Faarfannaa 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooMacaafni Inni Duraa (Faarfannaa 1–41) Jireenya Nama Qajeelaa Fi Jireenya Nama Jal'aa 1 Namni akka gorsa warra jal'ootaatti hin deddeebine, karaa cubbamoonni irra adeeman irra kan hin ejjenne, warra ga'isanii wajjinis tarree kan hin teenye gammachuu qaba*! 2 Qooda kanaa isa gammadu kanatti seerri Waaqayyoo itti in tola, innoo halkanii fi guyyaa waa'ee seera Waaqayyoo in yaada*. 3 Inni akka muka isa bishaan yaa'aa qarqara dhaabamee, yeroo yeroo isaatti ija kennuu, baalli isaas gogee hin harcaanee ti; wanti inni hojjetu hundinuus wal in qixxaataaf*. 4 Warri jal'oonni garuu akka kana miti; isaan akka abaqii qilleensi fuudhee adeemuu ti. 5 Egaa warri jal'oonni firdii duratti hin jabaatan, cubbamoonnis walga'ii qajeelotaa keessa hin dhaabatan. 6 Waaqayyo karaa qajeelotaa duukaa bu'ee in beeka, karaan jal'ootaa garuu gara badiisaatti in geessa. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia