3 ዮሀንስ 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooIttiin Lixa 1 Ana isa maanguddicha biraa, haa ga'u gara Gaayos jaallatamaa isa ani dhugaadhaan jaalladhu*! 2 Yaa michuu ko! Akkuma karaa lubbuu sitti tole, karaa hundumaan akka sitti tolu, akka ati fayyaa taatus nan kadhadha. 3 Obboloonni tokko dhufanii, dhugaatti qabamtee akka jiraattu, dhugaadhaaf amanamuu kee mul'isanii yommuu dubbatan, guddaan gammade*. 4 Ijoolleen koo dhugaatti qabamanii jiraachuu isaanii dhaga'uun gammachuu koo ti; gammachuu kana irra caalus hin qabu. Wal Simachuun Obbolootaa Jajamuu Isaa 5 Yaa michuu ko! Waan obbolootaaf, caalaadhumatti immoo keessummootaaf gootu amanamummaadhaan in hojjetta. 6 Obboloonni keessummummaaf dhufan sun waa'ee jaalala kee waldaa kristiiyaanaa duratti mul'isanii dubbataniiru; Waaqayyo duratti qajeelaa akka ta'utti karaadhaaf waan isaan barbaachisu laateefii, yoo isaan geggeessite gaarii hojjechuu kee ti*. 7 Isaan maqaa Kristosiin barsiisuudhaaf ba'aniiru; warra amantoota hin ta'in irraas homaa hin fudhatan*. 8 Nuyi dubbii dhugaa kana keessatti hidhata isaanii ta'uudhaaf namoota akkasii kana simannee gargaaruun nuuf in ta'a*. Gorsa Wal Diduu Irraa Of Eeggachiisu 9 Ani waldaa kristiiyaanaatiif waan tokko caafeera; Diyotreefes inni geggeessituu ta'uu barbaadu immoo nu hin dhaga'u. 10 Egaa yoon dhufe, waan inni hojjetuuf isa inni dubbii hundee hin qabneen maqaa keenya balleessu hundumaa nan kaasa; kunumtuu isa ga'uu dinnaan, ofii isaatii obboloota warra diidaa dhufan dhaga'uu dide; warra obboloota kana dhaga'uu barbaadan immoo dhowwee, waldaa kristiiyaanaa keessaa in baasa. 11 Yaa michuu ko! Waan hamaa hin akkeessin waan gaarii akkeessi malee; namni waan gaarii hojjetu, kan Waaqayyoo ti; namni waan hamaa hojjetu Waaqayyoon hin argine*. 12 Namoonni hundinuu, waa'ee Demeexrosiif waan gaarii mul'isanii in dubbatu; ija dhugaa durattis waan gaariitu dubbatamaaf; nus immoo kana mul'ifnee in dubbanna, atis inni nuyi mul'ifnee dubbannu kun dhugaa akka ta'e in beekta*. Ittiin Raawwata 13 Kanan siif caafu illee waan baay'ee qaba; garuu biriidhaa fi qalamiidhaan siif caafuu hin barbaadu*. 14 Afaaniin walii wajjin akka haasofnuuf dafee si arguu nan abdadha. 15 Nagaan siif haa ta'u, firoonni kee nagaa siif ergu; tokkuma tokkoon maqaa dha'iitii firoota keenyatti nagaa nuuf himi! |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia