Fiilmoonaa 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooNagaa 1 Ani Phaawulos, Kristos Yesusiif jedhee hidhamee utuun jiruu, Ximotewos obboleessa keenyaa wajjin, gara Filemon jaallatamaa hojiittis hidhata keenya ta'eetti*, 2 akkasumas gara obboleettii keenya Aaphifiiyaatti, gara Arkiphos isa wal'aansoo keessatti hidhata keenya ta'eetti, gara waldaa mana keetti walitti qabamuuttis, kana caafuu koo ti*. 3 Waaqayyo abbaan keenya, gooftaan keenya Yesus Kristosis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu*! Jaalalaa Fi Amantii Filemon 4 Yeroon kadhata koo keessatti maqaa kee dha'u hundumaatti Waaqayyo koo nan galateeffadha*. 5 Jaalalaa fi amantii ati gooftaa Yesusii fi, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaafis qabdu dhaga'eera*. 6 Wanta gaarii ta'ee nu keessatti Kristosiif hojjetu hundumaa hubattee, hojii amantii keessaa hirmaachuu kee caalaa akka mul'iftuuf nan kadhadha*. 7 Yaa obboleessa ko, ati warra Waaqayyoof qulqullaa'an garaa ciibsiteetta; kanaanis ani jaalala kee keessaa gammachuudhaaf jajjabina baay'ee argadheera*. Gaaffii Waa'ee Oneesimosiif Gaafate 8 Ani waan gochuun siif ta'u si abboomuudhaaf karaa Kristos ija jabina illee qaba; 9 garuu ani Phaawulos jaarsichi, ammas Kristos Yesusiif jedhee kanan hidhame, jaalalaaf jedhee si gorsuu nan fo'adha*. 10 Waa'ee ilma koo Oneesimos isa ani mana hidhaa keessa taa'ee abbaa ta'eefii, sin dhageessifadha*. 11 Innis dur siif dhimma kan hin baafne ture; amma garuu siif, anaafis dhuguma dhimma kan baasuu dha. 12 Isa deebisee gara keetti ergeera, garaan koos isa duukaa dhufeera. 13 Ani illee wangeelaaf jedhee yeroo ani hidhamee jiru kanatti, qooda kee akka inni anaaf hojjetuuf of bira tursiisuu barbaadeen ture*. 14 Garuu hojii gaariin ati hojjettu giddiidhaan utuu hin ta'in fedha garaa keetiitiin akka ta'uuf, yaada kee duuba ani waan tokko illee gochuu hin jaallanne*. 15 Tarii yeroodhaaf si irraa gargar ba'uun isaa yeroo hundumaa ati akka isaa wajjin haftuuf ta'a. 16 Si'achi akka obboleessa jaallatamaa isa garbichaa oliitti isa fudhadhu malee, akka garbichaatti miti; anaaf iyyuu erga akkas jaallatamaa ta'ee, siif immoo namummaa isaatiin, gooftaattis attam caalchisee siif haa ta'u ree*? 17 Ammas ani hidhata kee ta'uu koo kan yaaddu erga ta'ee, ana akka na simtutti Oneesimosin simadhu. 18 Inni waa sitti balleessee yoo jiraate yookiis gatii yoo isa irraa qabaate anatti lakkaa'i! 19 Ani Phaawulos ?Gatii isa irraa qabdu siifan baasa? jedhee kana harka kootiin caafuu koo ti; kana malees oolchaa kootiif akka ati ofii kee gatii gootee anaaf baasuun si irra jiru sitti himuu ana hin barbaachisu*. 20 Egaa yaa obboleessa ko, maqaa gooftaatti dhimma kana anaaf raawwadhu! Kristosiif jedhiitii garaa na ciibsi. 21 Waan ani sitti himu irra caalchiftee hojjechuu kee beekee, abboomamuu kees amanadhee, kana siif caafeera. 22 Achumaan immoo kadhata keessaniin Waaqayyo isiniif na kenna jedhee waanan abdadhuuf, iddoo buufataa anaaf qopheessi*! Gara Dhumaatti Nagaa Dhaamuu Isaa 23 Ephafraas, maqaa Kristos Yesusiif jedhee anaa wajjin hidhamee kan jiru nagaa siif dhi'eessa*. 24 Maarqos, Arisxaarkos, Deemaas, Luqaasis hojiitti hidhata koo kan ta'an nagaa siif dhi'eessu*. 25 Ayyaanni gooftaa keenyaa Yesus Kristos hafuura keessanii wajjin haa ta'u. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia