Luqaas 5 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooWaamamuu Phexrosii Fi Ilmaan Zabdewos ( Mat 4:18-22 ; Mar 1:16-20 ) 1 Gaaf tokko Yesus bishaan ciisaa Genesaarex jedhamu bukkee in dhaabata ture; namoonni baay'een immoo dubbii Waaqayyoo isa irraa dhaga'uudhaaf wal dhiibuudhaan isatti bu'an. 2 Bidiruu lama qarqara bishaanichaatti hidhamanii arge; qurxummi-qabduunis keessaa ba'anii kiyyoo isaanii in dhiqu turan. 3 Bidiroota sana keessaa isa kan Simoon yaabee, Simoonin bidiruu isaa bishaanitti buusee, qarqara irraa xinnoo ishee gara gidduutti akka butuuf gaafate; achumaan taa'ee, bidiricha irraa jara in barsiisa ture*. 4 Dubbii isaa erga dhaabee booddee, Simooniin, ?Gara tuujjubichaatti hiiqi; qurxummii qabuudhaafis kiyyoo keessan darbadhaa!? jedhe. 5 Simoon immoo deebisee, ?Yaa barsiisaa, eda halkan guutuu baay'ee itti dadhabne, homaas hin qabne, amma garuu erga ati dubbattee dubbii keetiif jedhee kiyyicha nan darbadha? jedheen*. 6 Isaan kiyyoo isaanii yommuu darbatan, kiyyoon isaanii hamma tarsa'uu ga'utti, qurxummii danuu qabatan*. 7 Hiriyoonni isaanii bidiruu biraa keessa kan turan dhufanii akka isaan gargaaraniif hawwatan; isaanis dhufaniifii, baay'ina qurxummiitiif liqimfamuu hamma ga'anitti, bidiroota lachuu qurxummiidhaan guutan. 8 Simoon Phexros waan ta'e kana yommuu arge, jilba Yesusitti kufee, ?Yaa gooftaa sitti dhi'aachuun anaaf hin ta'u, ani nama cubbamaa dha? jedhe. 9 Simoonii fi isaa wajjin kan turan hundinuu waa'ee qurxummii danuu qabuu isaaniitiif na'anii, dinqifatan. 10 Yaaqoobii fi Yohannis, ilmaan Zabdewos warri hojiidhaan hiriyoota Simoon turan, dubbii kana akkuma warra kaanii raajeffatan. Yesus yommus Simooniin, ?Hin sodaatin, si'achi immoo nama kan walitti qabdu in taata? jedhe. 11 Bidiroota isaanii gara qarqaraatti erga baasanii booddee, hundumaa dhiisanii Yesus duukaa bu'an*. Yesus Namicha Lamxaa'aa Qulleessuu Isaa ( Mat 8:1-4 ; Mar 1:40-45 ) 12 Yesus mandara tokkotti argame. Namichi dhagni isaa guutuun lamxaa'e tokkos achi ture; inni Yesusin yommuu arge, adda isaatiin lafa dha'ee, ?Yaa gooftaa fedha kee yoo ta'e na qulleessuu in dandeessa? jedhee isa kadhate. 13 Yesus hiixatee qabees, ?Fedheera qullaa'i!? jedhe; achumaan namichi lamxii isaa irraa qullaa'e. 14 Yesus immoo, ?Kana homaattuu hin himin, garuu dhaqi luba of ilaalchisi, akka Museen abboomettis fayyuun kee hundumaattuu haa mul'atuuf qullaa'uu keetiif kennaa kee dhi'eessi!? jedhee isa abboome*. 15 Haa ta'u iyyuu malee, waa'een isaa caalaatti odeeffamnaan, namoonni lakkoobsa hin qabne isa dhaga'uudhaa fi dhukkuba isaaniittiis fayyifamuudhaaf gara isaatti dacha'an. 16 Inni garuu kadhachuuf gara lafa namni hin jirreetti jalaa sokke*. Yesus Namicha Dhagni Isaa Gar Tokko Du'e Fayyisuu Isaa ( Mat 9:1-8 ; Mar 2:1-12 ) 17 Gaaf tokko Yesus in barsiisa ture. Fariisonnii fi barsiisonni seeraas gandeen kutaa biyya Galiilaatii fi Yihudaatii, mandara Yerusaalemiis dhufanii, achi in taa'u turan. Humni Waaqayyoo gooftaa inni fayyisus Yesusii wajjin ture. 18 Kunoos jarreen tokko nama dhagni isaa gar tokko du'e sireedhaan fidan; ol galchaniis Yesus dura kaa'uu yaalan. 19 Garuu baay'ina namootaatiif karaa dhabnaan, mana yaabsisan; bantii mana [biyya sanaa isa diriiraa] saaqanii, akkuma siree irra ciisetti Yesus duratti gad buusan. 20 Yesus amantii jarreen kanaa yommuu arge isa dhukkubsataadhaan, ?Namicha nana, cubbuun kee hundinuu siif dhiifameera? jedhe*. 21 Barsiisonni seeraatii fi Fariisonni, ?Eenyu namichi Waaqayyoon arrabsu kun? Waaqayyo duwwaa malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu danda'a?? jedhanii guungumuu jalqaban*. 22 Yesus yaada isaanii yommuu hubate, gaaffii isaan gaafate; ?Maaliif kana garaa keessanitti yaaddu*? 23 Kamtu salphaa dha? Cubbuun kee siif dhiifameera jechuu moo yookiis ka'iitii adeemi jechuu? 24 Garuu ilmi namaa lafa irratti dhiifamuu cubbuu kennuudhaaf aboo akka qabu beekaa!? jedhe. Achumaanis isa dhagni isaa gar tokko du'een, ?Sittan hima, ka'iitii siree kee fudhadhuu mana keetti gali!? jedheen*. 25 Si'uma sana utuma isaan ilaalanii, ka'ee siree irra ciisaa tures fudhatee, Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessaa mana isaatti gale. 26 Yommus hundumti isaanii abjuu ta'anii, Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessan; naasuunis isaan qabate, ?Har'a dinqii takkaa hin ta'in argine? jedhan. Waamamuu Lewwii ( Mat 9:9-13 ; Mar 2:13-17 ) 27 Yesus kana booddee achii ba'ee utuu adeemuu, qaraxxuu Lewwii jedhamu tokko iddoo qaraxaa utuu taa'uu argee, ?Na duukaa bu'i!? jedheen. 28 Kana irratti Lewwiin hundumaa dhiisee ka'ee, duukaa bu'e. 29 Ergasii Lewwiin Yesusin simachuudhaaf mana isaatti cidha guddaa qopheesse; qaraxoonnii fi namoonni biraa baay'atanii isaanii wajjin maaddiitti taa'anii turan. 30 Yommus Fariisonnii fi barsiisonni seeraa bartoota Yesus irratti guungumanii, ?Warra qaraxxuudhaa fi warra akka seeraatti hin jiraannee wajjin maaliif nyaattu? Maaliif dhugdus?? jedhanii gaafatan*. 31 Yesus deebisee, ?Namoonni fayyaan ogeessa qorichaa hin barbaadan, dhukkubsatootatu barbaada malee. 32 Ani warra jireenya qajeeltoo jiraatan waamuu hin dhufne, cubbamoota gara yaada garaa isaanii geddarachuutti waamuun dhufe malee? isaaniin jedhe. Gaaffii Waa'ee Soomii ( Mat 9:14-17 ; Mar 2:18-22 ) 33 Yommus jarreen kun deebisanii Yesusitti dubbatanii, ?Bartoonni Yohannis si'a baay'ee in soomu in kadhatus, bartoonni Fariisotaas immoo akkasuma godhu, bartoonni kee garuu in nyaatu, in dhugus? jedhan. 34 Yesus immoo, ?Utuu dhirsi misirroo isaanii wajjin jiruu warra cidhaa soomsisuu dandeessuu ree*? 35 Guyyaan dhirsi misirroo isaan duraa itti fudhatamu dhufuuf jira; yommus in soomu? isaaniin jedhe. 36 Yesus fakkeenya kana immoo isaanitti hime, ?Homtinuu erbee uffata haaraa irraa tarsaasee uffata moofaatti hin erbu. Kana yoo godhe, uffata haaraa isa irraa tarsaase sana in balleessa; erbeen isaas isa moofaa wajjin wal hin fudhatu. 37 Homtinuus daadhii waynii haaraa qodaa bososaatti hin naqu; kana yoo godhe daadhichi qodicha in dhoosa in dhangala'as, lachanuus in badu. 38 Daadhii waynii haaraa qodaa jabaatti in naqu. 39 Namni daadhii ba'aa erga dhugee booddee daadhii xobbee hin barbaadu, isa ba'aatu wayya in jedha? jedhe. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia