Amoos 6 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooSobaan Of Jajjabeessanii Gad-Dhiisatti Jiraachuu Warra Gurguddootaa 1 Isin gurguddoonni saba isa saba warra kaan irra caalu, warri namoonni Israa'el gorsaaf gara keessan dhufanii, isin Xiyoon keessa yaaddoo tokko malee, tulluu Samaariyaa gubbaas homtuu hin jiru jettanii amanattanii in jiraattu; garuu isin warra akkasii kanaaf wayyoo! 2 Darbaa mandara Kaalnee ilaalaa! Achii immoo gara mandara Haamaat ishee guddittii dhaqaa! gara mandara biyya Filiisxiyaa gara Gaatitti gad bu'aa; isaan mootummoota warra kan keessanii irra in wayyuu ree>> Yookiis biyyi isaanii biyya keessan irra in bal'ataa ree*>> 3 Isin guyyaa hamaa achi fageessuu in yaaddu, wanti humnaan nama irratti dhufu garuu akka dhi'aatu in gootu*. 4 Isin siree ilka arbaa irra ciiftanii, iddoo ciisicha keessanii irras isinitti tolee in diriirfattu; hoolota keessaa warra xoxobbee, tuntunoo keessaas warra coccoomoo in nyaattu; isiniif wayyoo*! 5 Isin sagalee maseenqootiin waan waa'ee hin baafne in weeddiftu, Daawitin fakkaachuufis mi'a ittiin weeddisan in baaftu; 6 isin daadhii waynii soondoodhaan dhuguuf, dibata isa keessaa caalu dibachuu malee, badiisa sanyii Yoseef irratti dhufuuf jiruuf hin gadditan*. 7 Kanaafis isin warra booji'aman dura buutanii gara booji'amuu in dhaqxu, inni isin nyaattanii dhugdanii, isinitti tolee iddoo ciisicha keessanii irra diriirfattanis in hafa. Israa'el Yakka Isaatiin Balleeffamuu 8 Waaqayyo gooftaan ofii isaatiin kakatee, <<Of gurguddisuu sanyii Yaaqoob ijaan ilaaluu na jibbisiise, manneetii isaanii warra jajjaboo nan jibbe, mandarattii, waan ishee keessa guutes dabarsee nan kenna>> jedhee dubbateera Waaqayyo gooftaan maccaa*. 9 Namni kudhan hafanii mana tokko keessa yoo jiraatan iyyuu, isaanis in du'u. 10 Egaa aantiin namicha du'ee reeffa isaa gubuudhaaf, mana keessaa gad in baasa; yommus isa gola manichaa keessa jiruun, <<Kan biraa si bira jiraa?>> in jedhaan; inni garuu,<<Tokko iyyuu hin jiru>> jedhee in deebisa; namichis,<<Maqaa Waaqayyoo akka hin yaadannetti mee hin dubbatin!>> in jedha*. 11 Kunoo! Waaqayyo akkas in godha; inni in abbooma, manni guddaan in hunkutaa'a, manni xinnaanis in hurraa'a. 12 Fardeen dhagaa kakattaa irra in fiiguu ree>> Namni qotiyyoodhaan galaana in qotaa ree>> Isin garuu wanta qajeelaa ta'ee fudhatame wanta hadhaa ta'utti, qajeelina hadhooftuutti geddartaniittu*. 13 Isin warri mandara Lodbaar ishee<<Waan tokkotti hin galle>> qabachuutti gammaddanii, <<Jabina keenyaan mandara Karnaayim ishee<<Gaanfee>> jedhamtus fudhanne>> jettanii of jajattaniittu*! 14 Waaqayyo gooftaan maccaa immoo, <<Yaa mana Israa'el, kunoo ani saba tokko sitti nan kaasa, inni immoo karaa mandara Haamaat isa gara bitaatii jalqabee hamma dachaa lafa duwwaa isa gara mirgaattis si cunqursuuf jira>> jedhee dubbateera*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia