Aanlyn Bybel

- Advertensies -

Naahoom 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Waaqayyo Nanawweetti Dheekkamuu Isaa

1 Mul'anni waa'ee Nanawweettiif Naahom Elqoshichatti mul'ate macaafa kana keessatti caafamee jira*.

2 Waaqayyo hinaafaa dha, gooftaa ijaa baafatuu dhas; Waaqayyo ijaa in baafata, dheekkamsi isaas sodaachisaa dha; Waaqayyo warra isaan morman irratti ijaa in baafata, dheekkamsi isaas baruma baraan diinota isaa irratti in hafa.

3 Waaqayyo aangoo guddaa qaba, dheekkamuuf hin ariifatu, isa yakke immoo adabuu hin dhiisu; inni qilleensa bubbisuu fi bubbee humna-qabeessa keessa in adeema, duumessoonnis awwaara miilla isaatii ti*;

4 inni galaana ifatee in gogsa, lagoonni hundinuus akka gogan in godha; Baashaanii fi Qarmelos in coollagu, daraaraan Liibaanonis in harca'a*.

5 Fuula isaa duraa tulloonni in raafamu, gaaronnis in baqu; lafti, biyyi lafaa, wanti ishee keessa jiraatu hundinuus, fuula isaa duraa in hollatu*.

6 Dheekkamsa isaa dura eenyutu dhaabachuu danda'a>> Aarii isaa isa sodaachisaa duras eenyutu ijaajja>> Dheekkamsi isaa akka ibiddaa in boba'a, kattaawwanis fuula isaa duraa in caccabu.

7 Waaqayyo gaarii dha, yeroo rakkinaattis iddoo baqaa ti, warra isa amanatanis beeka*;

8 Nanawwee garuu tinfa lolaatiin raawwatee in balleessa, diinota isaas ari'ee dukkanatti in galcha.

9 Isaan Waaqayyo irratti maal koratu>> Inni raawwatee isaan in balleessa; egaa rakkinni deebi'ee hin argamu.

10 Isaan akka qoraattiitti wal xaxanii, dhugaatii isaaniitiinis machaa'anii, akka cidii gogaatti in gubatu.

11 Yaa Nanawwe, inni Waaqayyo irratti koratu, inni wanta jal'aa mari'atus si keessaa ka'e*.

12 Waaqayyo gooftaan,<<Isaan humna guutuu yoo qabaatan, baay'ee yoo ta'anis, duguugamanii in balleeffamu; yaa Yihudaa, ani kanaan dura si dhiphiseera yoon ta'e iyyuu, si'achi deebi'ee si hin dhiphisu;

13 egaa ani waanjoo isaanii gurmuu kee irraa nan cabsa, hudhaa isaas si irraa nan cira>> jedhe*.

14 Yaa Nanawwe, Waaqayyo, <<Mana waaqayyolii keetii keessaa bifa qirixamaa fi waaqayyolii baqfamanii hojjetaman diigee nan balleessa; ati jibbisiisaa waan taateef, akka ati awwaalamtu nan godha; si'achi immoo sanyiin maqaa kee waamsisu siif hin dhalatin!>> jedhe; Waaqayyo waa'ee keetiif jedhee murtoo kana dabarseera.

15 Yaa Yihudaa, gara ergamaa isa tulloota irratti misraachoo himuu, gara isa nagaa labsuus ilaali! Ayyaannan kee ayyaaneffadhu, wareega kees raawwadhu! Warri hamoonni raawwatanii waan balleeffamaniif, si'achi deebi'anii si hin balleessan*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Volg ons:



Advertensies