Faaruu 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooErmiyaas Yerusaalemiif Boo'uu Isaa 1 Mandarri dur namni keessa guutee ture, amma attamitti duwwaatti hafte! Isheen saba warra kaan gidduutti guddoo turte, amma attamitti akka haadha hiyyeessaa taate! Isheen kutaa biyyaa irratti mo'aa turte, amma immoo attamitti isaan gabbarte*! 2 Isheen halkan guutuu mararamtee in boossi, imimmaanis maddii ishee irra in dhangala'a; warra dur ishee jaallatan keessaa tokko illee dhufee kan ishee jajjabeessu hin jiru; firoonni ishee hundinuu ishee in ganan, diinotas isheetti in ta'an*. 3 Sabni Yihudaa rakkinaa fi garbummaa cimaa jala turan, amma immoo booji'amanii saba warra kaan keessa in jiraatu, achittis boqonnaa hin argatan; warri isaan ari'atan hundinuu, iddoo rakkinaatti isaan in qabatan*. 4 Namni ayyaanaaf gara Xiyoonitti ol ba'u waan hin jirreef, karaan ishee in one; karoonni ishee hundinuus cufaatti in hafan, luboonni ishee in aadu, durboonni ishee in gaddu; isheenis ofii isheetii iddoo dhiphinaa in taate. 5 Diinonni ishee ishee irratti gooftomanii, ofii isaaniitii qannootti in jiraatu; Waaqayyo baay'ina irra-daddarbaa saba isheetiif jedhee, iddoo rakkinaa ishee in godhe; namoonni ishee diinotaan booji'amanii biyyaa in baafaman. 6 Ulfinni ishee ishee irraa in sokke, gurguddoonni ishee akka borofa iddoo dheedichaa hin qabneetti, humna dadhabbiitiinis warra isaan ari'an jalaa in baqatu; 7 Yerusaalem yeroo rakkatee joortetti, wanta gaarii dur qabdi turte hundumaa in yaadatte; sabni ishee harka diinaa keessa yommuu bu'e, namni ishee gargaaru tokko illee hin argamne; diinonni ishee ishee arganii badiisa isheetti in kolfan*. 8 Sabni Yerusaalem cubbuu guddaa in hojjetan, in xuraa'anis; warri dur ulfina isaaniif kennaa turan, amma salphina isaanii arganii isaan in tuffatu; isaanis yeella'anii achi gara galanii in aadu*. 9 Xuraa'ummaan isaanii uffata isaaniitti qabatee jira, isaan akkas akka ta'an hin beekan turan; kufaatiin isaanii guddaa nama jibbisiisa, namni isaan jajjabeessus hin argamne; kana irraa kan ka'ees, <<Diinni mo'umsa waan argateef, yaa Waaqayyo, dhiphina keenya ilaali!>> in jedhu. 10 Diinni qabeenya Yerusaalem isa miidhagaa hundumaa irratti harka isaa in bal'ise; iddoo qulqullaa'aa lafa wal ga'ii saba Waaqayyoo, isa warri kaan akka hin linne dhowwaman keessa, sabni lafa irraa utuu lixanii namoonni ishee in argan*. 11 Sabni ishee hundinuu aadaa buddeena in barbaadu, ittiin of oolchuudhaaf, qabeenya isaanii isa miidhagaadhaan midhaan in geddaratu; mandarattiinis,<<Yaa Waaqayyo, ani attam akkan tuffatame mee ilaali! 12 <<Isin warri karaa irra darbitanis, yoo dhimma keessan ta'uu dhaabaate iyyuu, sanyiin dhiphina kootii isa Waaqayyo guyyaa dheekkamsa isaa isa boba'aatti anatti fide kanaa jiraa ree>> Mee ilaalaa! 13 Inni ol waaqa irraa lafee kootti ibidda in erge, ibiddichis lafee kootti in dhaga'ame; kiyyoo miilla koo dura kaa'ee, ittiin gara booddeetti na deebise; bara koo hundumaa kopha-galeessa na godhee na dhukkubsachiise*. 14 Waanjoon irra-daddarbaa kootii anatti hidhamee jira, isatu harka isaatiin morma kootti gudunfe; inni waanjoo isaa ana irra in kaa'e, ulfina waanjichaa irraa kan ka'e anis nan dadhabe; Waaqayyotu diinota kootti dabarsee na kenne, anis isaan dura dhaabachuu hin dandeenye. 15 Gooftichi dallaa koo keessatti, loltoota koo warra jajjaboo lafatti in dhidhiite, dargaggoota koo caccabsuudhaafis humna waraanaa anatti in waame; akka nama ija waynii irra ejjetee cuunfuuttis durboota Yihudaa irra in ejjete*; 16 ani kanaafan imimmaan koo dhangalaasee boo'a, kan na jajjabeessu, kan lubbuu anatti deebisus hin jiru; diinni waan harka fudhateef, ilmaan koo in hiyyooman>> in jetti. 17 Xiyoon harka ishee in bal'ifti, kan ishee jajjabeessu garuu hin jiru; sanyii Yaaqoobitti olloonni isaanii diinota akka ta'aniif, Waaqayyo isaanitti in kaasa; Yerusaalemis isaan gidduutti akka wanta xuraa'aa in taati*. 18 Isheen,<<Anatu abboommii isaa irra darbe malee, Waaqayyo qajeelaa dha; isin saba nana, hundumti keessan dhaga'aa, dhiphina koos ilaalaa! Durboonni koo fi dargaggoonni koo in booji'aman*; 19 warra dur na jaallatan nan waammadhe, isaan garuu anaaf birmachuu in didan; luboonni koo fi maanguddoonni koo ittiin of oolchuudhaaf mandara keessaa nyaata utuu barbaaddatanii achitti in dhuman. 20 Yaa Waaqayyo, hammam akka ani rakkadhe, mar'umaan koo na keessatti akka bilchaate, yaadaanis akkan dhiphadhe ilaali! Ani baay'ee waanan yakkeef, alaa billaatu ijoollee koo fixa, mana keessaa immoo dhukkubatu isaan fixa*. 21 <<Yommuu ani aadu namoonni dhaga'aniiru, kan na jajjabeessu garuu hin turre; diinonni koo hundinuu rakkachuu koo dhaga'aniiru, ati akkas na gochuu keettis gammadaniiru; isaanis akka koo akka ta'aniif, guyyaa isa,<<In dhufa>> jette sana fidi*! 22 Hamminni isaanii hundinuu si duratti haa mul'atu! Aadnaan koo baay'atee waan na gaggabseef, akkuma irra-daddarbaa koo hundumaaf jettee ana irratti hojjette, isaan irrattis akkasuma hojjedhu!>> in jetti. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia