Aanlyn Bybel

- Advertensies -

Efesoon 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Nagaa

1 Ani Phaawulos fedha Waaqayyootiin ergamaa Kristos Yesus kanan ta'e, warra Kristos Yesusitti amananii, Waaqayyoof qulqullaa'anii mandara Efesoon jiraataniif kana caafuu koo ti*.

2 Waaqayyo abbaan keenya, gooftaan keenya Yesus Kristosis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu*!


Karaa Kristos Eebba Hafuuraa Argachuu

3 Waaqayyoof, abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos isa karaa Kristos eebba hafuuraa hundumaan, waan waaqa irraatiinis nu eebbiseef galanni haa ta'u*!

4 Inni uumamuu biyya lafaa dura iyyuu warra qulqullaa'an, warra isa duratti mudaa hin qabne akka taanuuf, jaalalaan karaa Kristos nu fo'ateera*.

5 Waaqayyo, karaa Yesus Kristos ilmaan isaa taanee akka guddifamnuuf, akka fedha isaa isa gaariitti yaadaan nuuf qabeera*.

6 Kunis guddina ayyaana isaa, isa inni ilma isaa isa jaallatamaadhaan nutti tole nuuf kenne in galateeffachiisa*.

7 Akka badhaadhummaa ayyaana isaattis Kristos dhiiga isaa nuuf dhangalaasuu isaatiin furamuu, dhiifamuu cubbuus qabna*.

8 Ayyaanni inni ogummaa isaa fi hubannaa isaa hundumaan nu irratti dhangalaase baay'ee dha.

9 Waaqayyo waan isatti gaarii fakkaate karaa Kristos itti yaadee of dura kaa'atee ture; ammas dhoksaan fedha isaa kun nu biratti akka beekamu godhe*.

10 Barri murame yeroo guututti, Waaqayyo akka ittiin fayyisuuf akeeketti, wanta bantii waaqaa keessa jiru, wanta lafa irra jiru, wanta hundumaas harka Kristos jalatti walitti in qaba*.

11 Waaqayyo wanti hundinuu akka akeeka isaatii fi akka fedha isaatiitti akka ta'u in godha; nus immoo akka inni yaadee qopheessee of duraa qabuutti, karaa Kristos fo'amneerra.

12 Nuyi warri duraan dursinee Kristosin abdii godhanne, ulfina isaatiif galata akka taanuuf nu fo'ate*.

13 Isinis immoo ergaa dhugaa, wangeela fayyina keessanii karaa isaa dhageessan; isin warri dhageessanii itti amantan, hafuura qulqulluu isa abdachiifameen mallateeffamtaniittu*.

14 Hafuurri qulqulluun immoo warri kan Waaqayyoo ta'an galata ulfina isaatiif yeroo furamanitti wanta nuyi argachuuf jirruuf qabdii keenya*.


Karaa Kristos Gooftummaa Waaqayyoo Beekuu

15 Ammas ani gooftaa Yesusitti amanuu keessan warra Waaqayyoof qulqullaa'an jaallachuu keessanis dhaga'eera*.

16 Waa'ee keessaniif Waaqayyoon galateeffachuu, kadhata koo keessattis isin yaadachuu hin dhiifne*.

17 Waaqayyo gooftaa keenyaa Yesus Kristos, abbaan ulfinaa hafuura ogeessota isin godhu, Waaqayyoon beekuus isa isinitti mul'isu, akka isiniif kennuuf nan kadhadha.

18 Waamichi isaa abdii maalii akka of keessaa qabu, ulfinni warri Waaqayyoof qulqullaa'an itti darbanii argachuuf jiranis badhaadhummaan isaa maal akka ta'e beekuudhaaf, ija qalbii keessanii akka isiniif ibsuuf kadhata koo ti*.

19 Kunis nuyi warra amanneef humni isaa safara malee guddaa akka ta'e, aangoon isaa inni jabaanis nu gidduutti akka hojjetu akka beektaniif ture*.

20 Inni hojii aangoo isaa kanaan Kristosin warra du'an keessaa kaasee, waaqa irrattis gara mirga ofii isaatii isa teessise*.

21 Gooftummaa, aboo, humna, mootummaa hamma jiru hundumaa, bara kanatti, bara dhufuttis waanuma maqaa dha'uun danda'amu gara irraa isa oolche*.

22 Waaqayyo waan hundumaa miilla Kristos jala kaa'e; goofticha waan hundumaa gara irraa jiru kanas waldaa kristiiyaanaatiif mataa godhee kenne*.

23 Waldaan kristiiyaanaa dhagna Kristos; inni waan hundumaa karaa hundumaan guutu, guutummaa isaatti dhagna isaa kanatti in jiraata*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Volg ons:



Advertensies