Mulʼata 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooIttiin Lixa 1 Kun mul'ata Yesus Kristos, isa inni ittiin wanta dafee ta'uun irra jiru hojjetoota isaatti argisiisuuf Waaqayyo biraa argatee dha; inni ergamaa isaa waaqa irraa ergee kana hojjetaa isaa Yohannisitti beeksise*. 2 Yohannis wanta Waaqayyo dubbate, Yesus Kristos isaaf dhugaa ba'uu isaa, hamma dhaga'ee fi hamma arge dhugaa ba'eera*. 3 Barri kun itti raawwatamu waan dhi'aateef, namni isa inni dhugaa ba'e kana dhageessisee dubbisu, warri dubbii raajii dubbatame kana dhaga'anii, wanta isa keessatti caafames eegan attam haa gammadan*! Waldoota Kristiiyaanaa Torbanuuf Nagaa Erguu Isaa 4 Ani Yohannis, waldoota kristiiyaanaa torban kutaa biyya Asiyaa keessa jirtaniif kana caafuu koo ti. ?Ayyaanni, nagaanis Waaqayyo isa jiru, isa ture, isa dhufuuf jiru biraa, hafuurota torban teessoo isaa dura jiran biraa*, 5 Yesus Kristos biraas isiniif haa ta'u!? jedhee nagaa koo isiniif nan dhi'eessa. Yesus Kristos dhuga-baatuu amanamaa dha, inni warra du'an keessaa angafa ta'ee kaafame, mootota lafa kanaas in abbooma. Inni nu jaallatee, dhiiga isaa isa nuuf dhangala'een cubbuu keenya irraa nu fure*. 6 Isa mootummaadhaa fi Waaqayyo abbaa isaatiif luboota akka taanu nu godhate sanaaf, ulfinnii fi aangoon baraa hamma bara baraatti haa ta'u! Ameen*. 7 Kunoo! Inni duumessaa wajjin dhufuuf jira; iji hundinuu isa ilaaluuf jiru, warri isa waraananis immoo isa arguuf jiru; gossi nama lafa irraa hundinuu isaaf in wawwaatu; eyyee akkasuma in ta'a*. 8 Waaqayyo gooftichi, inni jiru, inni ture, inni dhufuuf jiru, inni hundumaa danda'u, ?Ani Alfaa dha, Omeegaa dhas? jedha; [kana jechuun, ?Ani isa duraa ti, isa booddee tis? jechuu dha]*. Mul'ata Isa Jalqabaa Arguu Isaa 9 Ani Yohannis obboleessi keessan rakkina keessaa, mootummaa keessaa, obsaan Yesusii wajjin hafuu keessaas isinii wajjin nan hirmaadha. Dubbii Waaqayyoo duukaa, wanta Yesus dhugaa ba'e duukaas waanan bu'eef, biyya bishaan keessaa ishee ?Phaaximoo? jedhamtu tokkotti nan geeffame*. 10 Guyyaa isa ?Guyyaa Gooftaa? jedhamee beekametti, ani hafuuraan guutameen booddee kootiin sagalee guddaa, sagalee malakataa fakkaatu tokko dhaga'e*. 11 Sagalichis, ?Waan argaa jirtu akka inni macaafa ta'utti caafi! Isas waldoota kristiiyaanaa mandara Efesoon, mandara Simiirnaa, mandara Phergamoon, mandara Tiyaatiraa, mandara Saardes, mandara Filaadelfiyaa, mandara Laa'odiiqeyaa jiran torbaniif ergi!? jedhe. 12 Ani sagalee dhaga'een isa anatti dubbatu ilaaluudhaaf gara gale; yommuun gara gales baattuu ibsaa warqee irraa hojjetame torba nan arge*. 13 Baattuuwwan ibsaa sana gidduu immoo ilma namaa kan fakkaatu tokko uffata gad dheeraa miilla bira ga'u uffatee, wanta akka hidhata warqeetiinis qoma isaa hidhatee ture*. 14 Rifeensi mataa isaa akka rifeensa hidamaa yookiis akka cabbii in calaqqisa; iji isaas akka barbadaa ibiddaa ti*. 15 Miilli isaa akka sibiila diimaa isa boolla ibiddaa keessatti baqfamee ifuu ti, sagaleen isaas akka sagalee huursaa bishaan baay'ee ti*. 16 Harka isaa mirgaa keessaa urjoota torba qaba; afaan isaa keessaa billaa qara-qabeessa gara lamaan qarametu ba'a; fuulli isaas akka biiftuu saafaa in ifa*. 17 Yommuun isa arge akka nama du'ee miilla isaa jalatti nan kufe. Inni immoo harka isaa mirgaa ana irra kaa'ee, ?Hin sodaatin! Inni duraa, inni booddees ana*; 18 inni jiraatus ana. Takka illee du'een ture, amma garuu kunoo baraa hamma bara baraatti jiraachuuttan jira; du'a irratti, balbala iddoo warra du'anii banu irrattis ani gooftummaa qaba*. 19 Ammas wanta amma ta'uutti jiru, wanta kana booddee ta'uuf jirus isa argite caafi! 20 Hiikaan urjoota torban harka koo mirgaa keessatti argite akkasumas baattuuwwan ibsaa warqee irraa hojjetaman torbanii dhokataa ture; amma garuu urjoonni torban ergamoota waldoota torbanii ti, baattuuwwan ibsaa torbanis waldoota torban sanatti in hiikama? jedhe. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia