Aanlyn Bybel

- Advertensies -

Lakkoobsa 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Lakkoobsa Saba Israa'el Isa Jalqabaa
( Lak 26:1-51 ; Bau 30:11-16 )

1 Namoonni Israa'el biyya Gibxii ba'anii waggaa lammaffaatti, waggicha keessaa ji'a lammaffaatti, ji'icha keessaa guyyaa jalqabaatti Siinaa lafa onaatti, dunkaana itti wal ga'an keessatti Waaqayyo Museetti in dubbate*.

2 Inni Museedhaan,<<Guutummaa waldaa namoota Israa'el akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti dhiira kan ta'e hundumaa lakkaa'ii maqaa isaanii caafi!

3 Namoota Israa'el keessaa dhiirota warra waggaan isaanii digdama guutee fi digdamaa olii, warra lola dhaquu danda'an hundumaa atii fi Aaron akka kutata kutata isaaniitti lakkaa'aa!

4 Namni mana abbaa isaatti angafa ta'e gosa hundumaa keessaa tokko tokko isin gargaaruudhaaf isinitti haa dabalamu!

5 <<Maqaan namoota warra isinitti dabalamanii kanatti fufee jira; gosa Ruuben keessaa, Eliizur ilma Shiide'ur;

6 <<Gosa Shimi'oon keessaa, Shiilumii'el ilma Zuriishadaayi;

7 <<Gosa Yihudaa keessaa, Nahishoon ilma Aminaadaab*;

8 <<Gosa Yisaakor keessaa, Nataani'el ilma Zuwaar;

9 <<Gosa Zebuloon keessaa, Eliiyaab ilma Helon;

10 <<Kan ilmaan Yoseef immoo gosa Efreem keessaa, Eliishaamaa ilma Amiihud, gosa Minaasee keessaa immoo Gamaali'el ilma Phedaazur;

11 <<Gosa Benyaamiin keessaa, Abiidaan ilma Gidewoonii;

12 <<Gosa Daan keessaa, Ahii'ezer ilma Amiishadaayi;

13 <<Gosa Asheer keessaa, Fagi'el ilma Okraan;

14 <<Gosa Gaadi keessaa, Elii'aasaaf ilma Deu'el;

15 <<Gosa Niftaalem keessaa, Ahiiraa ilma Enaan>> jedhe.

16 Warri waldicha keessaa mana abboota isaaniitti geggeessitoota qomoo fi dura-buutuu kumaatama Israa'el ta'anii fo'aman isaan kana turan.

17 Museenii fi Aaron namoota warra maqaan isaanii dha'ame kana fudhatanii,

18 ji'a lammaffaa keessaa guyyaa jalqabaatti, guutummaa waldichaa walitti qabanii, dhiirota warra waggaa digdamaa fi warra digdamaa olii, akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti tokkon tokkon isaanii in caafan.

19 Akkuma Waaqayyo isa abboometti, Museen Siinaa lafa onaa keessatti isaan in lakkaa'e.

20 Gosa Ruuben ilma Yaaqoob isa angafaa keessaa dhiironni warri waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti tokko tokkoon in caafaman.

21 Gosa Ruuben keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma afurtamii ja'aa fi dhibba shan turan.

22 Gosa Shimi'oon keessaa dhiironni warri waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti tokko tokkoon in caafaman.

23 Gosa Shimi'oon keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma shantamii sagalii fi dhibba sadii.

24 Gosa Gaadi keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

25 Gosa Gaadi keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma afurtamii shanii fi dhibba ja'aa fi shantama.

26 Gosa Yihudaa keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

27 Gosa Yihudaa keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma torbaatamii afurii fi dhibba ja'a.

28 Gosa Yisaakor keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

29 Gosa Yisaakor keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma shantamii afurii fi dhibba afur.

30 Gosa Zebuloon keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

31 Gosa Zebuloon keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma shantamii torbaa fi dhibba afur.

32 Kan ilmaan Yoseef immoo, gosa Efreem keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

33 Gosa Efreem keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma afurtamaa fi dhibba shan.

34 Gosa Minaasee keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

35 Gosa Minaasee keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma soddomii lamaa fi dhibba lama.

36 Gosa Benyaamiin keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

37 Gosa Benyaamiin keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma soddomii shanii fi dhibba afur.

38 Gosa Daan keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

39 Gosa Daan keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma jaatamii lamaa fi dhibba torba.

40 Gosa Asheer keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

41 Gosa Asheer keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma afurtamii tokkoo fi dhibba shan.

42 Gosa Niftaalem keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

43 Gosa Niftaalem keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma shantamii sadii fi dhibba afur.

44 Warri Museenii fi Aaron angafoota kudha lamaan warra gosa gosa isaanii keessaa fo'amanii geggeessitoota Israa'el ta'anii wajjin lakkaa'an isaan kana.

45 Namoota Israa'el keessaa warri waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, biyya Israa'el keessaa lolaaf ba'uu kan danda'an hundinuu akka mana mana abbaa isaaniitti in lakkaa'aman.

46 Warri lakkaa'aman hundinuu kumaatama dhibba ja'aa fi kuma sadii fi dhibba shanii fi shantama turan*.

47 Maatiin gosa Lewwii garuu warra kanaa wajjin hin lakkaa'amne.

48 Waaqayyo dubbii kanatti fufee jiru Museetti dubbatee ture.

49 Inni Museedhaan,<<Ati gosa Lewwii hin lakkaa'in, lakkoobsa isaaniis isa kan namoota Israa'el warra kaaniitti hin dabalin*!

50 Qooda kanaa, warra Lewwootaa hojii dunkaana dhuga-baatuu sana, mi'a dunkaanicha keessaa fi waanuma kan dunkaanichaa ta'e hundumaa eeguutti isaan fo'i! Isaan dunkaanichaa fi mi'a isaa hundumaa haa baatan, naannoo isaa buufataniis isa haa eegan*!

51 Yeroo adeemuuf ka'an, warri Lewwoonni dunkaanicha haa buqqisan! Yommuu buufachuuf jedhanis isaanumti haa dhaaban! Isaan irraa kan hafe namni kan biraa dunkaanichatti yoo dhi'aate haa ajjeefamu*!

52 Namoonni Israa'el yommuu buufatan adduma addaan akka iddoo buufata isaaniitti, akka faajjii isaaniitti, akka kutata loltuu isaaniittis dunkaana in dhadhaabbatu.

53 Dheekkamsi waldaa namoota Israa'elitti akka hin dhufnetti, warri Lewwootaa naannoo godoo dhuga-baatuu sanaa haa buufatan! Godicha dhuga-baatuu isa itti gaafataman sanas haa eegan!>> jedhe*.

54 Namoonni Israa'el waan hundumaa akkuma Waaqayyo Musee abboometti in godhan.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Volg ons:



Advertensies