Aanlyn Bybel

- Advertensies -

Lallaba 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Wanti Hundinuu Kan Waa'ee Hin Baafne Ta'uu Isaa

1 Dubbiin kanatti aanee jiru kan ilma Daawit mootii Yerusaalem isa lallabichaa ti*.

2 Lallabichi, <<Wanti hundinuu kan waa'ee hin baafnee dha, waa'ee hin baasu! Dhuguma waa'ee hin baasu!>> jedhe*.

3 Namni hojii isaa isa aduu jalatti itti dadhabu hundumaaf, bu'aa maalii argata*>>

4 Dhaloonni tokko in darba, dhaloonni biraas in dhufa; lafti garuu yeroo hundumaaf dhaabatee in hafa*;

5 biiftuun in baati, in lixxi, iddoo dhufteettis in ariifatti, deebitees in baati;

6 qilleensi gara mirgaatti in qilleensa'a, gara bitaattis in naanna'a; naanna'ees gara dur dhufetti in deebi'a.

7 Lagoonni hundinuus gara galaanaatti in yaa'u, galaanichi garuu hin guutu; lagoonni sunis gara dhufanitti in deebi'u, achiis deebi'anii in yaa'u.

8 Wanti hundinuu hamma namni isa dubbachuu dadhabutti, nama dadhabsiisa; iji argu hin quufu; gurris dhaga'uudhaan hin guutu*;

9 wanti dur ta'ee ture ammas ta'uuf jira; wanti dur godhamee ture, ammas godhamuuf jira; wanta aduu jala jiru keessaa wanti haaraan tokko illee hin jiru.

10 Wanti namni, <<Ilaa! Wanta haaraa kana>> jechuu danda'u jiraa>> Wanti kun baroota warra bara keenya dura turan keessa kan ta'ee dha;

11 wanti darbe hin yaadatamu, warri si'achi dhufanis wanta ta'uuf jiru hin yaadatan.

12 Ani lallabichi Yerusaalemitti mootii Israa'elin ture*;

13 ani wanta waaqa jalatti hojjetame hundumaa ogummaadhaan qoree ilaaluudhaaf itti nan yaade; ilmaan namootaa akka itti dhama'aniif Waaqayyo hojii rakkisaa kana kenneef*.

14 Ani wanta aduu jalatti hojjetame hundumaa argeera, kunoo, wanti hundinuu waa'ee hin baasu, akka nama qilleensa ari'uu tis*.

15 Wanti micciiramaan qajeeluu hin danda'u, wanti hin jirres lakkaa'amuu hin danda'u*.

16 Ani,<<Kunoo, ani warra ana dura Yerusaalem irratti mootii turan hundumaa caalaa, nama guddaa ta'eera, ogummaas baay'ifadheera>> jedhee garaa kootti nan yaade*.

17 Ogummaa, maraatummaa, gowwummaas gargar baasee beekuudhaaf itti nan yaade, kunis immoo akka nama qilleensa ari'uu akka ta'e nan hubadhe*;

18 ogummaa baay'ee keessa aarii guddaatu jira, kan beekumsa dabalatus mataa dhukkubbii dabalata.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Volg ons:



Advertensies