Aanlyn Bybel

- Advertensies -

Luqaas 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Ittiin Lixa

1 Yaa ulfaataa fi jaallatamaa Tewofilos! Waa'ee dubbii nu gidduutti raawwatame kanaa namoonni baay'een odeessuu yaalaniiru*.

2 Kanas immoo qopheessuun isaanii akka warri jalqabaa jalqabanii duukaa turan, ija isaaniitiin kan argan, dubbichaafis kan hojjetan nutti dabarsanitti*.

3 Anis immoo dubbii kana jalqaba isaatii jalqabee, keessa lixee qoraa waanan tureef, tarreetti galchee siif caafuun gaarii fakkaatee anatti mul'ate*.

4 Kana gochuun koos, dubbiin sitti himame kun dhugaadhaa fi amanamaa ta'uu isaa akka hubattuuf*.


Dura Himamuu Dhaloota Yohannis Cuuphaa

5 Bara Herodis biyya Yihudaa bulchaa turetti, balbala lubootaa kutata Abiiyaa keessaa lubni Zakaariyaas jedhamu tokko ture; haati manaa isaas sanyii lubootaa keessaa, maqaan ishees Elsaabex jedhama*.

6 Lachuun isaanii abboommii gooftaatii fi seera isaa raawwachaa fuula Waaqayyoo duratti jireenya qajeelaa jiraatan*.

7 Haa ta'u iyyuu malee, Elsaabex dhabduu waan turteef, dhala hin godhanne; lachanuu immoo lafa guuraniiru turan*.

8 Darabeen balbala isaatii geenyaanis, gaaf tokko Zakaariyaas warra kaanii wajjin fuula Waaqayyoo duratti hojii lubummaa isaa hojjechuudhaaf dhi'aate.

9 Akka amala hojii hirmaachuu isaaniitti Zakaariyaas aarsaa akka dhi'eessuuf, buufata mukaatiin irra buunaan, gara mana qulqullummaatti ol gale*.

10 Yeroo aarsaa ixaanaa kanattis sabni baay'een alaa in kadhata ture.

11 Yommus ergamaan Waaqayyoo iddoo itti ixaanni aarfamu gara mirgaatiin dhaabatee, Zakaariyaasitti mul'ate*.

12 Zakaariyaas yommuu isa arge, na'ee sodaate.

13 Ergamichi immoo itti dubbatee, ?Yaa Zakaariyaas hin sodaatin! Waaqayyo kadhannaa kee dhaga'eera'o, Elsaabex haati manaa kee ilma siif in deessi, maqaa isaas Yohannis jettee in moggaafta.

14 Ati guddaa in gammadda, dhalachuun isaas namoota baay'eetiif gammachuu in ta'a.

15 Inni guddaa in ta'a, daadhii waynii yookiis dhugaatii macheessu hundumaa matumaa hin dhugu, garaa haadha isaatii jalqabees hafuura qulqulluudhaan in guutama*.

16 Saba Israa'el keessaas danuu gara Waaqayyo gooftaa isaaniitti deebisee isaan in fida.

17 Inni hafuuraa fi humna, Eliyaas raajichi qaba ture in argata; yaada abbootaatii fi kan ijoollotaa walitti deebisuudhaaf, kan warra hin abboomamnees gara warra tolootaatti harkisuudhaaf, saba isaa gooftaa isaaniitiif kan qophaa'an gochuudhaafis gooftaa dura in adeema? jedhe*.

18 Zakaariyaas yommus ergamichaan, ?Kun akka ta'u attamittan beeka? Anoo dulloomeera, haati manaa koos barri ishee darbeera? jedhe*.

19 Ergamichi immoo, ?Ani Gabri'elii dha, fuula Waaqayyoo dura kanan dhaabadhu, misraachoo kana sitti himuudhaafan ergame*.

20 Ati garuu ergaa ani sitti himee yeroo isaatti isa raawwatamuuf jiru hin amanne; kanaafis hamma kun ta'utti arrabni kee didaa in ta'a? jedhee deebiseef.

21 Sabni gad ba'uu Zakaariyaas eeggachaa ture sun, mana qulqullummaa keessa hamma kana waan inni tureef in dinqifate.

22 Yommuu gad ba'es inni dubbachuu dadhabnaan, mana qulqullummaa keessatti mul'ata argee akka ture hubatan; arrabni isaa didaa waan ta'eef, harka isaatiin milikkita duwwaa isaanii kennuu danda'e.

23 Guyyoonni darabee isaa raawwatamnaan, Zakaariyaas gara mana isaatti deebi'e.

24 Kana booddees haati manaa isaa Elsaabex ulfooftee, hamma ji'a shaniitti manaa hin baane turte.

25 Isheen, ?Kun hojii gooftaa ti, amma gara booddeetti na yaadatee, namoota gidduutti ceephoo na irra ture ana irraa fageesse? jette*.


Dura Himamuu Dhaloota Yesus

26 Elsaabex ulfooftee ji'a ja'affaatti, ergamichi Gabri'el Waaqayyo biraa kutaa biyya Galiilaa mandara Naazireet jedhamutti ergame.

27 Ergaan isaas gara durba Maariyaam jedhamtu tokkotti ture; isheen nama Yoseef jedhamu, sanyii Daawit keessaa dhalate tokkoof, kaadhimatamtee turte*.

28 Ergamichi isheetti mul'atee, ?Waaqayyo gooftaan sii wajjin jira'o, nagaan siif haa ta'u, yaa ayyaana-qabeettii!? ittiin jedhe.

29 Maariyaam nagaa kana yommuu dhageesse, yaadaan dhiphattee, ?Kun maal jechuu dha?? jettee of gaafatte.

30 Yommus ergamichi isheedhaan, ?Yaa Maariyaam Waaqayyo biraa ayyaana argatteetta hin sodaatin*!

31 Kunoo in ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesus jedhii moggaasi*!

32 Inni guddaa in ta'a ilma aabbaas jedhamee in waamama, Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawit in kennaaf.

33 Mana Yaaqoob irratti bara baraan in mo'a, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu? jedhe*.

34 Maariyaam yommus, ?Anoo amma illee durba, kun attamitti ta'uu danda'a?? jettee ergamicha gaafatte.

35 Ergamichi immoo, ?Hafuurri qulqulluun si irra in bu'a, humni aabbaas si golbooba, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama*.

36 Kunoo firri kee isheen sitti aantu Elsaabex, dhabduu jedhamaa kan turte, bara dulluma isheetti ilma godhachuudhaaf erga ulfooftee, ji'a ja'affaa ishee ti.

37 Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru? jedhee deebiseef*.

38 Kana irratti Maariyaam, ?Ani garbittiin gooftaa kunoo asan jira, akka ati dubbatte anaaf haa ta'u!? jetteen. Kana booddee ergamichi iddoo dhufetti in deebi'e.


Maariyaam Elsaabexin Dubbisuu Ishee

39 Kana booddee utuu hin turin Maariyaam kaatee ariifattee baddaatti ol baate, gara mandara Yihudaa dhaqxe.

40 Mana Zakaariyaasitti ol galtee, Elsaabexin nagaa gaafatte.

41 Yeroo Elsaabex nagaa Maariyaam dhageessetti, mucichi gammachuudhaan garaa ishee keessa burraaqe. Elsaabex yommus hafuura qulqulluudhaan in guutamte.

42 Sagalee ishee ol fudhattee dhageessiftees, ?Ati dubartoota hundumaa irra eebbifamtuu dha; mucaan ati garaatti baattus eebbifamaa dha*.

43 ?Amma garuu haati gooftaa kootii dhuftee akka na dubbiftuuf, ulfinni hammana ga'u eessaa anaaf ta'e?

44 Akkuma sagaleen nagaa kee gurra koo keessa bu'een, mucichi gammachuudhaan garaa koo keessa burraaqe.

45 Abdiin gooftaan kenne akka raawwatamu beektee, kan amante, attam kan ayyaanomtee dha!? jette*.


Faarfannaa Maariyaam
( 1Sam 2:1-10 )

46 Maariyaam yommus, ?Garaan koo gooftaa kootiif hooqubaa dhi'eessa;

47 hafuurri koos Waaqayyo fayyisaa kootti in ililcha*.

48 Inni gad deebii garbittii isaa yaadateera'o; egaa, ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu ayyaana-qabeettii anaan jedhu*.

49 Waaqayyo inni danda'aan, waan guddaa anaaf godhe; maqaan isaa qulqulluu dha*.

50 Araarri isaa dhalootaa hamma dhalootaatti, warra isa sodaatan irratti*.

51 Irree isaatiin aangoo isaa mul'ise; warra kooranis yaada garaa isaanii wajjin bittimse*.

52 Gooftota ol of qaban teessoo isaanii irraa isaan buuse; warra gad deebi'anis ol isaan kaase*.

53 Warra beela'an waan gaariidhaan quufse; sooressota harka duwwaa isaan gad dhiise*.

54 Garbicha isaa Israa'elin gargaaruufis birmate, araara gochuudhaaf qopheesse, in yaadate*;

55 abboota keenya isa abdachiise, Abrahaamii fi ijoollee, ijoollee isaatiifis bara baraan eege? jette faarfatte*.

56 Maariyaam ji'a sadii kan ga'u Elsaabex bira turtee, kana booddee gara mana isheetti deebite.


Dhaloota Yohannis Cuuphaa

57 Elsaabex yeroon da'umsa ishee geenyaan, ilma deesse.

58 Olloonni isheetii fi firoonni ishee araara guddaa gooftaan isheedhaaf buuse yommuu dhaga'an, ishee wajjin gammadan.

59 Guyyaa saddeettaffaa isaatti mucicha dhagna qabuudhaaf warri dhufan, akka maqaa abbaa isaatti Zakaariyaas jedhanii moggaasuuf turan*.

60 Haati isaa Elsaabex garuu, ?Waawuu, maqaan isaa Yohannis haa jedhamu malee? jettee didde.

61 Isaan immoo, ?Firoota kee keessaa maqaa kanaan tokko illee hin waamamne? jedhan.

62 Rakkannaanis mucicha eenyu jedhee waamuu akka fedhu abbaa isaa milikkitaan gaafatan.

63 Zakaariyaasis waan irratti caafu akka isaaf kennaniif gaafatee maqaan isaa Yohannis jedhama, jedhee caafnaan, hundumti isaanii raajeffatan*.

64 Achumaan Zakaariyaas arrabni isaa hiikamnaan dubbachuu danda'e, hundumaa duras Waaqayyoon galateeffachuu jalqabe.

65 Olloonni isaaniis hundinuu in na'an; dubbiin kun baddaa Yihudaa guutummaatti dhaga'amee, bal'aattis dubbatame.

66 Warri kana dhaga'an hundinuu immoo dubbicha garaatti qabatanii, ?Mucaan kun maal ta'inna laata? Dhugumaan harki Waaqayyoo hamma ammaatti isaa wajjin ture? jechaa turan*.


Raajii Zakaariyaas Dubbate

67 Zakaariyaas abbaan mucichaa hafuura qulqulluudhaan guutamee raajii dubbate;

68 ?Waaqayyo gooftaan Israa'el, kan galateeffamuu dha, saba isaa furuudhaaf dhufe*;

69 fayyisaa aango-qabeessas nuuf kaase, lataa garbicha isaa Daawit keessaa*.

70 Afaan qulqulloota raajota isaatiin dubbachaa akka ture, bara durii duriitii jalqabee*,

71 harka diinota keenyaa akka nu oolchu, qabaa warra nu jibban hundumaa keessaas akka nu baasu*;

72 abboota keenyaafis araara akka godhuuf, kakuu isaa isa qulqullaa'aa akka yaadatuuf*;

73 abbaa keenya Abrahaamiif isa dhaabe nuuf kennuudhaaf, kakuudhaan akka jabeesse;

74 harka diinota keenyaa nu oolchuudhaaf, nus sodaa malee akka isaaf hojjennu gochuudhaaf*;

75 qulqullummaa fi tolatti fuula isaa dura jiraachuudhaaf, bara jireenya keenya hundumaatti*.

76 Ati immoo yaa mucaa nana, raajii aabbaa in jedhamta; karaa isaa qopheessuudhaaf fuula gooftaa dura in adeemta*;

77 beekumsa fayyinaa saba Waaqayyoof kennuudhaaf, dhiifamuu cubbuu isaaniis argachiisuudhaaf*;

78 Waaqayyo keenya, araara isaa isa oo'aan guuteen, barii fayyinaa nuuf bariisisa*;

79 warra dukkanaa fi gaaddisa du'aa keessatti argamanitti mul'achuudhaaf, miilla keenyas daandii nagaa irra geggeessuudhaaf? jedhe*.

80 Mucichi guddachaa, hubachaas in adeema ture; hamma guyyaa mul'inatti hojii isaa saba Israa'el keessatti jalqabettis, lafa onaa keessa in jiraata ture*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Volg ons:



Advertensies