Amoos 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooIttiin Lixa 1 Kun dubbii Amos, inni warra mandara Teqo'aa keessatti hoolota horsiisan keessaa tokko ture dubbatee dha; inni bara biyyi Yihudootaa iddoo lamatti hiramee, Uziyaan biyya Yihudaatti, Yerobi'aam ilmi Yeho'aash immoo biyya Israa'elitti mootota turanitti, waa'ee Israa'eliif waan itti mul'ate dubbate; kun immoo raafamuu lafaa isa beekamaa sana dura waggaa lama ture*. 2 Inni,<<Waaqayyo tulluu Xiyoon irraa in qaqawweessa'a, Yerusaalem keessaas sagalee isaa in dhageessisa; kaloon warra tiksituu in goga, gubbee tulluu Qarmelos irraas margi in coollaga>> jedhee dubbate*. Firdii Irra-Daddarbaa Isaaniitiif Biyya Warra Olloota Israa'el Irratti Dhufuuf Jiru Isa Sooriyaa Irratti Dhufuuf Jiru ( Isa 17:1-3 ) 3 Amos itti fufee, <<Waaqayyo akka jedhu! <<Warri mandara Damaasqoo ulee sibiilaa isa ittiin midhaan cagadaniin warra biyya Giil'aad waan cagadaniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu! 4 << <Kanaaf ani mana Hazaa'el mootichaa irratti ibidda nan erga; inni immoo mana jajjabaa isa kan Ben-Hadaad mootichaa sana in fixa*. 5 Danqaroota karra Damaasqoo nan caccabsa; warra dachaa Aween keessa jiraatan, isa ulee mootummaa baatus Bet-Edeenii nan buqqisa; warri Sooriyaas booji'amanii biyya Qiir in dhaqu>> jedha Waaqayyo>> jedhe*. Isa Filiisxiyaa Irratti Dhufuuf Jiru ( Isa 14:28-31 ) 6 <<Waaqayyo akka jedhu! <<Warri mandara Gaazaa dabarsanii warra Edoomitti kennuudhaaf, saba guutummaatti waan boojisiisaniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu! 7 << <Kanaaf ani kellaa Gaazaa irratti ibidda nan erga; inni immoo mana ishee warra jajjaboo in fixa. 8 Ani warra mandara Ashdood keessa jiraatan, isa ulee mootummaa baatus mandara Ashqalon keessaa nan buqqisa; mandara Eqroon irratti harka koo ol nan fudhadha, warra Filiisxiyaa keessaas kan hafan badduu in ba'u>> jedha Waaqayyo gooftaan>> jedhe. Isa Xiiros Irratti Dhufuuf Jiru 9 <<Waaqayyo akka jedhu! Warri mandara Xiiros saba guutummaatti dabarsanii boojuudhaaf warra Edoomitti waan kennaniif, kakuu obbolummaas waan hin yaadatiniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu! 10 Kanaaf<<Ani kellaa Xiiros irratti ibidda nan erga; inni immoo mana ishee warra jajjaboo in fixa>> jedha>> jedhe. Isa Edoom Irratti Dhufuuf Jiru 11 <<Waaqayyo akka jedhu! Warri biyya Edoom billaa fudhatanii obboloota isaanii waan ari'aniif, oo'as waan hin argisiisiniif, aariin isaanii yeroo hundumaa waan boba'uuf, dheekkamsi isaaniis bara hundumaa waan itti fufeef, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu! 12 Kanaaf,<<Ani mandara Temaan irratti ibidda nan erga; inni immoo mana mandara Bozraa warra jajjaboo in fixa>> jedha>> jedhe*. Isa Amoon Irratti Dhufuuf Jiru 13 Waaqayyo akka jedhu!<<Warri biyya Amoon daarii biyya isaanii bal'ifachuudhaaf jedhanii, biyya Giil'aaditti garaa dubartoota ulfaa iyyuu waan tarsaasaniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu! 14 Kanaaf,<<Ani kellaa Raabaa irratti ibidda nan bobeessa; inni immoo mana ishee warra jajjaboo in fixa; kunis guyyaa duulli wacutti, guyyaa qilleensi bubbisuttis in ta'a. 15 Mootiin warra Amoon gurguddoonni isaas isaa wajjin, booji'amanii in adeemu>> jedha gooftichi>> jedhe*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia