Aanlyn Bybel

- Advertensies -

Luqaas 6 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Gaaffii Waa'ee Sanbataa
( Mat 12:1-8 ; Mar 2:23-28 )

1 Guyyaa Sanbataa tokkos Yesus maasii qamadii keessa darba ture; bartoonni isaa immoo asheetii ciranii, sukkuumanii nyaatan*.

2 Yommus Fariisota keessaa jarreen tokko, ?Guyyaa Sanbataatti gochuun seeraan kan dhowwame maaliif gootu?? jedhanii isaan in gaafatan*.

3 Yesus isaaniif deebisee, ?Daawit namoota isaa wajjin yommuu beela'e waan godhe hin dubbifne moo isin*?

4 Innoo mana Waaqayyootti galee, buddeena ilaalchaa Waaqayyoof kan dhi'aate fudhatee nyaatee, namoota isaa wajjin turaniifis kenne; kun immoo luboota duwwaa irraa kan hafe warri kaan nyaachuun seeraan dhowwamee ture? jedhe*.

5 Itti dabalees, ?Ilmi namaa Sanbata irratti iyyuu gooftaa dha? isaaniin jedhe.


Yesus Namicha Harka Naafaa Fayyisuu Isaa
( Mat 12:9-14 ; Mar 3:1-6 )

6 Sanbata biraa tokkottis Yesus gara mana sagadaatti galee barsiise; namni harki isaa mirgaa naafate tokkos achi keessa ture.

7 Barsiisonni seeraa fi Fariisonni ittiin Yesusin hadheessuudhaaf, mee Sanbataan namicha kana fayyisa yoo ta'e, jedhanii isa gaadan*.

8 Yesus garuu waan jarri garaatti yaadan beekee, namicha harki isaa naafate sanaan, ?Ka'i, as gara fuula duraa kottu!? jennaan, namichi ka'ee fuula dura dhaabate*.

9 Yommus Yesus jaraan, ?Isinuman gaafadha, seerri keenya guyyaa Sanbataatti maal akka goonu nu abbooma? Gaarii hojjechuu moo hamaa? Lubbuu namaa oolchuu moo yookiis balleessuu?? jedhe*.

10 Naannoo isaa kan turan hundumaas tokko tokkoon erga ilaalee booddee namichaan, ?Harka kee diriirsi!? jedhe; kana irratti inni harka isaa diriirse, harki isaas deebi'ee fayye.

11 Isaan garuu baay'ee aaran, achumaanis Yesusin maal gochuu akka danda'an walii wajjin mari'atan*.


Yesus Bartoota Kudha Lamaan Fo'achuu Isaa
( Mat 10:1-4 ; Mar 3:13-19 )

12 Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule.

13 Bariinaan bartoota isaa kan turan hundumaa ofitti waamee, isaan keessaas kudha lama fo'ate; warri inni ergamoota jedhee waame isaan kana*.

14 Maqaan isaaniis Simoon isa inni Phexros jedhee moggaase, Indriiyaas obboleessa Phexros, Yaaqoob, Yohannis, Filiphos, Bartolomewos,

15 Maatewos, Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewos, Simoon isa ?Hinaafticha? jedhamee beekame,

16 Yihudaa ilma Yaaqoob, Yihudaa nama biyya Keriyot; inni immoo booddee Yesusin dabarsee isa kennee dha*.


Yesus Barsiisuu Isaa Fi Fayyisuu Isaa
( Mat 4:23-25 )

17 Yesus isaanii wajjin gaaricha irraa gad bu'ee, iddoo diriiraa tokko dhaabate. Bartoota isaa warra hafan keessaa baay'een, Yihudaa hundumaa keessaa Yerusaalem keessaas akkasumas mandaroota galaana bukkee, Xiiroosii fi Sidoon keessaas sabni lakkoobsa hin qabne isaanii wajjin turan.

18 Isaan kun isa dhaga'uudhaa fi, dhukkuba isaaniittiis fayyuudhaaf dhufan; warri hafuura hamaadhaan rakkachaa turanis in fayyan.

19 Tuuti jaraas humni isa biraa ba'ee, hunduma isaanii in fayyisa waan tureef, hundinuu harka isaaniitiin isa tuquudhaaf in yaalu turan*.


Waa'ee Warra Gammadanii Fi Warra Gaddanii
( Mat 5:1-12 )

20 Yommus inni gara isaaniitti gara galee bartoota isaa do'atee, isaanitti dubbate; ?Gammadaa isin gadadamoota nana, mootummaan Waaqayyoo kan keessan*.

21 Gammadaa isin amma kan beeloftan, quufuudhaaf jirtu; gammadaa isin amma kan boossan, kolfuudhaaf jirtu*.

22 Ilma namaatiif jedhanii namoonni yommuu isin jibban, yommuu isin qoodan, yommuu isin arrabsan, yommuu maqaa keessan hadheessanis gammadaa*!

23 Abaabiliin isaaniis raajota akkasuma gochaa turan; egaa, yeroo sanatti gammadaa, quruphisaas, waaqa irratti gatiin keessan guddaa in ta'a*.

24 Garuu wayyoo isin warra geessifattaniif, qannoo keessaniif kan ta'u argattaniittu*.

25 Wayyoo isin warra amma quuftaniif, beela'uudhaaf jirtu; wayyoo isin amma kan kolfitaniif, wawwaachuuf, boo'uufis jirtu*.

26 Wayyoo isiniif namni hundinuu yoo isin jajate, abaabiliin isaaniis raajota sobduu akkasuma gochaa turan? jedhe*.


Waa'ee Diinota Jaallachuu
( Mat 5:38-48 )

27 Yesus itti fufee, ?Ani garuu isin warra na dhageessaniin, diinota keessan jaalladhaa warra isin jibbaniifis gaarii godhaafan isiniin jedha*.

28 Warra isin abaaran eebbisaa, warra isin arrabsaniifis kadhadhaa*!

29 Namni maddii kee gara tokkoo yoo si kabale, isa gara kaaniis itti qabi! Namni kootii kee yoo si irraa fudhate, qomee kee iyyuu isa hin dhowwatin*!

30 Abbuma si kadhateef kenni, qabeenya kee isa si duraa fudhates, naa deebisi jettee, hin gaafatin!

31 Namoonni akka isinii godhaniif kan jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa*!

32 Warra isin jaallatan duwwaa yoo jaallattan, galanni keessan maali ree? Warri hin amanne iyyuu warra isaan jaallatan in jaallatu.

33 Warra gaarii isiniif godhan duwwaadhaaf gaarii yoo gootan, galanni keessan maali ree? Warri hin amanne iyyuu akkasuma in godhu.

34 Warra isinii baasan duwwaadhaaf yoo liqeessitan galanni keessan maali ree? Warri hin amanne iyyuu isuma liqeessan deebisanii argachuudhaaf cubbamoota akka isaaniif in liqeessu*.

35 Isin garuu diinota keessan jaalladhaa, gaariis godhaa, nuuf baasu jettanii utuu hin abdatinis liqeessaa! Gatiin keessan guddaa in ta'a, ijoollee aabbaas in taatu; innoo warra galata hin qabnee fi warra hamootaaf iyyuu arjaa dha.

36 Abbaan keessan oo'a-qabeessa akka ta'e isinis oo'a-qabeeyyii ta'aa!? jedhe.


Waa'ee Namatti Faraduu
( Mat 7:1-5 )

37 Yesus itti fufee, ?Namatti hin faradinaa isinittis hin faradamu; yakka hin murinaa yakki isinitti hin muramu; haa hafu jedhaa, Waaqayyos isiniif haa hafu in jedha*.

38 Kennaa, Waaqayyos isiniif in kenna; qodaa safaraa gaariitti dhidhiibamee kan nam'u, guutees kan irra dhangala'utu isiniif kennama; qodaa safaraa isin itti namaaf safartanitti, isiniif in safarama? jedhe*.

39 Yesus ammoo fakkeenya kana isaanitti hime; ?Namni jaamaan jaamaa akka isaatii karaa argisiisuu danda'aa? Lachanuus wal fudhatanii bowwaa keessa hin bu'anii ree*?

40 Bartuun tokko barsiisaa isaa hin caalu; yoo ta'e illee guutummaatti erga barsiifamee, akka barsiisaa isaa ta'a*.

41 Maaliif huuba ija obboleessa kee keessa jiru ilaalta? Utubaa isa ija kee keessa jiru hin hubattuu?

42 Obboleessa keetiinis attamitti, ?Yaa obboleessa koo lakkii huuba ija kee keessaa sanan sii baasa? jettaani ree? Atoo utubicha ija kee keessa jiru hin argine iyyuu dha; ati of hin arginee nana, duraan dursitee utubaa ija ofii keetii keessaa baasi, isa booddee huuba ija obboleessa kee keessa jiru, hubattee baasuu in dandeessa? jedhe.


Muka Tokkoo Fi Ija Isaa
( Mat 7:17-20 )

43 Yesus barsiisa isaa itti fufee, ?Mukti ba'eessi ija gadhee hin godhatu akkasumas mukti gadheen ija ba'eessa hin godhatu.

44 Mukti hundinuu ija inni godhatuun in beekama; harbuun baalaanwaraanteettii, iji wayniis kombolchattii hin ciramu*.

45 Namni gaariin gaarummaa garaa isaa keessaa waan gaarii in baasa; namni hamaanis hammina garaa isaa keessaa waan hamaa in baasa. Namni waan garaa isaa keessa guute afaaniin in dubbata? jedhe*.


Mana Ijaartota Lamaan
( Mat 7:24-27 )

46 Yesus itti dabalee, ?Maaliif waanan isinitti himu utuu hin godhin, yaa gooftaa, yaa gooftaa naan jettu*?

47 Gara koo kan dhufu, dubbii koos kan dhaggeeffatu, kan isa raawwatus, waan inni fakkaatu isinittan mul'isa.

48 Inni nama boolla gad fageessee qotee, hundee mana isaa dhagaa irra dhaabee ijaarrate fakkaata. Bishaanis guutee, manii isaa irra danbali'ee, manichattis bu'e; garuu isa sochoosuu hin dandeenye, hundeen isaa jabaatee ijaarameera.

49 Namni dubbii koo dhaggeeffate hin raawwanne garuu, nama hundee mana isaa gad fageessee utuu hin dhaabin, biyyoo irratti ijaarrate fakkaata. Bishaanis guutee yommuu itti bu'etti, manichi tokkichumaan jige, jiguun isaas badduu baasa ta'e? jedhe.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Volg ons:



Advertensies