Efesoon 6 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooIjoolleenii Fi Warri Isaanii Waliif Gochuun Kan Ta'u 1 Ijoollee! Abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa! Kun gooftaa duratti qajeelaa dha*. 2 Abboommiin inni dura abdii wajjin kenname, ?Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!? isa jedhuu dha. 3 Abdichis, ?Gaarii akka siif ta'utti, lafa irras bara dheeraa akka jiraattutti!? jedha*. 4 Isin immoo abboota nana! Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin tuttuqinaa*! Hojjetoonnii Fi Warri Hojjechiifatan Akka Itti Walii Wajjin Jiraatan 5 Isin warri garbummaa jala jirtan! Biyya lafaa kana irratti warra isin hojjechiifataniif sodaadhaa fi rom'aan, akka waan Kristosiif hojjettaniitti garaa qulqulluudhaan abboomamaaf*! 6 Akka isa nama gammachiisuuf ija ilaalattanii hojjettanii utuu hin ta'in, akka hojjetoota Kristositti garaa guutuudhaan jaalala Waaqayyoo raawwadhaa! 7 Akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin ta'in, akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti gammachuudhaan hojjedhaa! 8 Eenyu illee, garbichas ta'u birmaduus ta'u, hojii gaarii isa hojjeteef gooftaa biraa gatii isaa akka fudhatu beekaa*! 9 Isin warri hojjechiifattanis hojjetoota keessaniif akkasuma godhaa! Doorsisas dhiisaa! Gooftaan inni waaqa irra jiru isaaniif, isiniifis gooftaa dha; isa bira immoo nama wal caalchisuun akka hin jirre beekaa*. Duula Hafuuraaf Qophaa'uu 10 Kanaa achi, gooftaatti humna isaa isa aango-qabeessaattis jabaadhaa*. 11 Haxxumaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa*! 12 Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal'aansoo wal qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal'aansoo wal qabna*. 13 Kanaaf guyyaa hamaa sanatti mormitanii ittiin qabuu, mi'a guutummaatti hidhatan sanaanis lolatti dhaabachuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo fudhadhaa! 14 Egaa akka nama sabbataan hidhatuutti dhugaadhaan mudhii keessan jabeeffadhaa, qajeelummaas akka maddaa sibiilaatti uffadhaatii dhaabadhaa*! 15 Akka nama kophee kaa'ateettis wangeela nagaa fudhattanii, isa lallabuudhaaf qophaa'aa*! 16 Kana hundumaa irrattis amantii akka gaachanaatti fudhadhaa! Isaan xiyya isa hamaa sanaa, warra boba'aa adeeman dhaamsuu in dandeessu*. 17 Fayyina akka gonfoo-sibiilaatti, sagalee Waaqayyoos akka billaatti, hafuura qulqulluu biraa fudhadhaa*! 18 Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa! Egaa kadhachuutti dammaqaa, obsaanis itti jabaadhaa, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaafis kadhadhaa*! 19 Ani immoo dhoksaa wangeelaa ija jabinaan beeksisuudhaaf yommuun afaan saaqadhu, dubbiin akka anaaf kennamutti, anaaf kadhadhaa*! 20 Akka dubbachuun anaaf ta'utti ija jabinaan akkan dubbadhuuf anaaf kadhadhaa! Ani funyoo sibiilaatiin lafan hidhametti iyyuu wangeela isaa lallabuudhaaf, Kristosiif afaan ta'ee ergameen jira*. Gara Dhumaatti Nagaa Dhaamuu Isaa 21 Amma ani attamitti akkan jiru, maalittis akkan jiru, isinis immoo akka beektanitti, Xikiqoos obboleessi jaallatamaan, hojii gooftaattis amanamaan, waan hundumaa isinitti in hima*. 22 Nuyi attamitti akka jirru akka beektaniif, innis immoo garaa keessan akka jajjabeessuuf, dhimma kanaaf gara keessanitti isa ergeera. 23 Waaqayyo abbaa biraa, Yesus Kristos gooftaa biraas nagaan, jaalalli, amantii wajjin obboloota hundumaaf haa ta'u*! 24 Ayyaanni warra gooftaa keenya Yesus Kristosin jaalala hin badneen jaallatan hundumaa wajjin haa ta'u*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia