isin warra Roomaa jiraattanitti immoo wangeela lallabuudhaaf dhimmamaa dha*. Humna Wangeelaa 16 Ani wangeelatti hin yeella'u, inni humna Waaqayyoo isa warra amantii qaban hundumaa, duraan dursee warra Yihudootaa akkasumas warra Griikotaa fayyisuu dha*. 17 Qajeelummaan Waaqayyo namaaf kennu amantii irra in dhaabata gara amantiittis nama in geessa. Kunis wangeela keessatti in mul'ata; akkuma caafamee jiru immoo, ?Namni amantiidhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e jireenya dhugaa in jiraata*?. Yakka Sanyii Namaa 18 Dheekkamsi Waaqayyoo, Waaqayyo malee jiraachuu fi, jal'ina namootaa hunduma irratti waaqa irraa in mul'ata, isaanoo jal'ina isaaniitiin dhugaa gad in ukaamsu*. 19 Waa'ee Waaqayyootiif beekuun kan namaaf danda'amu isaaniifis hubatamaa dha, kanas Waaqayyo ofii isaa isaanitti hubachiiseera*. 20 Bifni isaa ijaan hin argamne; garuu humni isaa inni bara baraa, waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu in danda'a; kanaafis waan itti qabatan hin qaban*. 21 Waaqayyoon utuma beekanii, akka Waaqayyootti ulfina hin laanneef, galatas isaaf hin galchine; garuu yaada isaaniitiin waan waa'ee hin baafne duukaa bu'an, sammuun isaanii inni duudaanis in dukkaneeffame*. 22 Ogeessota utuma ofiin jedhanii gowwooman*; 23 ulfina Waaqayyo isa hin duunee, bifa nama isa du'utti, bifa simbirrootaatti, bifa bineensa miilla afuriitti, bifa warra lafa irra munyuuqaniittis diddiiran*. 24 Kanaafis Waaqayyo kajeellaa garaa isaaniitiin xuraa'ummaatti, walii isaanii gidduuttis dhagna isaanii salphisuutti dabarsee isaan kenne*. 25 Isaan dhugaa waa'ee Waaqayyoo sobatti diddiiraniiru; Waaqayyoon isa hundumaa uume dhiisanii, uumamaaf sagadanii, hojjetaniif. Waaqayyo garuu bara baraan galateeffamaa dha! Ameen. 26 Sababii kanaaf Waaqayyo kajeellaa nama salphisutti dabarsee isaan kenne; dubartoonni isaaniis karaa ittiin fedha fooniitiif dhiiraa wajjin wal bira ga'an isa uumamaan kennameef dhiisanii, gara isa uumamaan isaaniif hin kennaminitti diddiiratan. 27 Warri dhiiraas akkasuma karaa ittiin fedha fooniitiif dubartootaa wajjin wal bira ga'an, isa uumamaan kennameef dhiisanii, kajeellaa walii isaaniitiin gubataniiru; warri dhiiraas walii isaanii gadhoomsanii, beekaa karaa irraa jal'isuu isaaniitiif adaba dhagna isaanii akka ta'utti fudhataniiru*. 28 Isaan Waaqayyoon beekuu, dubbii qajeelaatti waan hin lakkaa'iniif, Waaqayyo immoo yaada jal'aadhaa fi, waan namni hin hojjenne hojjechuutti dabarsee isaan kenne. 29 Isaan jal'ina, hammina, sassata, gadhummaa hundumaan guutamanii turan. Kanaanis guutamanii in hinaafu, in ajjeesu, nama in lolu, in gowwoomsu, warra kaaniif isa gadhee in hawwu, dhoksaa namaa in mul'isu*; 30 in hamatu, Waaqayyoon in jibbu, humnaan nama irratti in ka'u, in afuufamu, of in jaju, hamaa lafaa fuudhanii in bixilu, warra isaaniif hin abboomaman*. 31 Qalbii hin qaban, waan dubbatan hin eegan, jaalala of keessaa hin qaban, oo'as hin qaban. 32 Akka abboommii Waaqayyootti warra kan akkasii godhaniif duuni akka isaaniif ta'u, in beeku. Haa ta'u iyyuu malee, ofii isaaniitii kan akkasii in godhu; kana gochuu isaanii duwwaas utuu hin ta'in, warra kana godhaniin ?Ba'eessa gootan? in jedhu. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia