Daaniʼel 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooDaani'elii Fi Hiriyoonni Isaa Booji'amanii Mana Mootii Baabilonitti Geeffamuu Isaanii 1 Yehoyaaqiim mootiin biyya Yihudaa mo'ee waggaa sadaffaatti, Nebukadnezaar mootiin biyya Baabilon dhufee mandara Yerusaalem in marse. 2 Waaqayyo gooftaan yommus Yehoyaaqiim mootiin biyya Yihudaa, qodaa mana qulqullummaa keessaas gar-tokko harka mootii Baabilonitti akka kennamu in godhe; mootiin Baabilonis warra booji'e biyya isaa isa <<Shiinaar>> jedhamee beekametti geessee, mana waaqayyolii isaatti isaan galche; qodaa sanas lafa qabeenyi waaqayyolii isaatii taa'u in kaa'e*. 3 Mootichi yommus dargaggoota Israa'elii booji'aman warra sanyii moototaa fi gurguddootaa ta'an keessaa akka dhi'eessuuf, Ashfenaaz angafa hojjetoota isaa warra xu'aashii abboome*; 4 dargaggoonni dhi'eeffaman kun warra mudaa hin qabne, ija namaatti miidhagan, ogummaa hundumaa qalbifatan, beekumsa qaban, barumsaa fi mataa qaban, mana mootii keessa hojjechuuf warra malan ta'uun isaan irra jira; isaan caaffataa fi afaan warra Kaldootaa barsiifamuuf turan. 5 Mootichi nyaata ofii nyaatu irraa daadhii waynii ofii dhugu irraa wanta isaan guyyaa guyyaatti argatan in mureef; isaan kun waggaa sadiif barsiisa kanaan erga guddifamanii booddee, fuula mootichaa duratti dhi'aatanii hojii irra dhaabamuuf turan. 6 Isaan gidduutti warra Yihudaa keessaa kan argaman Daani'el, Hanaaniyaa, Miishaa'elii fi Azaariyaa turan. 7 Angafni hojjetoota warra xu'aashii sunis maqaa isaanii geddaree,<<Daani'eliin Belxishaazaar, Hanaaniyaadhaan Shaadraak, Miishaa'eliin Meshaak, Azaariyaadhaan Abed-Neegoo>> jedhe. 8 Daani'el garuu nyaata mootichi nyaatuu fi dhugaatii inni dhugu soorachuudhaan akka of hin xureessineef garaa murate; kanaaf of xureessuu kana keessaa ooluudhaaf angaficha warra hojjetootaa sana in kadhate*. 9 Waaqayyo immoo Daani'el faara tolaadhaa fi gara-laafina angaficha irraa akka argatu godhe*. 10 Namichi Daani'eliin,<<Ani mooticha gooftaa koo isa waan isin nyaattanii fi waan isin dhugdan isiniif mure nan sodaadha; sababiin isaas mootichi bifni keessan hiriyoota keessanii gad ta'ee daalachaa'u in arga; kanaanis isin mooticha biraa dubbii sodaachisaa mataa koo irratti in fichisiiftu>> jedhe. 11 Daani'el amma immoo namicha isa angafichi warra hojjetootaa, eegduu Daani'el, Hanaaniyaa, Miishaa'elii fi Azaariyaa godhe sanaan, 12 <<Mee wanta nyaannu biqiltuu garaa garaa, wanta dhugnus bishaan nuuf haa kennan; atis guyyaa kudhaniif nuyi garboota kee irratti ilaali! 13 Bifni keenya bifa dargaggoota warra nyaata mootii nyaatanii wajjin si duratti haa ilaalamu; erga kana argitee booddee nun garboota kee akkuma sitti mul'ate godhi!>> jedhe. 14 Kanaaf inni wanta isaan dubbatan kana dhaga'eefii, guyyaa kudhaniif isaan irratti in ilaale. 15 Guyyaa kudhan booddee bifni isaanii, gabbinni isaaniis kan dargaggoota warra nyaata mootii nyaatanii caalee argame. 16 Kana irratti eegduun isaanii sun nyaata isaanii, daadhii waynii isaan dhuguuf turanis dhiisee, nyaata biqiltuu garaa garaa isaaniif in kenne. 17 Waaqayyo yommus dargaggoota arfan kanaaf beekumsa caaffatootaa fi ogummaa hundumaa fi hubannaa isaaniif kenne; Daani'el immoo mul'ataa fi abjuu hiikuuf kennaa in argate*. 18 Barri isaan itti haa dhi'aataniif mootichi mureef geenyaan, angafni hojjetoota warra xu'aashii Nebukadnezaaritti isaan dhi'eesse. 19 Yommus mootichi isaanii wajjin dudubbatee hunduma isaanii keessaas kan akka Daani'el, Hanaaniyaa, Miishaa'elii fi Azaariyaa hin argamne; akkasitti isaan mooticha duratti hojiidhaaf in fudhataman. 20 Dubbii ogummaa fi hubannaa waan ilaalu hundumaatti mootichi yeroo yaada isaanii gaafatetti, guutummaa biyya mootummaa isaa keessaa warra ayyaana hedan,<<Beekaa>> warra jedhamanis hundumaa irra harka kudhan caalanii argate. 21 Qiiros mo'ee hamma waggaa tokkootti Daani'el hojii kana irra ture*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia