አቦቲ ሙርቲ 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooGosi Yihudaa Fi Gosi Shimi'oon Adonii-Bezeq Mooticha Qabachuu Isaanii 1 Iyaasuun erga du'ee booddee ijoolleen Israa'el,<<Kana'aanota loluudhaaf nu keessaa Gosi eenyuu dura haa bu'u?>> jedhanii Waaqayyoon in gaafatan*. 2 Waaqayyos deebisee,<<Namoonni Yihudaa isin dura haa bu'an! Kunoo ani immoo biyyichi harka isaanii jala akka galu godheera>> jedheen. 3 Namoonni Yihudaas obboloota isaanii namoota Shimi'ooniin,<<Kana'aanota loluudhaaf ka'aatii nuu wajjin gara biyya ga'aa keenyaa dhaqaa! Akkasuma nuyis gara biyya ga'aa keessanii isinii wajjin in dhaqna>> jedhan; namoonni Shimi'oonis isaanii wajjin in dhaqan. 4 Namoonni Yihudaa yommuu lolaaf ba'anittis Waaqayyo Kana'aanotaa fi Pheriizota harka isaanii jala waan galcheef, mandara Bezeq biratti namoota kuma kudhan in rukutan. 5 Mootii,<<Adonii-Bezeq>> jedhamus achumatti argatanii isa lolanii, Kana'aanotaa fi Pheriizota warra hafan in rukutan. 6 Adonii-Bezeq baqannaan hordofanii qabanii abgudduuwwan harka isaatii fi quba gurguddaa miilla isaatii in kukkutan. 7 Adonii-Bezeqis,<<Mootonni torbaatamni warri abgudduuwwan harka isaaniitii fi qubbeetiin gurguddaan miillan isaanii ittii kukkutaman huraa maaddii koo irraa harca'u in funaannatu turan; wanta ani nama irratti hojjedhe Waaqayyo anatti deebise>> jedhe; jarris mooticha gara Yerusaalemitti in geessan, innis achitti in du'e. Gosi Yihudaa Yerusaalemii Fi Kebroonin Qabachuu Isaa 8 Yommus namoonni Yihudaa mandara Yerusaalemitti duulanii in qabatan; namoota mandaricha keessa jiraatan billaadhaan fixanii, mandarichattis ibidda in naqan*. 9 Kana booddee namoonni Yihudaa Kana'aanota warra biyya gaaraa, biyya gara mirgaatii fi gammoojii jiraatan loluudhaaf in ba'an*. 10 Namoonni Yihudaa ammas Kana'aanota mandara Kebroon keessa jiraatan loluudhaaf dhaqanii, namoota Sheshaayi, namoota Ahimaanii fi namoota Talmaayi in ajjeesan; maqaan mandara Kebroon dur<<Kiriiyat-Arbaa>> jedhama ture. Otnii'el Mandara Debiir Qabachuu Isaa ( Iya 15:13-19 ) 11 Namoonni Yihudaa Kebroonii ba'anii namoota mandara Debiir keessa jiraatan loluu in dhaqan; maqaan Debiir dur<<Kiriiyat-Sefer>> jedhama ture. 12 Namichi Kaaleb jedhamu immoo,<<Nama Kiriiyat-Seferin rukutee qabatuuf intala koo Aksaa nan kenna>> jedhe. 13 Egaa Otnii'el ilmi Qenaz mandaricha in qabate; Qenaz kun obboleessa Kaaleb isa quxisuu dha; Kaalebis intala isaa Aksaa Otnii'elitti in heerumsiise. 14 Isheen Otnii'el bira yommuu dhufte, inni abbaa ishee biraa maasii akka isheedhaaf kadhatuuf in giddisiifte; yeroo isheen harree irraa buutes Kaaleb,<<Maal feeta?>> isheedhaan jedhe. 15 Isheen immoo,<<Na eebbisi! Erga biyya gara mirgaa anaaf kennite burqaa bishaaniis anaaf kenni!>> jette; innis burqaa isa gara irraa fi isa gad-jallaa in kenneef. Gosi Yihudaa Fi Gosi Benyaamiin Mo'icha Argachuu Isaanii 16 Sanyiin abbiyyuu Musee isa Qenichaa namoota Yihudaa wajjin mandara meexxiitii ba'anii kutaa biyya Yihudaa keessaa gara lafa onaa isa gara mirgaa mandara Araaditti argamutti ol ba'anii, saba biyya sanaa wajjin in jiraatan*. 17 Namoonni Yihudaas obboloota isaanii namoota Shimi'oonii wajjin gara mandara Zifaat dhaqanii, Kana'aanota achi jiraatan rukutanii mandarattii in balleessan; kanaaf maqaan mandarattii<<Hormaa>> jedhamee waamame*; [<<Hormaa>> jechuun <<Badiisa>> jechuu dha]. 18 Namoonni Yihudaa itti dabalanii mandaroota Gaazaa, Ashqaloonii fi Eqroon lafa naannoo isaanii jiruu wajjin in qabatan. 19 Waaqayyo namoota Yihudaa wajjin waan tureef, biyya gaaraa sana qabachuu in danda'an; garuu warri dachaa keessa jiraatan konkolaataa sibiilaa qabu waan turaniif, ari'anii isaan baasuu hin dandeenye*. 20 Akkuma Museen duraan dursee dubbatetti mandara Kebroon Kaalebiif in kennan; inni immoo ijoollee Aanaaq sadan ari'ee in baase*. 21 Namoonni Benyaamiin garuu Yibusoota ari'anii Yerusaalem keessaa waan hin baasiniif, isaan hamma har'aatti iyyuu ijoollee Benyaamiinii wajjin Yerusaalem keessa in jiraatu*. Gosi Yoseefii Fi Gosi Minaasee Bet'elin Qabachuu Isaanii 22 Gosi Yoseef mandara Bet'el rukutuudhaaf yommuu ba'an, Waaqayyo isaanii wajjin ture. 23 Gosi Yoseef Bet'elitti gaaddota ergan; maqaan Bet'el dur<<Luz>> jedhama ture*. 24 Warri gaadduun sunis nama mandaricha keessaa ba'ee adeemaa jiru arganii,<<Attamitti mandarattiitti galuu akka dandeenyu nutti argisiisi! Nuyis wanta gaarii siif in goona>> jedhaniin. 25 Innis akka itti mandarattiitti galan isaanitti in argisiise; isaan immoo warra mandarattii keessaa billaadhaan rukutanii, namichaa fi maatii isaa nagaatti gad in dhiisan. 26 Namichis biyya Heetotaatti galee, mandara maqaan isaa hamma har'aatti iyyuu<<Luz>> jedhamee beekamu in ijaare. Namoota Warra Israa'elootaan Biyyaa Hin Baafamin Hafan 27 Gosi Minaasee warra Bet-Shaan, Ta'anaa, Door, Yible'aamii fi Megidoo akkasumas warra gandeen naannoo isaanii keessa jiraatan ari'anii hin baafne; Kana'aanonnis yaada isaaniitti biyyuma sana keessa jiraachuuf kutanii turan. 28 Israa'eloonni erga jabaatanii warra Kana'aanotaa giddisiisanii hojii humnaa isaan hojjechiifatan malee, raawwatanii hunduma isaanii ari'anii hin baafne*. 29 Gosi Efreem Kana'aanota mandara Gezer keessa jiraatan ari'anii hin baafne; kanaaf Kana'aanonni isaanumaa wajjin Gezer keessa in jiraatan*. 30 Gosi Zebuloon Kana'aanota Qiixron keessaa fi Nahalol keessa jiraatan ari'anii hin baafne; haa ta'u iyyuu malee, achuma jiraatanii hojii humnaa akka isaaniif hojjetaniif in giddisiisan. 31 Gosi Asheer warra Aakoo, Sidoon, Ahilaab, Akziib, Helbaa, Afeqii fi Rehoob keessa jiraatan ari'anii hin baafne. 32 Akkasitti gosi Asheer Kana'aanota achi jiraachaa turanii wajjin jiraatan malee, ari'anii isaan hin baafne. 33 Gosi Niftaalem Kana'aanota Bet-Shemeshii fi Bet-Anaat keessa turanii wajjin jiraatan malee, ari'anii isaan hin baafne; haa ta'u iyyuu malee, warra Bet-Shemeshii fi Bet-Anaat keessa jiraatan sana hojii humnaa akka isaaniif hojjetaniif in giddisiisan. 34 Warri Amoorotaa gosa Daan biyya gaaraa irratti ittisanii, gara dachaatti gad bu'uu isaan dhowwan. 35 Warri Amoorotaa tulluu Heres irra, Ayalonii fi Sha'albiim keessa jiraachuuf kutanii turan; sanyiin Yoseef garuu qabaa cimaadhaan qabanii, hojii humnaa akka isaaniif hojjetaniif in giddisiisan. 36 Daariin warra Amoorotaa karaa Aqrabiim kattaa irraa jalqabee hamma gara oliitti ture. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia