Aanlyn Bybel

- Advertensies -

Hooseʼaa 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Ittiin Lixa

1 Kun dubbii Waaqayyoo isa bara Uziyaa, Yotaam, Ahaaz, Hisqiyaasis tarreetti biyya Yihudaa irratti mo'anii, Yerobi'aam ilmi Yeho'aash immoo biyya Israa'el irratti mo'etti, gara Hose'a ilma Beriit dhufee dha*.


Hose'a Fuudhee Ijoollee Sadii Godhachuu Isaa

2 Waaqayyo dura karaa Hose'a yeroo dubbatetti, Hose'aadhaan,<<Biyyichi Waaqayyoon dhiisuu isaatiin ejja guddaa keessa lixeera; kanaaf dhaqi, dubartii ejjituu fuudhi, ijoollee ejjaas godhadhu!>> jedhe*.

3 Kana irratti inni dhaqee Gomeerin intala Diiblaayim fuudhe; isheen ulfooftee ilma in deesseef.

4 Yommus Waaqayyo, << <Yizre'el>> jedhii moggaasi! Yeroo gabaabduu booddee sababii dhiiga Yizre'elitti dhangala'eef mana Yehuu nan adaba; mootummaan Israa'elis kanumaan akka raawwatu nan godha*.

5 Gaafas ani dachaa Yizre'el keessatti humna warra Israa'el nan cabsa>> jedheen.

6 Gomeer ammas ulfooftee, durba in deesse; Waaqayyo immoo Hose'aadhaan,<<Ani si'achi mana Israa'eliif cubbuu isaanii isaaniif dhiisuuf matumaa oo'a hin argisiisu, kanaaf<<Lo-Ruhaamaa>> jedhii maqaa moggaasi! [Hiikaan isaas <<Oo'a hin arganne>> jechuu dha]*.

7 Mana Yihudaatti garuu oo'a nan argisiisa, isaan nan oolchas; iddaadhaan yookiis billaadhaan yookiis lolaan yookiis fardeenii fi abboota fardeeniin utuu hin ta'in, ani Waaqayyo gooftaan isaanii harka kootiin isaan nan oolcha>> jedhe*.

8 Gomeer erga <<Lo-Ruhaamaa>> harma guuftee, ulfooftee ilma in deesse.

9 Waaqayyo yommus Hose'aadhaan, << <Lo-Amii>> jedhii moggaasi, isinoo saba koo miti, anis Waaqayyo keessan miti>> jedhe. [<<Lo-Amii>> jechuun <<Saba koo miti>> jechuu dha*].

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Volg ons:



Advertensies