Luqaas 3 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooLallaba Yohannis Cuuphaa ( Mat 3:1-12 ; Mar 1:1-8 ; Yoh 1:19-28 ) 1 Xiberiyos mootichi mo'ee waggaa kudha shanaffaatti, Phonxos Philaaxos biyya Yihudaa bulche; Herodis immoo biyya Galiilaatti, Filiphos obboleessi isaa biyya Ixuriyaa fi Xraakonixisitti, Lisaaniyaasis biyya Abiliinyaatti abboota biyyaa turan*. 2 Haannaasii fi Qayyaafaan angafoota lubootaa turan; bara sanatti Yohannis ilmi Zakaariyaas lafa onaa keessa utuu jiruu, sagaleen Waaqayyo isa bira ga'e*. 3 Yohannis biyya naannoo Yordaanos keessa adeemee, ?Cuuphamaa, yaada garaa geddarachuu keessan mul'isaa; Waaqayyos cubbuu keessan isiniif in balleessa? jedhee labse*. 4 Kunis macaafa Isaayaas raajichaa keessatti, ?Sagaleen lafa onaa keessaa in iyya; dhaga'aa dhaggeeffadhaa, gooftichaaf karaa tolchaatii haraa, daandii inni irra adeemus qajeelchaa. 5 Dachaan hundinuu haa guutamu; tulluun, gaarris hundinuu haa kuffifamu; karaan jajal'aan haa qajeelfamu, wal caalaanis wal haa qixxeeffamu. 6 Namoonni hundinuu fayyisuu Waaqayyoo in argu? kan jedhu caafamee jira*. 7 Akkuma kanaattis Yohannis, namoota cuuphamuudhaaf baay'atanii gara isaatti ba'an, gorsuutti ka'ee, ?Isin ijoollee mar'ataa nana, dheekkamsa isinitti bu'uuf jiru jalaa akka baqattaniif, eenyutu isin yaadachiise*? 8 Ammas yaada garaa geddarachuun keessan ija gaarii haa godhatu! Abbaan keenya Abrahaamii dha jettanii of hin jabeessinaa; Waaqayyo, Abrahaamiif dhagoota kanattii ijoollee kaasuu akka danda'u isinittan hima*. 9 Ammuma iyyuu qottoon hidda muka hundumaa irra kaa'amee jira; mukti ija gaarii hin godhanne hundinuu muramee ibiddatti in naqama? jedhe*. 10 Kana irratti jarreen sun, ?Egaa maal goonu ree?? jedhanii Yohannisin gaafatan*. 11 Inni immoo, ?Uffata lama kan qabu kan hin qabneef haa kennu; nyaata kan qabu warra dhabaniin haa ga'u!? jedhee deebiseef*. 12 Warri qaraxa fuudhan immoo cuuphamuudhaaf dhufanii, ?Yaa barsiisaa, nu'oo maal goonu?? ittiin jennaan*, 13 inni immoo, ?Kan murame irra caalchiftanii hin fuudhinaa!? jedheen. 14 Warri loltuunis, ?Nu immoo maal goonu ree?? jedhanii gaafatan; inni immoo, ?Giddisiiftanii horii nama tokko irraa illee hin fudhatinaa; sobaanis nama tokko iyyuu gara abbaa firdiitti hin geessinaa; qalabni keessan inni isin fudhattan isin haa ga'u!? jedheen. 15 Jarreen waa eeggachaa waan turaniif, Yohannis kun Kristos ta'inna laataa? jedhanii hundumti isaanii garaa isaaniitti gaafatan. 16 Yohannis waan isaan yaadan kanaaf yommuu deebii hunduma isaaniitiif kennutti, ?Ani bishaaniinan isin cuupha, garuu ana irra kan jabaatu hidhaa kophee isaatii illee hiikuudhaaf kanan hin taane dhufaa jira; inni hafuura qulqulluudhaa fi ibiddaan isin in cuupha*. 17 Oobdii isaa keessatti midhaan kan ittiin qulleessu hafarsaa of harkaa qaba; midhaan isa qulleeffames gombisaa isaatti in sassaaba; habaqii isaa garuu ibidda hin dhaamneen in guba? jedhee barsiise. 18 Kana malees gorsa garaa garaa isaaniif kennaa wangeela jaratti lallabe. 19 Yohannis Herodisiin abbaa biyyaa iyyuu balleessaa isaa itti mul'isee ifate; kunis Herodiyaas kan jedhamtu niitii obboleessa isaa Filiphos fuudhuu isaatiif, jal'ina inni raawwate hundumaatiifis ture. 20 Herodis garuu hammina isaa ittuma dabalee, Yohannisin mana hidhaatti galche*. Cuuphamuu Yesus ( Mat 3:13-17 ; Mar 1:9-11 ) 21 Yeroo namoonni hundinuu cuuphamanitti, Yesusis in cuuphame; utuu inni kadhachuutti jiruus waaqni baname. 22 Hafuurri qulqulluun bifa gugeetiin mul'atee irra bu'e; sagaleenis waaqa irraa dubbatee, ?Ati ilma koo isa jaallatamaa dha; gammachuun koos sitti in raawwatama? jedhe*. Hidda Dhaloota Yesus ( Mat 1:1-17 ) 23 Yesus hojii isaa yommuu jalqabe, dhalatee akka waggaa soddomaa ti; hidda dhaloota isaa yeroo lakkaa'anis ilma Yoseef jedhaniin; Yoseef ilma Elii*, 24 ilma Maataat, ilma Lewwii, ilma Malkii, ilma Yaanaayi, ilma Yoseef, 25 ilma Maataatiyaas, ilma Amos, ilma Naahom, ilma Eslii, ilma Naagee, 26 ilma Maa'at, ilma Maataatiyaas, ilma Seeme'i, ilma Yosee, ilma Yihudaa, 27 ilma Yoanaan, ilma Resaa, ilma Zarubaabel, ilma Salaatiyel, ilma Nerii*. 28 Ilma Melkii, ilma Adii, ilma Qosaam, ilma Elmaadaam, ilma Eer, 29 ilma Yoshuwaa, ilma Elii'ezaar, ilma Yooraam, ilma Maataat, ilma Lewwii, 30 ilma Simi'oon, ilma Yihudaa, ilma Yoseef, ilma Yoonaam, ilma Eliyaaqim, 31 ilma Meleyaa, ilma Maayinaan, ilma Maaxaataa, ilma Naataan, ilma Daawit*, 32 ilma Isey, ilma Yoobeed, ilma Boaz, ilma Salmoon, ilma Nahason*, 33 ilma Aminaadaab, ilma Aaram, ilma Arnii, ilma Hesrom, ilma Faares, ilma Yihudaa*, 34 ilma Yaaqoob, ilma Yisihaq, ilma Abrahaam, ilma Taaraa, ilma Naahor*, 35 ilma Seruug, ilma Raagaawu, ilma Faaleq, ilma Eber, ilma Saalaa, 36 ilma Qaayinaam, ilma Arfaaksaad, ilma Seem, ilma Nohi, ilma Laamek*, 37 ilma Maatusaalaa, ilma Henok, ilma Yaared, ilma Malaaliyel, ilma Qaayinaan, 38 ilma Henos, ilma Seet, ilma Addaam, ilma Waaqayyoo*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia